Suuraalee Afriikaa keessaa: Fulbaana 8 - 14, 2017

Filannoo suuraalee babbareedoo Afriikaa fi lammiilee Afriikaa ardiiwwan biroo keessaa dabalatee, kan torban kanaa

Ijoollee keelloo qabatte, Fichee, Salaalee, Oromiyaa

Itiyoophiyaatti barri haaraa, 2010, gaafa Wiixataa kabajamee oleera. Yeroo birraan bari'u, keelloonis walumaan lafa guuta. Ijoolleen kunis Oromiyaa, Shawaa Kaabaa, Ficheetti keelloo guuranii, maatiif geessaa jiru.

Daldalaa kaalsii gurguru

Madda suuraa, Reuters

Daldalaan karaarraa, magaalaa daldalaa Naayijeeriyaa Leegoositti, gaafa Roobii.

Kinshaasaa, Rippabliika Demookraatawaa Koongootti, imalaan tokko dhaabatee, warri kaan ta'aniiru, Fulbaana 12, 2017

Madda suuraa, Reuters

Imalaan geejjiba keessaa, Rippabliika Demookraatawaa Koongootti, gaafa Kibxataa.

Shamarree shaashii hidhachaa jirtu.

Madda suuraa, Reuters

Kaaba-baha Naayijeeriyaa, araddaa Michikaatti, shamarreen kun mana barnootaarraa galaa turte, gaafa Kibxataa.

Pireezidantiin Zimbaabwee Robart Mugaabee, haadha warraa isaanii waliin baniinsa paarlaamaatti argamuuf, konkolaataa Rols Rooyis jedhamuun dhufan.

Madda suuraa, EPA

Zimbaabwee, Haraareetti, Pireezidant Robart Mugaabee, baniinsa paarlaamaa irratti argamuuf geejjiba adda ta'e filateera...

Miseensonni Eegumsa Pireezidaantii hanga isaan gahanitti Paarlaamaa alatti eegaa turan.

Madda suuraa, EPA

... akkasumas miseensonni Waardiyyaa Pireezidaantii hanga isaan gahanitti eegaa turan.

Taphataan gidduu lammii Giinii, kilaba Lipziigiif taphatu, tapha Hambargar wajjiin taphatan irratti erga goolii galchee booda gammachuu isaa taphattoota biroo waliin ennaa ibsatu.

Madda suuraa, AFP

Gaafa Jimaataa ammoo, taphataan gidduu lammii Giinii, kilaba Lipziigiif taphatu, tapha Hambargar wajjiin taphatan irratti erga goolii galchee booda gammachuu isaa akkasitti ibsate.

Laaybeeriyaa, Monrooviyaatti deeggartoonni paartii mormaa Libertii Paartii, ayyaana dhaaba isaanii rifeensa namtolchee magariisaa keewwachuuniifi qaama isaanii haalluu adii dibachuun kabajatan.

Madda suuraa, AHMED JALLANZO

Laaybeeriyaa, Monrooviyaatti deeggartoonni mormitootaa Paartii Libartii, ayyaana dhaaba isaanii rifeensa namtolchee magariisaa keewwachuuniifi qaama isaanii haalluu adii dibachuun kabajatan.

Agarsiisa idil-addunyaa Harareetti, hirmaattoota heedduu keessaa, shubbisaa aadaa Maalaawii: Fulbaana 09, 2017.

Madda suuraa, EPA

Sambata Duraa ammoo, agarsiisa idil-addunyaa Harareetti, shubbisaa aadaa Maalaawii daa'imni miira burjaajiitiin ilaalte...

Agarsiisa idil-addunyaa Harareetti, hirmaattoota heedduu keessaa, shubbisaa aadaa Maalaawii: Fulbaana 09, 2017.

Madda suuraa, EPA

... shubbisaan biraa ammoo iddoodhuma walfakkaataatti simannaa ho'aa tahe argate.

Dhangaa qurxummii, Festivaala Giril, Koot divuwaaar, Abijaanitti taasifamuuf qophaa'aa jiru.

Madda suuraa, AFP

Guyyaadhuma sana gara galgalaa, nyaata qopheessaan Festivaala Giril, Koot divuwaaar, Abijaanitti taasifamuuf dhangaa qopheessaa jira.

Madda suuraalee: BBC, AFP, EPA, Getty Images fi Reuters