Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp, Ministira hojii alaa Reeks Tilarsan hojiirraa har'ian
Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp, Ministira hajaa alaa isaanii Reeks Tilersan hojiirraa hari'uun, Daarektara CIA kan tahan Maayik pompeyoon bakka buusan.
Ergaa fuula Twiitara isaaniirra maxxansaniin Prezidant Tiraamp, Tillarsaniin tajaajila isaaniif galateeffachuun, namni bakka buusan, Maayik Pompeyoon ammoo, dalagaa ajaa'ibaa hijeetu jedhan.
Kana malees, pireezidant Tiraamp, Jiinaa Hespeelin, dubartii jalqabaa daarektara CIAn hogganan gochuunis muudaniiru.
Ministeerri dhimmi alaa biyyattii, Mr Tillarsan hanga yoonaa Pireezidant Tiraamp waliin akka hin haasofneefi sababa hari'amaniifis akka hin barre ibseera.
Angawaan olaanaa Waayit Haawus tokko BBCtti akka himetti, 'Pireezidant Tiraamp marii Kooriyaa Kaabaa waliin taasisaniin dura, gareesaanii cimsuuf waan yaadan fakkaata' jedheera.
Kanuma ilaalchisuun Pireezidant Tiraamp ibsa Waayit Haawus alatti gaazezeessitootaaaf kennaniin, garaagarummaa dhuunfaa Tillarsan waliin akka qaban dubbatan.
'Akka gaariitti wal simachuun haa hojjennu malee, dhimmoota tokko tokkorratti waldhabaa turre, jechuunis dubbatan.
Mr Tillarsan torban dabre keessa Itoophiyaa dabalatee, biyyoota Afriikaa garagaraa keessatti daawwannaa taasisaa turan.
Gareen Mr Tillarsanis wayita Keeniyaa turanitti, Sambata darbe Mr Tillarsan dhukkubni wahii waan itti dhagahameef, daawwannaa isaanii adda kutuun gara biyyaatti akka deebi'anis ibsanii turan.
Dhaabbata boba'aa Exxon Mobil kan hoogganaa turan Tillarsan, aangoo ministira dhimmi alaa kana kan fudhatan waggaa tokko duraan ture.