Sigiga dhoqqee fi rooba cimaa Kaalifoorniyaatti mudateen namoonni kudha sadii lubbuu dhaban

Kaalifoorniyaatti rooba cimaa lolaa fi sigiga dhoqqee mudateen yoo xiqqaate namoonni 13 lubbuu isaanii dhabuu angawoonni ibsaniiru.

Namoonni 163 ta'an gara hoospitaalatti kan geeffaman keessaa digdama irratti miidhaa yandoo cimaan walqabatetu irra ga'e, afur ammoo miidhaa cimaaf saaxilamaniiru.

Gareen namoota 300 ta'an suluula Roomeeroo Baha Saantaa Baarbaraa argamutti qabamanii akka jiran gabaafamaa jira.

Iddoon sun bakka ''Waraana Addunyaa Tokkoffaa fakkaate'' jechuun poolisiin ibseera.

Bakka ji'a darbe keessa balaa ibiddaan miidhamni irra ga'e kanatti lolaafi sigigni dhoqqee kun daandii guddaa qarqarichatti argamu km48 ta'u akka cufe himameera.

Dhaabbileen gargaarsa yeroo hatattamaa akka jedhanitti, namoonni qabamanii jiran lakkoofsaan kan hin beekamne ta'uusaatiin hammii namoota du'anii kana caaluu danda'a jedhanii akka eegan ibsu.

Kumaatamaan kan lakkaa'aman yandoo kana kan baqatan yoo ta'u, hojiin lubbuu namoota 50 ol hambisuus dalagameera.

Dhagaa gurguddaa hanga konkolaataa xixiqqaa ga'u gangalchaa karaa cufaa akka ture riippoortarri BBC Loos Anjalas Jeemsi Kuuk gabaasee jira.

Warreen bakka lubbuu hambisuutti geeffaman keessaa dubarri ganna 14 tokko yoo taatu, manashee keessatti bakka jijjigaan jiru keessaa baafamte.