Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Mana barnootaa Filooriidaa: Qondaalli mana barumsichaa Iskoot Piitarsan himata ofirraa faccisan
Pirezidaanti Tiraampi dabeessa kan ittiin jedhan dursaan mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Marjory Stoneman Douglas himata irratti baname ofirraa facciseera.
Iskoot Piitarsan wayita haleellaan mooraa mana barnootaa keessatti banamee barattoonni 17 ajjeefaman mooraan ala ture,garuu olseenee haala jiru hin hubanne.
Abukaattoon nama kanaa Jooseef Diruuzoo haleellaan sun mooraa mana barnootaatiin alaati kan dhufaa ture, innis akkuma leenji'etti iddoo qabatee ture malee kun dabeessa isa hin jechisiisu jechuun falmeef.
Iskoot Piitarsan yeroo dheeraaf mana barnootaa sana keessa erga hojjetee booda eegumsarratti dursaa ta'ee ramadamee hojjechaa ture.
Barattoonni Filooriidaa Roobii dhufu mana barnootaatti deebi'uufi.
Garuu seenaa dhumaatii hiriyoota keenyaa yaadachaa barnoonni akka duraa nuuf ta'uu hin danda'u jedhu.
Haleellaa mana barnootaa kun seenaa US keessatti isa lammaffaadha.