Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Turiizimii: Komiishinii Turizimii Oromiyaa fi dubartii hoggantu Lalisee Dhugaa
"Oromiyaan uumama fi aadaa bareedaa akka qabdu namootni beekuu qabu" jedhu Komishinarri Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa.
Dhiyeenya kana hojii kan eegale Komishinin Tuurizimii Oromiyaa hawwataalee tuurizimii misoomsuu, beeksisuu fi fandii tuurizimii Oromiyaa hundeessuun hojiileesaa ijoodha.
Komishinii haaraa hundeeffame fi qabeenya tuurizimii Oromiyaan qabdu beeksisuu fi gurguruu akkasumas hawaasni akka irraa fayyadamu gochuuf hundaa'e kana kan hogganan immoo Aadde Lalisee Dhugaa jedhamu.
Aadde Lalisee Dhugaa magaala Finfinnee keessatti dhalatanii akka guddatan himu.
Imbaasii Biritish dabalatee dhaabbilee miti mootummaa garaagaraa keessa kan hojjetan Aadde Laliseen, yeroo waggaa tokko oliif waajjira pireezidantii mootummaa naannoo Oromiyaatti gorsituu imaammata wal-ta'iinsaa ta'un hojjetaniiru.
Wayita dhaabbilee miti-mootummaa garaagaraa keessa hojjechaa turanitti waa'ee maqaa isaanii fi uummata Oromoo namootni baay'inaan akka isaan gaafatan himu.
Yeroo kanatti "aadaan Itoophiyaa fudhatama/beekkamtii qabu uummata Oromoo, aadaa fi eenyummaakoo of keessatti kan qabate akka hin taanen hubadhe" jedhu.
Sabni Oromoo uummata lakkoofsa guddaa qabu fi giddugala biyyattiitti argamu ta'ullee beekkamtiin qabu xiqqaa ta'uunsaa akka isaan quuqaa ture himu.
Kanaaf enyummaa ofii agarsiisuu, akka beekkamu gochuu fi nama ofitti qabuuf tuurizimiin mala isa salphaa akka ta'e hubachuun damee kanarratti hojjechuuf fedha horachuu isaanii dubbatu.
"Oromiyaan miidiyaa idilee fi hawwaasummaa irratti akka beekkamtu gochuun barbaada. Gama tuurizimii fi qabeenyaan humna guddaa akka qabnu akka beekkamu nan barbaada" jechuunis hojii isaanii haaraa kanaan waan milkeessuu barbaadan himu.
Qabeenya Tuurizimii Oromiyaa
Oromiyaan hawwataalee tuuriizimii aadaa fi uumamaa heddu qabaattus guddinni damee kanaa garuu kan naannolee biroo walin yeroo madaallamullee gadi aanaa ta'uu dubbatu komishinar Lalisee Dhugaa.
"Nuti giddugala biyyattiitti argamna. Kunimmoo tuuriizim konfaransii dabalatee carraawwan biroo irraa akka fayyadamnu nu dandeessisa."
"Haa ta'u malee kana hojjechuu hin dandeenye. Sababnisaammoo hawwataalee tuurizimii qabnu adda hin baafanne. Kana malees hin misoomsine," jedhu.
Iddoowwan hawwataalee tuurizimii Oromiyaan qabdutti bu'uraalee misoomaa isaan bu'uraa fi kanneen tuurizimiin walqabatan kan akka hoteelota, loojiiwwan fi kunneen biroon akka hin jirre himu.
"Bu'aa diinagdee fi ijaarsa biyyaaf qaburraan kan ka'e mootummaan dameen kun baay'ee barbaachisaa ta'uusaa hubateera" jedhu.
Hundeeffamni Komishinii Tuurizimii Oromiyaa xiyyeeffannoo mootummaan damee tuurizimiif laate kan agarsiisu ta'uu himu.
