Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dureessi Qataar Man Yunaayitid bituuf maallaqa fooyya'aa dhiheessan
Dureessa beekamaa Qataar kan ta'an Sheek Jaasim bin Haamaad Al Saanii kilaba Ingilizii keessatti beekamaa ta'e Manchistar Yunaayitid dhuunfachuuf maallaqa fooyya'aa ta'ee kennaniiru.
Maddeen BBC ispoortitti akka himanitti dureessi Qataar kun Kibxata kaleessaa dhaabbata Raine Group jedhamuuf caalbaasii haaraa dhiheessaniiru.
Baankariin Qataar fi abbaan qabeenyaa dhaabbata Ineos Group jedhamuu Aab Jiim Raatkilif,garee Old Trafford dhuunfachuuf kanneen wal-dorgommiitti jiran keessaati.
Abbootiin qabeenyaa lameenuu xumura ji'a darbee yeroo sadaffaaf gatii fooyya'aa dhiheessanii turan.
Dureessi Qataar Manchistar Yunaayitiind kan bitu yoo ta'e, kilabichia dhibbaa dhibba ni dhuunfata.
Tujaarri kun idaa kilabicharra jiru kaffalee, fandii haaraa kilabichaaf hundeessuun jiraattota naannoo fayyaduu danda'a jedhamee abdatama.
Ragaaleen Guraandhala darbe keessa ba'aa turan akka mul'isanitti Manchistar Yunaayitid idaa paawondii miiliyoona 969.9 ofirraa qaba.
Liqaan baankii, baasiin jijjiirraa taphattootaa fi kaan madda idaa kilabichaati.
Yeroo ammaa abbaa qabeenyaa kilaba kanaa ta'an maatiin Gileezar, Sadaasa darbe ture Manchistar Yunaayitid gurguruuf yaada qabaachuu ibsanii kan caalbaasii banan.
Maatiin Gileezar hanga yoonaa wanan caalbaasiin irra ga'e homaa jechuu baatullee, Aab Jim Raatkilif kilbicha bituu akka danda'an ni amanama.
Raatkilif jalqaba dhibbeentaa 65 bituu barbaadanii turan, amma garuu dhibbeentaa 50 irra xiqqoo dabalanii, qooda hanga tokko fooyya'aa ta'e dhuunfachuuf akka fedha qaban dhagahameera.
Kana jechuun ammoo Joowel fi Abirahaam qooda qaban osoo hin gurgurin keessa turuu danda'u jechuudha.
Maatiin Gileezar waa'ee dhimma Manchistar Yunaayitid murtee isa xumuraa yoom akka ibsu hin beekamne.
Maatiin kun kilabii kana bara 2005 paawondii miiliyoona 790n bitan, amma kilabichi paawondii biiliyoona 6tti tilmaamama.
Deeggartoonni kilaba Manchistar Yunaayitid hedduunsaanii ''maatiin Gileezar nuuf yaa ba'u'' dhaadannoo jedhu taphoota gaggeeffaman irratti wayita dhageessisan dhagahamu.
Jijjiirraan taphattootaa Awurooppaa ji'a booda eegala, kana hordofee egereen Manchistar Yunaayitid ni barama jedhamee eegama.