Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Adaabbaa-Dodolaa mandara tuurizimii addunyaa ta’uun hawaasa naannootiif maal fayyada?
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaan Tuurizimii Addunyaa- UNWTO Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaatti kan argamu ollaa Adaabbaa-Dodolaa mandara tuurizimii filatamoo guddataa jiran keessatti ramadeera.
Bakki Gaarreen Walqabatoo Arsii Baaleefi handhuura taate kun, qabeenya uumamaa qalbii namaa hawwataniin kan badhaadhe ta'uunsaa UN akka beekamtii kennuuf sababa ijoodha jedha Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa.
Kanarraa ka'uun UN bakka kana akka iddoowwan hawwata tuurizimii guddataa jiraniitti wayita beekamtii kennu, fuuldurattis guutummaa guutuutti bakka hawwata tuurizimii ta'uu akka danda'u itti amaneeti jedhan Komishinara Itti Aanaa Komishinii Tuurizimii Oromiyaa kan ta'an Obbo Naggaa Wadaajoo.
Beekamtiin kun guddina damee tuurizimii Oromiyaa fi hawaasa naannoo sanaaf faayidaa guddaa qabas jedhan.
Aanaan Adaabbaa keessattuu, naannoon magaalaa Dodolaa mandara tuurizimii ta'uun filatame kun, gaarreen hawwatoo bosona uumamaan faayaman, bineensota bosonaa sanyii hedduu fa'iin kan miidhagedha jedhan Obbo Naggaan.
Kana malees, dirree diriiraa guluffii fardaatiif mijataa ta'e, gaarreen irra imaluuf (hiking) kan tolan akkasumas iddoo kaampiif mijatuun kan marfame ta'uunsaa, addunyaan akka irratti xiyyeeffattu taasiseera jedhan qondaalli tuurizimii Oromiyaa kun.
Bakki kun iddoowwan Oromiyaan qaba jettee ofitti amanummaan ittiin gabaa addunyaatti baatuudha kan jedhan Obbo Naggaan, ''iddoon kunis leecalloowwan of keessatti hammatterraa kan ka'e akkuma Wancii mandara tuurizimii ta'uuf carraa argateera,'' jedhan.
Jaarmiyaan Tuurizimii addunyaa wayita bakka kana filatu, iddoon kun carraa tuurizimii itti fufiinsa waaraa ta'e hagam akka qabu madaalameeti jedhan.
Hojiin kunuunsa naannoofi eegumsa bineensota bosonaa (echo-tourism) bakka kanatti hojjetamus beekamtii kanaaf ulaagaa ture jedhan.
''Hundaa olitti ammoo tuurizimiin baadiyyaa kun hawaasa naannootiif bu'aa inni buusu sirriitti ilaalameeti,'' jedhan Obbo Naggaan.
''Wanciin akka beekamu kan godhe hara tabba gubbaatti bareedee mul'atu ta'uusaati. Kan Adaabbaa-Dodolaa kun ammoo gaarreen walitti hidhatoo daangaa kiilomeetira hedduu qaxxaamuruun godinaalee Arsiifi Baalee walitti hidhan kan nama malaalchisaniidha.''
''Teessumni lafa isaa qofti akkuma jirutti kan nama hawwatuudha. Kanaan alattis bineensotni biyya keenya qofa keessatti argaman achitti argamu. Gadamsa baddaa, gosa simbirrootaa adda addaa, gosa biqilootaa hedduun kan faayameedha,'' jedhan.
Lagni Waabee gaarreen kana keessaa maddu fageenyarratti wayita mul'atu, soora qalbii namaaf ta'a jechuun iddoowwan qalbii namaa harkisan hedduu ta'uu ibsan.
Beekamtiin kun faayidaa akkamii qaba?
Obbo Naggaa Wadaajoo Oromiyaa keessaa maqaan bakka kanaa galmee addunyaarra taa'uun mataansaa waan salphaa miti jedhan.
''Maqaan Adaabbaa - Dodolaa marsariitii Jaarmiyaa Tuurizimii Addunyyaarra galuuniyyuu waan guddaadha. Kun beeksisa guddaadha. Tuuristoonnis marsariiti kana ni amanu.''
Haala kanaan tuuristoonni marsariitii kanarraa ilaalanii gara bakka beekamtii argate kanaa imaluuf fedhii horatu jedhan.
''Lakkoofsi tuuristii yoo dabale galiin tuurizimii irraa argannu ni dabala. Galii qofa osoo hin taane beekamtiin biyya keenyaas ni dabala.''
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti jaarmiyaan tuurizimii addunyaa- UNWTO Adaabbaa - Dodolaan alatti Wancii fi gaara Cokee mandara tuurizimii filatamoo ta'an keessatti galmeesseera.
Haroon Wancii magaalaa Finfinneerraa fageenya kiilomeetira 150 irratti naannoo Oromiyaa keessatti argama.
Gaarri Cokee kan misooma tuurizimii hawaasa baadiyyaa hirmaachiseen beekamu ammoo, magaalaa Finfinneerraa kiilomeetira 300 fagaatee Lixa Goojjam Aanaa Dagaadaamoot keessatti argama.
Kunuusaa fi misooma kanaaf hagam xiyyeeffatame?
Iddoowwan mandara tuurizimii ta'uun filatamanis ta'e bakkeewwan hawwata tuurizimii biyyattiin qabdu kunuunsuufi misoomsuun xiyyeeffannaa mootummaati jedhan Obbo Naggaan.
''Hanga humna keenyaa Wanciis, Soofumaris bakkeewwan garagaraatti hojii misoomaa hojjetaa jirra.''
Iddoowwan kunneen misoomsuun humna guddaa gaafata kan jedhan Obbo Naggaan, ''hangasitti garuu hawaasuma naannoo qindeessuun akka misoomsee irraa fayyadamu gochuudha karoorri keenya,'' jedhan.
Ammaaf misoomaawwan bu'uuraa ijoo ta'an kanneen akka daandii, bilbila, ibsaa, bishaan naannoo sanatti kalaa'anii waan jiraniif, tuuristootni yoo deeman hin rakkatan jedhu.
''Bakki mijataa waan ta'eef tuuristoota wayita bakka sana deeman kaampiidhaan erga achi turanii booda gara magaalota kaluu jiranii kanneen akka Roobee, Dodolaa deemanii tajaajila barbaadan argachuu danda'u.''
Komishiniin isaanii naannicha beeksisuun lakkoofsa daawwattootaa dabaluuf hojii guddoo hojjetaa jiraachuus eeran.
Hawaasi naannoo wal gurmeessuun hojii tuurizimii keessatti hirmaatee akka fayyadamuuf xiyyeeffannaan ni hojjennas jedhan Obbo Naggaan.
Waggoota lamaan darban keessatti jiraattonni gandoota aanichaa sadii bosona Harannaa kunuunsuun gurgurtaa kaarboonii irraa birrii miiliyoona lama argachus kaasaniiru.