Mohaammad Saalaah taphni xumuraa Shaampiyoons Liigii 'yeroo haaloo itti baanudha' jedhe

Mohamed Salah in action for Liverpool

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Moo Saalaah barana Liivarpuuliif gooliiwwan 30 galchuun, kubbaa goolii tahan 14 ammoo mijeessee kenneera

Mohaammad Saalaah taphni xumuraa Shaampiyoons Liigii Liivarpuul fi Riyaal Maadriid walitti fidu ''yeroo haaloo itti baanudha,'' jedhe.

Gareen lamaan Paarisitti Caamsaa 28 walargan kun, 2018ttis tapha waancaaf walarganii turan - gaafas Riyaal 3fi 1n injifate.

Tapha gaafasiin Saalaah miidhaa gateettii isaarra Sarjiyoo Raamoos irraan gaheen, boqonnaa dura dirree dhiisee bahuuf dirqame.

''Baay'ee gammadeera amma, taphichaan dura xumuraaf Maadrid wajjiin taphachuun fedha jedhee dubbadheen ture,'' jedhe jifataan ganna 29.

''Tapha xumuraa (2018) mo'amneerra. Guyyichi hunda keenyaaf guyyaa gaddaa ture, amma garuu yeroonsaa yeroo haaloo itti baanudha.

''Taphichi nutti cimuunsaa wan oolu miti, gareewwan ciccimoo hedduu mo'atanii [as gahan]. Kanaaf xiyyeeffannoon keenya taphicharra tahuu qaba.''

Moo Saalaah fi waahillan isaa guyyaa gaddisiisaa sana irra aanuun, waggaa tokkoon booda xumuraaf qaqqabuun Totanihaam mo'atanii waancaa Chaampiyoons Liigii marroo 6fffaf kaasan. Gaafas Saalaah goolii tokko lakkoofsise.

Mohamed Salah shows his emotions as he is substituted during Liverpool's 3-1 defeat by Real Madrid in 2018

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 2018tti Saalaan wayita miidhamaan bahu akkaan gadde

Waqtii taphaa bara kanaan Liivarpuul waancaa afur altokkotti kaasuuf (quadruple) adamsaa jiru. Amma dura Waancaa Kaaraabaawoo kan kaasan oggaa tahu, FA Cup'f ammoo xumura gahaniiru. Taphni kunis Weembileetti Cheelsii wajjiin Caamsaa 14 gaggeeffama.

Pirimeer Liigii Ingiliziin ammoo qabxii tokko callaan Maanchistar Siititti aanuun lammaffaarra jiru - liigicha xumuruuf taphoota afurtu hafa.

Dursaan garee biyyaalessaa biyya Masrii Moo Saalaah, qabxii Liivarpuul barana galmeessisaa jiruuf shoorta guddaa kan gumaache oggaa tahu, walumatti gooliiwwan 30 galchuun, kubbaa goolii tahan 14 ammoo mijeessee kenneera.

Gahumsa isaa kanaafis yeroo lammaffaaf taphataa cimaa baranaa jedhamuun Waldaa Barreessitoota Kubbaa Miilaan filatameera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X