Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraalee Afriikaa keessaa: Fulbaana 8 - 14, 2017
Filannoo suuraalee babbareedoo Afriikaa fi lammiilee Afriikaa ardiiwwan biroo keessaa dabalatee, kan torban kanaa
Itiyoophiyaatti barri haaraa, 2010, gaafa Wiixataa kabajamee oleera. Yeroo birraan bari'u, keelloonis walumaan lafa guuta. Ijoolleen kunis Oromiyaa, Shawaa Kaabaa, Ficheetti keelloo guuranii, maatiif geessaa jiru.
Daldalaan karaarraa, magaalaa daldalaa Naayijeeriyaa Leegoositti, gaafa Roobii.
Imalaan geejjiba keessaa, Rippabliika Demookraatawaa Koongootti, gaafa Kibxataa.
Kaaba-baha Naayijeeriyaa, araddaa Michikaatti, shamarreen kun mana barnootaarraa galaa turte, gaafa Kibxataa.
Zimbaabwee, Haraareetti, Pireezidant Robart Mugaabee, baniinsa paarlaamaa irratti argamuuf geejjiba adda ta'e filateera...
... akkasumas miseensonni Waardiyyaa Pireezidaantii hanga isaan gahanitti eegaa turan.
Gaafa Jimaataa ammoo, taphataan gidduu lammii Giinii, kilaba Lipziigiif taphatu, tapha Hambargar wajjiin taphatan irratti erga goolii galchee booda gammachuu isaa akkasitti ibsate.
Laaybeeriyaa, Monrooviyaatti deeggartoonni mormitootaa Paartii Libartii, ayyaana dhaaba isaanii rifeensa namtolchee magariisaa keewwachuuniifi qaama isaanii haalluu adii dibachuun kabajatan.
Sambata Duraa ammoo, agarsiisa idil-addunyaa Harareetti, shubbisaa aadaa Maalaawii daa'imni miira burjaajiitiin ilaalte...
... shubbisaan biraa ammoo iddoodhuma walfakkaataatti simannaa ho'aa tahe argate.
Guyyaadhuma sana gara galgalaa, nyaata qopheessaan Festivaala Giril, Koot divuwaaar, Abijaanitti taasifamuuf dhangaa qopheessaa jira.
Madda suuraalee: BBC, AFP, EPA, Getty Images fi Reuters