Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
''Daangeessuurra adeemsi siyaasaa hunda hammatu murteessadha''
Dowwannaa dippilomaasii isaanii kan jalqabaatiif gara Afriikaa kan dhufan Ministirri Haajaa alaa Ameeriikaa Reeksi Tiilarsan haala amma Itoophiyaan keessa jirtu walqabatee labsii yeroo muddamaa irratti Ameerikaan kan yaadoftu ta'u ibsachushee dubbataniiru.
''Jijjiraamni siyaasaa, guddinni dinagdee fi nageenyi walitti fufiinsa qabu fiduuf, daangaawwan kaa'urra adeemsi siyaasaa hunda hammatu furmaata kennuuf murteessaa ta'u amanna,'' jedhaniiru Tiilarsan.
Ibsa har'a ministira Haajaa Alaa Itoophiyaa Dr Warqina Gabayahu waliin kennaniin akka mul'isanitti humnootiin nageenyaa tarkaanfii humnaa irraa akka ofi qusataniifi mirga hiriiruu akka kabajaniif gaafachu, riipportarri BBC gabaaseera.
''Adeemsi ce'umsaa Itoophiyaa keessatti gaggeefamaa akka jiru hubanna; yeroo jalaqabaatiif aangoo fedhiidhaan'' jedhaniiru.
Karaa gara biraatinis, waa'ee balaa liqaa biyyooti afriikaa Chaayinaa irraa fudhatiin ilaalchisuun ammas akeekachiisan.
Haasawa magaalaa gudditti Itoophiyaa Finfinneetti har'a taasisaniin, Ameerikaan maallaqa Chaayinaa afriikaan alatti ittisuuf yaalaa jirti miti. Garuu,biyyattiin liqaa deebiisuu yoo dahdabde ta'e bu'uraalee ykn qabeenyaa to'achuu dandabuun balaa qabaata, jedhaniiru.
Kana malees Mr Tiilersan jecha tuffii pirezidaanti Tiraampi dubbataniif biyyoonni Afriikaa dhiifama gaafatamu akka qabaattu gaafataa turan.
Ameerikaan walitti dhufeenyaashee Afriikaa waliin qabduuf amanamtu waan taateef Pirezidaanti Tiraampi dura taa'aa Gamtaa Afriikaatiif xalayyaa barreesseeras jedhaniiru.