West Haam Yuunaayitid 1-2 Arsenaal: Arsenaal West Haamiin injifachuun sadarkaa 4ffaatti deebi'e

Rob Holding

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Rob Holding galchii jalqabaa Piriimer Liigii isaa lakkoofsise
    • Barreessaa, Aleksi Baaysaawuz
    • Gahee, BBC Sport irraa

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Artettaan injifannoon Arsenaal West Haam irratti istaadiyeemii London irratti galmeesse kun mallattoo garee guddaati jedhe.

Arsenaal sadarkaa arfaffaa argachuu kan danda'an yoo injifatan qofa akka tahe beekuun diree galan. Tootenaam ammoo Lester Siitii dursuun injifatanii ture.

Arsenaal qabxii sadii guutuu argachuun sadarkaa arfaffaa ofitti deebisan.

Arsenaal akka injifatu kan gargaaran taphattoota sarara ittisaa irraati. Gabri'el Magaalez galchii injifannoo yoo lakkoofsisu miiltoon isaa biraa ittisa irra taphatu Roob Holdiingi kubba Bukaayoo Saakaa dabarseef galchiitti jijjiire.

''Haala gaariidhaan hin taphanne,'' jedhe Arteettaan.

''Yoo jecha fayyadamne injifannoo jibbisiisaa jechuu dandeenya. Garee guddaan yoo haala gaariidhaan hin taphanne karaama jibbisiisaa taheen injifachuu barbaada.''

Sky Sport irratti akka dubatetti, ''kubbaa qabannee taphachuun akkasumas ittisuun galchii barbaadaa turre. As West Haam irratti injifachuun hojii taphattoota kanaati, miira akkamii akka qaban agarsiisa.''

Boqonnaan dura Jaarod Boowen West Haamiif galchii tokko lakkoofsise. Boqonnaa dura West Haam haala gaariin taphachuun galchii kanas argataniiru.

Injifatamuun isaanii taphootni sadii osoo hafanii qabxii sadiin sadarkaa jahaffaa irra kan jiru Maanchister Yuunaayitidiin caalamuun sadarkaa 7ffaa irra isaan kaa'e.

''Haala gaariin taphanneerra jedheen yaada,'' jedhe Deevid Mooyes.

Kubbaa qabannee taphachuu kan duraan ittiin beekamnu dhabneerra. Ittisaa fi deebisanii fuulduratti taphachuudhaan gaarii turre. Jijjiirama wayiis goonee turre. Kun taphattoota haala akkasii keessatti nu barbaachisan alatti hanbiseera.

''Akka balaa qabu beeknas ture, sanaafis adabamneerra.''

West Haam miidhama taphattootaa akka Isaa Diyooppi, Kireeg Daawsan fi Anjeloo Ogboonaa fa'aaf waan saaxilameef taphataa sarara ittisa bitaa Kiresweel ittisa gidduu irra taphachiise.

Moyes galchii wal qixxesituu argachuuf Mikaayil Antooniyoo jijjiree galchus dirree xumuraa Arsenaal keessatti takkaa qofa kubbaa argate.

West Haam taphoota Piriimer Liigii afur irratti walitti aansuun qabxii gataa jiru. Kun ammoo dorgommii bara kanaa irratti gahumsa agarsiisaa as gahan jalaa balleessuu danda'a jedhamee sodaatameera.

Dabalataan dorgommii Awurooppaa Liigii irrattis waan injifatamaniif garee Deevid Moyes dhumarratti qabxii hin barbaachisnee akka hin xumurre sodaatame.

Arsenaal taphoota gurguddoo walitti aansee godheen milkaa'eera. Chelsii fi Maanchister Yuunaayitid ammas West Haam irratti ol aantummaa guddaa agarsiisuun mo'atan.