Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaatti maatiinisaa erga du'anii waggaa afur booda daa'ima dhalate
Daa'imi Chaayinaa erga haati fi abbaansaa balaa konkolaataan du'aniin booda, haadha biroon garaatti baatamee dhalateera jechuun miidiyaaleen Chaayinaa gabaasaniiru.
Haatifi abbaan bara 2013tti otoo hin du'iin dura, mala saayinsaawaan mucaa godhachuu abdachuun micireewwan sanyii baayyee cabbeessuun ol kaa'anii turan
Balaa sana booda, akaakileen daa'imichaa, micirichatti fayyadamuuf haalduree seeraa baayyee keessa darbaniiru.
Daa'imi kun baatii Mudde keessa haadha gadameessa ishee kireessite irraa Laawositti dhalateera.
Akka Za Beejing Niiwus jedhutti, kana dura haaalli akkasii uumame waan hin beekneef akaakileen mucaa kanaa mucicha argachuuf haalduree seeraa keessa darbuuf dirqamaniiru.
Yeroo balaan uumame hospitaala Naanjingitti sanyiin miciree of eeggannoo guddaatiin digriii nagatiiva 196 irratti akka cabbaa'u gochuun dhangala'aa Naayitiroojiin keessa akka taa'u taasifammeera.
Dhaddachi haala seeraa dheeraan booda mirgi abbummaa miciraan muta'ee kan akaakilee arfanii akka ta'u murteesseera.
Chaayinaa keessatti gadameessa kireessanii mucaa godhachuun seeraan ala waan ta'eef akaakileen daa'ima dhalate kanaa biyya Laawos jedhamtutti mucaan akka dhalatu taasisaniiru
Abbbummaa fi lammummaa mirkaneessuu
Karaan xiyyaaraa kamiyyuu qaruuraa miciraan baate kana dabarsuuf eeyyamaa waan hin taaneef,konkolaataan Laawositti geejjibamuun dirqama ture.
Laawostti,micireen gadameessa haadha kireessite keessa kaa'amee, baatii Mudde 2017 keessa mucaan dhiiraa dhalateera.
Haati gadameessa ishee kireessite,Chaayinaatti deebi'uun mucaa waan deesseef lammummaan daa'ima maqaansaa Tiyaashiyaan jedhme kanaa dhimma biraa ture.
Abbaan mucaa ana jedhe namni dhufe waan hin turreefis,akaakileen daa'imaa lammummaa Chaayinaa qaban qaccee sanyii(DNA) isaanii qorachiisuun daa'ima kanaaf akaakileetti akka oolan mirkaneessuuf dirqamaniiru.