Maanchister Siitiimoo Riyaal maadirid? Imala xumuraa gara Istaanbul hoo'e

Itihaad irratti diraamaatu eegama. Maanchister Siitiin seenaa haaraa hojjechuuf tattaafataa jira. Pep Gaardiyoolaan waggoota shan keessatti yeroo jahaffaa Piriimer Liigii mo'achuuf aggaamaa jira.

Shaampiyoonsi Liigiidhaan garuu Maan Siitiin abaarsa kan qabu fakkaata. Bara 2021 xumuraaf dhaqabe. Kuniyyuu kilabichaaf seenaa haaraa ture. Garuu Toomaas Tuuheliin leenji'aa kan ture Chelsiin waancicha injifate.

Peep Gaardiyoolaan waancaa abbootiin qabeenyaa Maan Siitii hedduu barbaadan kana isaan badhaasuu hin dandeenye.

Bara kana garuu suuta ka'uun waancicha dhugoomsuuf kan deeman fakkaatu.

Garuu morkataan isaanii salphaa miti. Yeroo 14 waancaa Shaampiyonsi Liigii mo'achuun rikardii harkaa kan qabu Riyaal Madirid waliin morkatu.

Riyaal maadirid waliin Saantiyaagoo Bernaaboo irratti qixa xumuran.

Peep Gaardiyoolan waan hundinuu Maanchisteritti xumurama jedhaniiru. Tarii akkuma jedhan milkaa'uu?

Tapha marsaa jalqabaan yoo ilaalle taphattootni isaan bara kana hedduu amanatan kan akka Erlingi Haalaandii fi Jaak Giriilish gahumsa gaarii hin agarsiifne.

Riyaal Maadiriid ammoo waancaa kana injifachuun seenaa kan qabu qofa osoo hin taane taphattoota muuxannoo guddaa qaban akka Lukaa Moodirich, Toonii Kiruusii fi Kaarim Beenzeemaa fa'aa qaba.

Dargaggoonni abidda tahan kan akka Viinishiyes Juunerii fi Idwaardoo Kaamaaviingaa fa'as kanneen daawwatamuuf eegamanidha.

Kaamaaviingaan ganna 20tti waancaa Laaliigaa, Kooppaa Del Rey, Shaampiyoonsi Liigii mo'achuun nama jalqabaa kilabichaa akka tahe beektuu?

Beenzeemaan ammoo badhaasa Ballon dOr bara darbee mo'ateera.

Kaarloo Anchelootiin leenjisaa tokkicha waancaa Shaampiyoonsi Liigii kileboota akka AC miilaanii fi Riyaal Maadirid waliin mo'atedha.

Gaardiyoolaanis taphataa fi leenjisaa tahee Baarseloonaa wlaiin mo'ateera. Ergasii Shaampiyoonsi Liigiitti deebi'uu hin dandeenye.

Har'a Naataan Akeen miidhamaan waan taphatu miti. Eder Militayoon ammoo adabbii tokko xumuratee Riyaaliif deebi'eera.

Gaardiyoolaan torban darberra Haalaandi boqachiisa jedhamee eegamus tapha Everteen irratti taphachiisaniiru.

Jaak Giriiliishiif yeroon boqannaa kennameera. Tarii Gaardiyoolaan taphattootni Riyaal maadirid Haalaandi irratti akka hin xiyyeeffanneef Jaak Giriilish ykn Kevin De Biruun fuuldura taphachiisuu mala. Sababni isaa Gaardiyoolaan Shaampiyoonsi Liigii irratti humnaa ol yaaduun beekama. Garuu Maan Siitii waliin waggoota torba keessatti hin milkoofne.

Barri kun kan maanchister Siitii yoo tahe, waancaa Piriimer Liigii, FA fi Shaampiyoonsi Liigii mo'achuu danda'a.

Bara 1999 Sir Aleeksi Fergusan qofaatu seenaa kana Ingiliz keessatti dalage.

Hojiin hanga ammaatti hojjedheyyuu seenaadha ykn hambaa gaariidha kan jedhe Gaardiyoolaan dhiibba ataphattoota isaa irra jiru yoo salphise milkaa'uu mala.

Sababni isaa bara darbe osoo hanga daqiiqaa 90 gahanitti Maanchister Siitiin dursaa jiruu Roodiriigoon jijjiiramee galuun galchii lama lakkoofsisuun gara daqiiqaa dabalataatti cehan.

Beenzeemaan rukuttaa peenaaliitii argatan lakkoofsisuun Riyaal maadirid xumuraaf darbee Waancaa mo'ate.