Taphoota Piriimer Liigii torban kanaa Laawuroon tilmaameera. Isinis tilmaamaa

Arsen Vinger yeroo Arsenaaliin gadi dhiisaa jirutti Dilbata Maanchister Yunaayitid waliin taphachuudhaan tapha isaa masaanuu isaa yeroo hundaa Joosee Moriinoo waliin isa dhumaa ta'a.

Laawuroon tilmaama taphoota gurguddoo 380 keessummoota gara garaa waliin taasiseera.

SANBATA

Liiverpuuliifi Istook

Madda suuraa, BBC Sport

Liiverpuuliifi Istook (12:30 BST)

Akka Kiloop jedhutti Liiverpuul Liiverpuul yeroo kana sirriitti taphataa jiru.

Istook ammoo mo'achuu baayyisanii barbaadu. Garuu dirree Liiverpuul irratti galmee fokkisaa qabaachuu qofa osoo hin taane, taphoota 54 darban hin mo'anne.

Tilmaama Laawuroo: 2-0

Burnley v Brighton

Madda suuraa, BBC Sport

Barnileefi Biraayiten

Biraayiten qaphxii 36 walitti qabachuun gadi bu'uurraa qaphxii fagaatanii jiru waan ta'eef tapha kanaan qaphxii dhaban waayyu miti.

Barnileen itti fufinsaan mo'achuun torban darbe dhaabatus garuu Biraayiten raakkoo itti ta'u jedhaa hin yaadu.

Tilmaama Laawuroo: 2-0

Crystal Palace v Leicester

Madda suuraa, BBC Sport

Kiristaal Paalaasiifi Leester

Yeroo gaariin Leester waan dhume fakkaata, ta'us garuu sadarkaa isaan walakkaa olitti xumuruu barbaada.

Kiristaal Palaas ammallee amansiisoo miti. Qabxiin tapha kanarraa argatan amansiisaa taasisaaf. Kana ammoo ni hojjetu jedheen yaada.

Tilmaama Laawuroo: 1-1

Huddersfield v Everton

Madda suuraa, BBC Sport

Hadersifiildiifi Everteen

Deggertoonni Everten dhuma tapha bara kanaa gaggeessaa garichaarra waanta ga'u eegaa jiru. Torban lamaan itti aanan garuu Haadersifiildiif yeroo barbaachisaadha.

Tilmaama Laawuroo: 1-0

Newcastle v West Brom

Madda suuraa, BBC Sport

Niiwukasiliifi Westi Biroom

Qaphxii sadii argachuun Westi Biroomiif abdii kufaatiirraa ooluudha. kunimmoo tapha kana booda waan danda'amu natti hin fakkaatu.

Niiwuukasil tibba kana sochi gaarii agarsiisaan Wixata darbe Everteniin mo'amanii dhaabaniiru. Ta'us garuu taphni ammaa kun dirree ofiisaaniirratti.

Tilmaama Laawuroo: 2-0

Southampton v Bournemouth

Madda suuraa, BBC Sport

Saawuzhaampiteeniifi Barnimaawozii

Saawuzhaampiteen taphoota afur darban keessaa qaphxii tokko qofa argatan. Kanaafis, gara dhumaarra jiru.

Barnimaawozi ammoo taphoota afur darban keessaa qaphxii lama argatan.

Tilmaama Laawuroo: 2-1

Swansea v Chelsea

Madda suuraa, BBC Sport

Siwaansiifi Chelsii (17:30 BST)

Siwaansiin taphoota shanan darban keessaa sadii walqixa ba'uun lama ammoo mo'amuun rakkoo keessa jira.

Ammas gara mo'achuutti hin deebiyan.

Tilmaama Laawuroo:0-2

DILBATA

West Ham v Man City

Madda suuraa, BBC Sport

Westi Haamiifi Maanchester Siitii (14:15 BST)

Westi Haamii torban darbe Arsenaaliin mo'amaniiru. Kanaaf, torban kanas haalli walfakkaatu Dilbata dhufu akka irra hin geenye of eeggachuu qabu.

Maanchester Siitiin waancaa Piriimer Liigii barana kan isaa taasifateera. Ta'us dursaa garee kanaa Pep Guardiola akka tapha kanarrati dhibaayan hin eyyamu.

Machester Siitiin rekoordii haaraa qabxii Piriimer Liigiitins haa ta'u goolii hedduu lakkoofsifachuun waan barbaaduuf qophaa'ee gara Istaadiyeemii Landan deema.

Tilmaama Laawuroo: 0-2

Man Utd v Arsenal

Madda suuraa, BBC Sport

Maanchester Yunaayitidiifi Arsenaal (16:30 BST)

Maanchester Yunaayitid sadarkaa lammaffaaf waan shakkan miti.

Morkii Vinger Moriinoo waliin qaban Maanchester Yunaaytiditti ciminnaa laata? Akkas hin ta'u.

Vingeris waa'ee Europa League tiif darbuutu dhimma isaanii guddaadha.

Timaama Laawuroo: 2-0

WIXATA

Tottenham v Watford

Madda suuraa, BBC Sport

Tootinhaamiifi Waatifoordi (20:00 BST)

Harii Keen ammallee ciminasaa irraa kan gadi bu'u hin fakkaatu.

Waatifoordi amma qabxii 38 argatanii foyyee argataniiru. Tapha kanaan Tootinhaam Wanbileetti ni mo'ata.

Tilmaama Laawuroo: 2-0