Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qondaala Pilaanetoota eegu ta'uu barbaadduu?
Dhaabbanni qorannaa hawaa Ameerikaa NASA jedhamuun beekamu dachee uumama lubbu-qabeeyyi alagaa(alien) irraa eeguuf beeksisa hojii baase.
Gaheen hojii kanaa inni mummeenis faalama lubbu-qabeeyyii (biological) namoonni fi roobootonni wayita hawaa abuuran geessisan hambisuu dha.
Hojiin ittisa faalamaa kunis gar-lamaanittuu ni hojjeta. Innis, faalama xiyyar-samiiwwan wayita hawaa irraa gara dacheetti deebi'an uumamuu fi kan dhalli namaa pilaanetoota gara biroo irraan gahuu malu ittisuu dha.
Gitni hojii kun matumaan hawwataa ta'uun alatti, waggaatti kafaltii mindaa olaanaa doolaara 144,406 - 187,000 qaba.
Iyyannoon gita hojii kanaas baatii Adooleessaatii kaasee hanga walakkeessa baatii Hagayyaatti lammiilee Ameerikaatiif banaa ture. Haa ta'u malee, beeksisni hojii kun irra caala osoo hin argamiin hanga wayita amma xiyyeefannoo midiyaalee Ameerikaa argatuutti tureera.
Waa'een faalama ittisuu kun yaada haaraa miti. Ka'umsi isaa waliigaltee abuurraa samii irratti Mootummota Gamtomaniin bara 1967tti mallatteefame kan biyyoonni gara samiitti daawwattoota ergan waa'ee faalamaatiif of eeggannoo akka taasisan gaafatu irraayi.
Kaayyoo qondaala eegumsa pilaaneetii qacaruu keessa inni tokko, addunyaan uumama ishee osoo gadi hin lakkisiin akka turtuu fi tarii lubbu qabeeyyiin bakka hin beekamiin ta'ee yoo jiraatan, naannawa dacheef eegannoo olaanaa taasisu dha.
Itti gaafatamummaa olaanaa gitni hojii kanaa qabu, mindaa olaanaan kafalamu kan mul'isu yoo ta'u, gahumsii fi dandeettiin bakka kanaaf bayyee barbaachisaadha.
Beekumsa cimaa eegumsa pilaaneetii irratti qabaachuun alattis, kaadhimamaa sirriin waa'ee 'Faayiidaa biyyaalessaa sagantaalee hawaa' irraatti kan muxannoo qabu ta'un barbaachisaa dha.
Kunis digirii damee Fiiziksii, Maandisummaa ykn Herreegaa qabaachuutti kan dabalamuu dha jechuu dha.