Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimmoota baatirii bilbila keessanii yeroo dheeraaf fayyadamuuf isin gargaaran
Dadafanii dhumuun batirii bilbilawwan Ismaartii dadhabbii olaanaa jedhameera. Dhaabbanni Appiilis guyyootaan dura umurii baatirii dheereessuuf jecha sirni hojimaata bilbilaa buudatti harkifataa taasisuu isaa ifa godhe ture.
Kubaaniyichi omishoota isaa fooyyeessaa kan jiru ta'ulleen, biyya Ameerikaatti himannaawwan heduun irratti banameera.
Mobaayiloonni kan fayyadaman baatiriiwwan dafanii gutan Liitiiyam Ayen kan jedhaman yoo ta'u, dizaayiniin isaas baatiiriin suphamee akka hojatu kan taasisuudha.
Dizaayinii fi bifti bilbilawwan isimaartii gegedaramuun ammoo, fooyya'insi taasifamu akka cimu taasiseera jedhameera.
1.Intarneetii dadhabaa
Bilbilli keessan bakka deemtan hundatti intarneetii gaarii argachuuf yaala. Keessattuu lafa intarneetii dhdhabaan jiruu ykn namoonni baayyeen lafa tokkotti WiFitti waliin fayyadamuu yoo yaalan, bilbila keessan sarara argachuuf yaala.
Fallii filatamaa jedhamu jiraachu baatulleen, garuu bilbila keeessa haalata erpilaan (Airplan mode) irra kaa'uun bilbilli keessan interneetii argachuuf yaalaa jiru baatirii akka hin finneef gargaara.
2.Appilikeeshiniiwwan tokko tokko
Appilikeeshiniiwwan tokko tokko baatirii fixu. Kanaafuu, appilikeeshiniiwwan hinbarbaannee cufuun umurii baatirii keessanii dheereessa.
Kana malees kutaan baatirii jedhamu keessa galuun appilikeshiniiwwan baatirii baayyee fixan adda baasuun ni barbaachisa ta'a.
3. Mul'istuu lata jirtanii (GPS)
Appilikeshinii akka lafa jirtan isiin agarsiisu itti fayyadamtan (GPS) saaqunis baatirii akka fixu taasisa. Appilikeeshiniiwwan akka tiwiitar jiranis osoo isiin hinbeekiin bakka isiin jirtan galmeessuu qabatu.
Kanaafuu appilikeshiniiwwan laf isiin jirtan galmeessan hir'isuu kaan ammoo akka hinhojannee taasisuun ni danda'ama.
4. Ho'a olaanaa
Baatiriiwwan litiiyem ho'a baayyee cimaaf yoo saaxilaman haalaan hojachu dhisuu malu. Sababiin isaas, baatiriin ayen keesso isaanii jiru dafe dafee akka gutamu waan barbaaduufiidha.
Waan kana ta'eefu, bilbilli keessan ho'a ykn qorra olaanaaf akka hinsaaxilamne gochuun furamaata gaariidha.
5. Isikiriiniiwwan gurguddaa
Erga yeroo dhihootiin asiitii, bilbilli isikiriinii gurguddaa qaban omishamaa jiru. Isikiriiniin kunis yoo banamuu fi cufamutti baatirii baayyee fudhatu. Kanaafuu haala ifa isikiriin xiqqeessuun ni fayyada.
Isikriinii balleessuu fi dafanii dafani bilbila ilaaluu dhabuunis fala gara biraati.
6. Sagalee olaanaa
Sagaleen bilbilaa guddaa yoo ta'ees baatirii baayyee fudhata. Yeroo baayyees haalli sagalee bilbila keessanis guddiftuu sagalee (speaker) qabuun kan murtaa'udha.
Sagalee guratti dhaggeefachuu fi yammuu dhaggeefatamus sagalee balleessuun gaariidha.
7. Dafanii dafanii annisaa gutuu
Duri duri bilbilli erga amma baatirii fixatuutti itti fayadamuun booda guttachuutuu filatamaa ture. Amma garuu kan fayyadu faallaa isaati.
Kana jechuunis, osoo baatirii hinfixatiin jala jalaan annisaa gutachuun gaariidha. Baatiriin keessan walkaan gadii osoo hinbu'iin gutuun umurii baatirii akka dheeratuu oggeessoonni ni gorsu.
Fala dhugaa
Falli omoshotoonni mobaayilii hundumti irratti waliigalan kan mummees, bilbila haalata ifa kusatu irra kaa'uudha. Kan jechuunis isikiriiniin bilbila keessan ifai iraa ni hirata. Yoo bilbilamuus romisuun bilbila keessan ni dhaabata. Beeksisi hedduun isiin hinqaqabu. Appilikeshiiniin lafa isiin jirtan mul'isu tajaajila hinkennu. Kanaafu itti yaadaatii itti fayyadamaa.