Koriyaa Kaabaa-Ameerikaa: Piyoongiyaang 'Haasa'aa nukileera dhiisuu gochuuf' qophii ta'uu beeksifte

Waayita hoggantoonni biyyoota lamaanii walarganitti, egeree nukileera ishees ilaalchisee marii gochuuf Kooriyaan Kaabaa waadaa seenteetti jechuun qoondaalli Ameerikaa dubbatan.

Qophiin walgahii kanaas kallattiin iccitiidhaan Kooriyaa Kaabaa waliin haasa'uus akka dabalatu, maddi bulchiinsa Tiraamp dubbataniiru.

Qondaaltonni nageenyaa Ameerikaafi Kooriyaa Kaabaa biyya sadaffaa keessatti yeroo hedduu walarguun marii gochaa akka turan dubbatama.

Walgahiin hinyaadamin kunis yeroo jalqabaaf Caamsaa keessa geggeefamuuf beellamameera.

Preezidaantiin Ameerikaa aangoorra jiru tokko hoogganaa Kooriyaa Kaabaan walarguun kun yeroo jalqabaaf ta'a.

Kooriyaan Kaabaa waa'ee nukileera hambisuu mari'achuuf qophi akka taate Kooriyaa Kibbaatti himte turte. Ha ta'u malee dhimma kana ilaalchisee Washingitaniifi waada yeroo galtu kun yeroo jalqabaaf ta'un beekameera.

Walgahii kun bakka itti ta'u ilaalchisee wanti ifa ta'e hinjiru.

Waadaa malee mirkana miti

Oduun haasaa Ameerikaafi Kooriyaa Kaabaa gidduutti Caamsaa keessa ta'uuf deemu kun kan namoota ajaa'ibsiisee ture.