Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Itoophiyaa miliyoona 8'tti tilmaamaman gargaarsa fedhu
Amajjii 2018 hanga Amajjii 2019'tti lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 7.8'tti tilmaamaman gargaarsa barbaadu jechuun komishiniin sodaa balaa biyyaalessaa beeksise.
Kanaafis doolarri biiliyoona 1.4 ni barbaachisa jechuun komishinarichi Mitikkuu Kaasaa BBC'tti himaniiru. Kana keessaa mootummaan doolaara miiliyoona 134 marsaa duraaf ramadeera kan jedhan.
Haalli siyaasaa biyyatti keessa jiru hojii gargaarsaa akka rakkoo jala hin seensisnes dubbataniiru.
Namoota gargaarsa fedhan keessaa miiliyoona 6.8 kan ta'an hongee, sigiga lafaa akkasumas lolaan kan miidhaman yoo ta'u miiliyoonni 1 hafan immoo waldhabdee biyya keessaan qe'ee isaanirraa buqqa'anidha jedhaniiru.
Ummanni gara caalu gargaarsa barbaadu naannoo Oromiyaa keessatti argama. Kunis namoota gargaarsa barbaadan keessaa dhibbantaa 41 ta'a kan jedhan.
Dhibbantaan 23 naannoo Soomalee, dhibbantaa 13 naannoo Kibbaa akkasumas dhibbantaan 9 naannoo Tigraay jechuun himaniiru.