Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Busaa namatti deddeebi'uf waggoota 60 keessatti yeroo duraaf qorichi ragga'e
Qorichi busaa talaaluuf ooluufi waggoota 60 keessatti yeroo duraaf kan mirkanaa'e qondaaltota Yunaayitid Isteetin fudhatama argate.
Qorichi kuni busaa irra-deddeebiin namatti ka'uf qophaa'e. Dhibeen kun waggaatti ummanni miiliyoona 8.5 ta'u akka dhukkubsatu taasisa.
Gosi dhukkuba busaa kanaa tiruu keessa waggoota muraasaaf dhokachun boodarra deebi'e waan ka'uf ofirraa dhowwuun rakkisaadha.
Saayintistonni qoricha 'tafenoquine' jedhanin ''argama guddaadha'' jedhaniiru.
Akka addunyaattis qondaaltonniifi qaamoleen qoricha to'atan qoricha kana ilaaluun ummata isaaniif ajajuu danda'u.