Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Man Yunaayitid tapha dhaqaa-galaan of irratti galchuu dabalatee dogoggora hojjeteen Yurooppaa Liigii keessaa gale
Maanchester Yunaayitid tapha dhaqaa-galaan goolii of irratti lakkofsisuu dabalatee dogoggora hojjeteen gooliin afur itti galee Yurooppaa Liigii keessaa ari'ame.
Kana keessaa dursaan kilabichaa Maaguweer gooliin lama akka kilabichi of irratti lakkofsisuuf sababa ta'e.
Maanchester Yunaayitid tapha Yurooppaa Liigiitiin kilaba Ispeen Siiviyaa waliin Nuusa-xumraa dhaqaa-galaan taphateen waliigalatti 5 fi 2 mo'ame.
Gooliiwwan 5 Maanchester Yunaayitid irratti lakkoofsiman keessaa lama taphattooti Maan Yunaayitid kan of irratti lakkoofsisan yoo ta'u, gooliiwwan lama ammoo dogoggoruma taphattootuma kilabichaan kan itti galan.
Tapha jalqabaa torban tokko dura tureen dirree Maanchester Yunaayitid irratti gaggeeffamee kan ture yoo ta'u, taphni sun lama walqixaan xumuramuun isaa ni yaadatama.
Tapha torban darbeen Maanchester Yunaayitid taphataa sarara gidduu Sabiitzar goolii lamaa lakkoofsisuu hordofee 2 fi 0 dursaa turus, gara daqiiqaa dhumaa taphichaatti Malaasiyaafi dursaan Maan Yunaayitid Harii Maaguweer of isaaniirratti goolii tokko tokko lakkoofsisan. Kanumaanis taphichi 2 fi2n walqixa ta'uun xumuramuun isaa ni yaadatama.
Tapha kaleessa galgala tureenis dursaan Maan Yunaayitid Maaguweer taphni jalqabamee daqiiqaa saddettaffaa irratti dogoggora hojjete hordofee taphataan lammii Morookoo Siiviyaaf taphatu El-Naasiriin carrattii fayyadamuun gareen isaa akka dursa qabatu taasise.
Maaguweer kubbaa karra eegaa Maanchester Yunaayitid Daavid Deheyaa irraa kennameef to'achuu dadhabuu isaarraa kan ka'een gooliin itti galuu danda'e.
Daqiiqaa 81ffaa irratti ammoo karra eegaan Maanchester Yunaayitid Daviid Deheyaa dogoggora hojjeteen gooliin itti galee walumaagalatti 5 fi 2n Maanchester Yunaayitid Yurooppaa Liigii keessaa gaggeeffameera
Siiviyaan La Liga Ispeen keessatti kilaboota gadi bu'uuf jiranirraa qabxii ja'a qofaan fagaatee sadarkaa 13ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, Yurooppaa Liigiitiin garuu cimina guddaa agarsiisaa jira.
Tapha xumura walakkaatiin ammoo Siiviyaan kilaba Xaaliyaan Juuventuus waliin taphachuuf ta'a.
Taphoota nuusa-xumuraa Yurooppaa Liigii birootiin Roomaan Feyenoordiin 4-2n, Liiverkusen ammoo Gilooyisiin 5-2n, akkasumas Juuventuus Ispoorting Lisaban kan Arsenaaliin dursee ari'een 2-1n mo'achuun xumura walakkaatiif darbaniiru.
Tapha xumura-walakkaatiin Roomaan Liiverkusen waliin kan walitti dhufan yoo ta'u, Juveentuus ammoo Siiviyaa waliin taphata.
Kilaboonni afran kuuneen tapha isaanii jalqaba ji'a Caamsaa gaggeeffatu.
Yurooppaa Liigii keessaa kan gaggeeffame Maanchester Yunaayitid tapha FA CUP irratti cimina gaariirratti kan argamu Biraayitan waliin tapha nuusa-xumuraa Dilbata dhuftu nitaphata.
Guyyoota afurii booda ammoo morkii cimaa Piriimer Liigii keessatti 1-4 keessa galuuf taasifamaa jirun Tootenhaam waliin Kaaba Landanitti ni taphata.