'Injifatamuun bara darbe nu dhukkubsee ture, isa baafanne' - Gaardiyoolaa

Maanchistar Siitii dhaabuun rakkisaadhaa? Taphataan sarara fuulduraa Siitii Jaak Griilish ''eyyeen dhaabuun ni rakkisa,'' jedha.

Keessumaa ammoo dirree ofiirratti jedha. Erga Siitiin eda Maadriidiin dirree isaarratti injifatee booda dhugumatti yaada kanaan falmuun rakkisaadha.

Gareen Peep kan torbee darbe dirree Maadriiditti qixxee bahee deebi'e, eda Maadriiditti galchii afur lakkoofsisee waliigalaan 5-1 injifate.

Gaafa Waxabajjii 10 Tarkii, Istaadiyoomii Ataturkitti kilaba Xaaliyaan Inter Miilaan waliin waancaaf morkachuuf beellamatti jira.

Injifannoon Siitii edaa kilabichi dirree isaa Etihaaditti riikardii injifatamuu dhabuu isaanii 26n gaheera.

Griilish BT Sport'tti yoo dubbatu ''gareen baayyeen Riyaal Maadriid akkas gochuu waan danda'an hin se'u, hundi keenya yoo wal taanu keessumaa asitti yoo taphannu, waan danda'amnu miti'' jedhe.

''Maal akka ta'e hin beeku, dirree isaa ta'uu deeggartoota hin beeku, garuu waan danda'amnu miti, tapha liigiitiinuu kan nu injifatu waan jiru nutti hin fakkaatu. Amanuuf nama dhiba.''

'Dhukkubbii walakkaa xumuraa bara darbee baafanne'- Gaardiyoolaa

Bara darbe yoona kana Siitiif gadda Maadriidiif gammachuu ture.

Tapha isa jalqabaa Etihaad irratti Siitiin 4-3 Maadriid injifatus, Bernaabuutti Maadriid 3-1 inifatee gara xumuraatti ce'e.

Gaardiyoolaan yaada tapha edaa booda kenneen, taphattootni isaa hanga eda galgala of keessaa buqqisanitti injifatamuu bara darbeen dhukkuba kulkulfachaa bahan.

''Waggaa tokko dura miirri ture ammayyuu garaa keessaa natti dhagaahama- wanta bara darbe ta'e(Maadriidiin injifatamuu).''

''Har'a wanti nu keessa ture buqqa'eera jedheen yaada, bara darbe baayyee gaddisiisaa ture.''

''Waggaa darbe kana tapaattoota garee akkamii akka taane agarsiifneerra'' jedha Gaardiyoolaan.

'Peep ergaa naa barreesse, ni injifanna jedhe'

Gaardiyoolaan tapha kana dura taphattoota isaarraa tasgabbii guutuu qofa barbaade.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BT Sport, dursaan taphattotaa Yunaatiid duraanii, Riyoo Ferdinaand leenjisaan Siitii Gaardiyoolaan taphni eegaluu sa'aatii muraasa dursee ergaa ergeefiin gareen isaa tapha kana akka mo'atu itti himee ibse.

''Peep naa barreesse 'na amani waggaa lama dura isaan injifannee ture, irra deebinee ni injifana' kuni sa'aatii lama ykn sadii taphni eegaluu dura, kuni ofitti amanamummaa ifa bahe'' jedhe Ferdinaand.

''Akka qoonqoorra dhaabachuuti, bakka barbaadan qabatan achiin nagaatti, goolii.''

''Namichi sun qaroo addaati. Garee guddaa kubbaa miilaa Awurooppaa barbadeessan, irra aanan sanuu salphaatti osoo hin dadhabiin, osoollee dafqa hin xuruurfatiin.''

Jifataan Chelsii duraanii fi xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan Siitiin gahumsa akka edaa Tarkiitti irra deebi'ee jennaan Shaampiyoonaa Awuroooppaa ta'uun isaa shakkii hin qabu jedha.

Adamoo waancaa sadii

Siitiin Waxabajjii 10 tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii dura waancaa lama harka galfachuu danda'a.

Dilbata dhufu Cheelsii wajjin tapha Piriimiyeer Liigii qabu injifatee jennaan, Priimiyeer Liigicha nyaachuu mirkaneeffata.

Achiimmoo ammoo xumura FA Cup'f Maanchistar Yunaayitiid waliin morkata.

Hanga ammaa garee liigicha keessatti waancaa sadan kana milkeesse Yunaayitiid qofadha. Siitiin kana gochuu dandeenyaan kilaba lammaffaa ta'a.

Jifataan duraanii Liivarpuul Maaykil Oween yaada BT Sport'f kenneen ''hunduu sadarkaa olaanaatti taphachaa jira, leenjisaa qaroo ta'e qabu. Waancaa sadanuu nyaachuu isaanii malee wanti biraan natti hin mula'tu,'' jedhe.