Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qonnaan bultoonni attamiin akka waldhabdee lafaa furatan
Qonni yeroo baa'yee hojii dadhabsiisaa ta'uu danda'a. Keessattuu, yoo lafti qotamu kan kee ta'uun isaa hin mirkanoofne ta'e ammam akka caalaa rakkisaa ta'u yaadi.
Biyyaa Gaanaatti fakkeenyaaf, qonnaan bultoota %10 qofatu ragaa mirga abbaa qabeenyummaa mul'isu qaba.
Kun haala yaachisaa keessa akka galan taasisuu qofas miti, gara walitti bu'insaattis ni geessa. Lafti kee qabeenya guddaa ati qabdu, kan ittiin liqeeffatu yoo ta'e, liqaa argachuunis rakkisaa ta'uu danda'a.
Kanaaf, kaampaaniin 'Teek Laand Maap' jedhamu kalaqa karaa mobaayiliitiin kaartaa kaasuufi qonnaan bultoota qorachuun bakkeewwan GPS'n agarsiifaman hojiirra oolche.
Qonnaan bultoonni safara lafaatiif ragaa abbaa qabeenyummaa qoratamee, gaggeessaafi manni murtii ol-aanaa itti mallatteesse fudhatu.
"Abbaan qabeenyummaa lafaa amansiisaa ta'uu dhabuun misooma lafaafi qonnaa irratti gufuu guddaadha," jechuun ibsa, warra Laandi maappii hundeessan keessa tokko kan ta'eefi hojjetaa tekinika ol-aanaa Tomaas Vaasen.
"Ragaan sirriitti qindaa'e yoo hin jiraanne, yaaddoon lafa ofii dhabuun ni danda'ama. Qonnaan bultoota irra caalaaniif ragaan qabeenya qabsiisan ittiin liqeeffatan tokkichi of harkaa qaban waan ta'eef ragaa sirriitti qindaa'e malee maallaqa argachuun hin danda'amu."
Kontiraata milka'aadhaaf
Waldhabdeen qonnaan bultootaafi kaampaanota nyaata omisha qonnaan bulaa bitan gidduuttis uumamuu ni danda'a.
Walii galteen baramaan qonnaan bulaafi kaampaanota nyaataa gidduutti taasifamu wal amantaa guddaa gama-lameerratti hundaa'a. Yeroo baayyee garuu yeroo kampaaninni nyaataa qonnaan bultoonni waadaa galan hin ba'anne jedhanii amanan qonnaan bultoonni kun kaffaltaa kana hin argatan.
Kanaaf Fireeshmaarti omishtootaaf appilikeeshinii mobaayilii kan qonnaan bultootaafi kaampaanota nyaataa kontiraata dijitaala ta'een walii galuu danda'an qopheesseera. Tekinooloojiin sharafa BiCoin deeggera.
Appilikeeshiniin kun fakkiiwwan saatalaayitii waltaasisuun haala adeemsa pirojektii qonnaa to'ata. Sassaabbiitti aansuun, gatiin omishaa shallaga seera qabeessa ta'een murtaa'a.
Tekinooloojiin kun faayidaa biraas qaba.
Fireeshmaarti daataa banaarratti hundaa'uun madda omisha gurguramuu sana agarsiisu. Warri bitatan humni daa'immanii akka hin fayyadamne mirkaneeffachuu danda'u. Fakkeenyaaf warri omishan gatii gitaa akka argatan mirkaneeffachuuf gargaara.
"Waanti nuti qopheessine kun daataa banaa of danda'een (APIs) namni ilaallatu kamiyyu nyaata isaan sooratan attamitti, yoom, eessatti, haala humna attamiitiin fi gatii ammamiit omishamee, qophaa'ee geejjibamee isaaniif akka dhiyaatu qorachuu danda'u," jedha hundeessaan kanaa Oyebiisi.
Rakkoo waliin qooddatan
Tekinooloojii ol-aanaa qofa miti kan qonnaan bultoota gargaaru. Bilbiloonni tekinooloojii gadi aanaa ta'anillee carraa gatii gabaa omishaa, raaga haala qilleensaafi gorsa biroo waggoota dheeraaf ittiin argachaa jiru.
Kampaaniin WiiFaarmi jedhu, qonnaan bultoonni akka gaaffii gaafatan gochuudhaan karaa ergaa gabaabaa tajaajila beekumsa hiriyaan ittiin waljijjiiran hojjeta.
"Qonna keessatti, omisha sirriitti argachuudhaaf qonnaan bulttoota biroorraa beekumsa ni barbaadda," jedhe.
Hanga ammaatti, yoo midhaan omishuurra ykn horii horiisuurra rakkoo qabaatan gargaarsaaf hojjetoota mootumaa qofaarratti hundaa'u ture. Hojjetoonni kun ji'atti takkaa ganda baadiyyaa deemanii daawwachuun dhumaatii horii ykn manca'insa midhaanii anbisuu hin danda'an.
"Tekinooloojiin carraa hedduu fidee jira, rakkoo qonnaa isaanirra jiru, omisha isaaniif gabaa barbaaduuf, ykn rakkoo jijjiirama haala qilleensaa akkaataa ittiin dandamatan dandeessisa," jedha hundeessaafi gaggeessaan WiiFaarmi Kennii Ewaan.
"Jijjiiramni xiqqaa fakkaatu kun jireenya qonnaan bultoota lafa xiqqaarratti omishan irratti jijjiirama guddaa fida."
Qonnaaf maallaqa
Carraa qonnaan bultoonni ittiin tajaajila maallaqaa argachuu danda'an, akkasumas wabii maallaqaa akka qabaatan gochuunis kalaqa tekinikaa dursi kennamuuf qabu, jedha Rooz Bayiirdi ogganaan Vileejji Kaappitaal.
Guutummaa bu'aa qonnaa Afirikaa keessatti qonnaan bultoonni lafa xiqqaarratti omishan miliyoona 33 ta'aniitu %90 bakka gumaachanitti qonnaan bultoonni akka qabeenya horataniifi wabii maallaqaa qabaatan gargaaruun barbaachisaadha, jedhu Obbo Baayiirdi.
Uummanni baadiyyaa Sahaaraa Afirikaa gadi jiran sadii keessaa lama galii guyyaa $1.25 (95p) gadi qabu.
"Ismaarti-fooniin bilbilli (harkaa ammayaa) gatiin isaa gadi aanaa ta'e kun carraa tajaajilawwan maallaqaa isaan duraan argachaa hin turre kenneef. Haata'u malee, garuu warreen akka carraa liqaa, qusannoo, invastimantiifi haala madda galii ittiin sirreeffatan yeroo ammaa karoora qonnaan bultoonni yeroo ammaa qaban caalaa gatii jabeessa akka ta'e dubbatu Bayiirdi.
Yoo qonnaan bultoonni tekinooloojii haarawaa kanarraa guutummaatti haa fayyadaman jedhame, Afirikaan bu'uuraaleen misoomaa kan akka interneetii bilisaa barbaaddi jedha.