Kana malees haalli dameen tuurizimii kanaan dura itti beeksifamaa fi gurguramaa ture boodatti hafaa ta'uu himuun "yeroo dijitaalaa keessa jirra, miidiyaalee baramoo qofa irratti hirkachuun damee tuurizimii tursiisuun hin danda'amu" jedhu.
"Miidiyaa hawwaasummaa dabalatee miidiyaalee dijitaalaatti fayyadamuu qabna" jedhu.
Komiishiniin isaanii fuula facebook 'Visit Oromia' jedhu banuun suuraalee qabeenya turiizimii Oromiyaa dhaadhessani fi odeessaalee adda addaa qoodaa jira.Maloota dijitaalaatti fayyadamuunis gabaa tuurizimii idil-addunyaa hawwachuuf akka hojjetan dubbatan Komishinar Laliseen.
"Gabaawwan Afriikaa, baha giddugaleessaa, Ameerikaa, Awurooppaa fi baha fagoo irratti ni xiyyeeffanna" jedhan.
Yaaddoo nageenyaa
Kaayyoon keenya iddoowwan tuurizimii akka Itoophiyaatti jiran keessaa Oromiyaa ishee jalqabaa gochuudha. Kana jechuun immoo baay'ee hojjechuu qabna jechuudha" jedhu.
Haa ta'u malee naannoo Oromiyaa keessatti dhimmootni damee tuurizimiif qormaata ta'an heddu.
Kunneen keessaa tokko kan ta'e fi irra deddeebin kan ka'u dhimma nageenyaati.
Dhimma kana kan gaafanne Komishinar Lalisee Dhugaa, "yeroo baay'ee ilaalchi Oromiyaaf jiru sirrii kan hin taanedha" jedhu.
"Waa'ee naannichaa hubannoon dogongoraa baay'eetu jira. Naannicharratti duulli miidiyaalee heddus ni jira. Tokko tokko dhugaarratti kan hundaa'edha. Kanaaf hawaasni fi mootummaan ittigaafatama fudhachuu kan qaban natti fakkaata," jedhu.
Haa ta'u malee dhugaa lafa jiru fi duula uummata Oromoo akkasumas naannicha irratti taasifamu baay'eensaa sobadha jechuun deebisan.
Kanaaf dhugaa lafa jiru beeksisuuf akka hojjetanis himu.
Tuurizimii akka utubaa diinagdeetti...
Mootummaan Itoophiyaa kaka'umsa Ministira Mummee Abiy Ahimadin fooyya'iinsa/riifoormii diinagdee biyya keessaa madde waggoota kudhaniif hojiirra oolchuuf karoorfachuunsaa ni yaadatama.
Fooyya'iinsi diinagdee kun carraa hojii uumuu, hiyyummaa hir'isuu fi guddina waliigalaa fiduu kan kayyefate akka ta'e himama.
Dameeleen diinagdee shan; qonna, omisha, albuuda, tuurizimii fi tekinooloojiin quunnamtii fi odeeffannoo (ICT) immoo riifoormii diinagdee biyya keessaa madde kanaan kan xiyyeeffannoon olaanaa itti kennamedha.
Komishinarri Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaas xiyyeeffannoon mootummaan damee tuurizimiif kenne damee tuurizimii irratti haalaan hojjechuuf carraa kan uumu ta'uu himu.
Waggoota itti aanan shan keessattis akka naannoo Oromiyaatti damee tuurizimiin walqabatee namoota 500,000 ta'anif carraa hojii uumuuf karoorfachuu isaanii dubbatu.
Carraa hojii uummamuun dabalataan hawaasni damee kanarraa akka fayyadamuf akka hojjetan himan.
"Falaasama misooma tuurizimii hawaasa giddugaleessa godhate fi dargaggootaan hoogganamu qabna" jedhu.
Invastimantiiwwan naannoo Oromiyaa keessa jiran hawaasa naannoo walin michooma hin qaban turan, komishiniin isaanii garuu hawaasa giddugaleessa godhatee akka hojjetu himaniiru.