Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dogoggorri de Gea hegeree isaafi kilabichaatti qormaata ta'aa?
Waggoota 10 oliif karra eegaa Maanchistar Yunaayitiid kan ta'e Deevid de Hiiyaa yeroo murteessatti tapha Weestihaam waliin eda godhame irratti dogoggora hojjeteen kilabichi qabxii barbaachisaa sadii dhabeera.
Dogoggorri de Hiyaan hojjette Benraahmaan hiree goolii akka argatu gochuu caalatti abdii Yunaayitiid afraffaa ta'ee xumuruun, hiree Chaampiyoonsi Liigii keessatti hirmaachuuf qabu shakkii keessa galcheera.
Karra eegaan ganna 32 lammii Ispeen kun bara dorgommii kana qofa dogongoroota gurgoddoo goolii ta'an si'a afur hojjeteera. Kanaanis Liigicha keessatti bara kana isaafi karra eegaa Tootenhaam Huugoo Looriistu adda dureedha.
Dogoggoroonni kunniin Kilabicha abjuu isaarraa hanqisuun alatti De Hiyaa kan waliigalteen kilabicha walin qabu ji'oota keessatti xumuramuuf jiru, hegeree isaarratti dhiibbaa hin malle qabaachuu mala yaadni jedhu dhiyaachaa jira.
De Hiiyaan Guraandhala darbe dhimmi kontiraatni Old Tiraafoord isa tursu dheerachuu akka malu ''akka gaariitti adeemaa'' jiraachuu ibsee ture.
''Kontiraata isaarratti waliin dubbirra jira yoo ta'e, dogoggoroota akka kanaa hojjechuun haala kamiinuu bu'aa hin qabaatu '' jedha jifataan duraanii Liivarpuul fi Tootenhaam Piiter Kirooch.
Itti dabaluunis ''inni baroota darban karra eegaa gahumsa olaanaa qabu ture, amma garuu taphoota gurguddoo irratti dogoggora gurguddaa hojjechaa jira...''
Ittisni duraanii Yunaayitiid Riyoo Fardinaand ''dogoggora badaadha, gaafatamummaa guutummaatti isatu fudhata'' jedhe.
Kubbaa salphaa Benrahmaan lafa jala dhiite De Hiiyaan qabuudhumatu irra ture jedha Ferdinaand.
''Miilli isaa bitaan xiqqoo mucucaateera garuu kun sababa hin ta'u, kubbaa waliin akka ta'utti walitti dhufeera. Akka malee hiixatee fiixee qubaan itti bu'e miti.''
De Hiiyaan bara 2011 Atileetikoo Maadriid irraa erga gara Old Tiraafoord dhufee Yunaayitidiif si'a 500 ol hiriireera.
Yeroo afur taphataa cimaa kilabichaa jedhamuun filatameera. Pirimiyeer Liigii, FA Cup, Liig Kaapp fi Yurooppaa Liigiis injifateera.
Dogoggora dhiibbaa guddoo qabdu kana booda leenjisaan isaa Eriik Teen Haag gara De Hiiyaa goranii dubbatan.
Inni bara kana taphoota 15 irratti osoo gooliin itti hin galiin bahe, kanaanis karra eegdota Liigichaa badhaasa 'Golden Glove' morkatan keessaatii jedhan.
Liigicha keessatti hanga ammaa karra eegaan tapha 15 irratti goolii osoo hin keessummeessiin isa qofa.
''Dogoggorri qaama kubbaa miilaati'' kan jedhan Teen Haag ofitti fudhachuun barbaachisaadha jedhan.
Ferdinaand De Hiiyaan hanga ammaa kubbaawwan miila isaatiin baraaruuf galata qaba jedhee amma garuu garee akka Teen Haag qabaachuu barbaadu keessatti Dee Hiyaan tapha miila isaan taphatuun qofa gahaadhaa? jedhee gaafata.
Teen Haag hegeree Dee Hiiyaa irratti torbanoota dhufan maal akka murteessan ni eegama.