Mummee ministira itti aanaan Awustiraaliiyaa wajjiraa arii'ataman

Itti aanaa mummee ministraa Awustiraaliyaa Baarnaabii Joosee

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Baarnaabii Joosee gahumsa osoo hinqabaatiin filatame, manni murtii jedhe

Ministirri muummee itti aanaan Awustiraaliyaa Baarnaabii Joosee fi abbootiin siyaasaa afur kan biroo osoo lamummaa biyya lamaa qabanuu dogogoraan filatamaniiru, jedha manni murtii olaanaan.

Murtee mana murtiichaatiin dabarfamaniin boodas Joosee dabalatee abbootiin siyaasaa sadii waajira akka hin galleef dhorkamaniiru. Kuun ammoo Adoolessa dhaaban.

Heerri Awustiraaliyaas namoonni lamummaa dachaa qaban akka hin filatamneef ni dhorka.

Gadi lakkisuun Mr Joosee mootummaa teessuma tokko ni hir'isa, garuu filannoodhaan kan argatu fakkaata.

Ministira muummee itti aanaan Hagayya darbee lammummaan isaa kan Niiw Ziilaand dhiisee ture, dorgommii mana mareetii irra deebiin akka dorgomu beeksiseera.

''Murtee mana murtichaa nan kabaja,'' jedhan Mr Jooseen battaluma murtee darbeetti.

''Dimokiraasii ajaajaa'iiba keessa jiraachaa jirra. Bilisummaawwan agaru hunda haala wal madaalaan akka fudhanuuf nuuf kennameera. Murtee isaatiif mana muritichaa nan galateefadha.''

Abbootiin siyaasaa arfan; Fiyoonaa Naash, Maalkoolmi Roobartis, Laarisaa Waatarsi fi Iskoot Ludlaam mana marii seera baasutiif filatamanii turan.

Abbootiin siyaasaa lamaan qorannaa jala turan kan biraa ammoo, Senaatar Maat Kaanaavaan fi Niik Zenoophoon akka filanoo fudhatamaatti akka turaniif murtaa'e.

Erga Adoolessaatii kaasee lamummaan dachaa siyaasa Awustiraaliyaa xaxuun miseensoonni mana maree hedduun akka sadarkaa lamummaa isaanii ifa taasisaniif taasisee ture.