Erling Haaland fi taphattoota sarara fuulduraa seenaa addaa qaban kaan

Erling Haaland waggaa jalqabaa kilaba Piriimiyer Liigii- Maanchistar Siitii seene keessatti goolii hedduu galchuun seenaa haaraa galmeesseera.

Haaland amma osoo taphiyyuu hin xumuramin goolii 45 galchuun rikardii goolii bara tapha tokkotti galee cabseera.

Haga ammaatti rikardii akkanaa kan qabatanii turan Ruud Vaan Nistirooy (Maanchistar Yunaayitidiif) fi Mohammad Saalaah (Liivarpuuliif) turan.

Isaaniyyuu tapha guutuu irratti goolii 44 lakkoofsisan. Haaland garuu tapha isaan taphatan bira ga'uuf osoo taphi 13 isa hafuu gooliidhaan isaan caalee rikardii qabate.

Taphataan lammii Noorway umrii waggaa 22 Erling Haaland erga Siitii seenee haga ammaa taphoota 39 taphateetu goolii 45 galche.

Kana jechuun taphataan goolii olaanaa galche hin jiru jechuu miti. Waggaa 95 dura Diksii Diyaans bara taphaa tokkotti goolii 60 Evartaniif galchee ture.

Erga Piriimiyer Liigiin bara 1992 haala ammayyaa eegalee garuu taphataan hamma Haaland goolii galche hin jiru.

Taphattoonni dandeettii addaan ajaayibsiifannaa argatan Eriik Kantoonaa fi Deenis Bergkamp gooliidhaan rikardii qabachuu baatanis kubbaan isaan taphatan garuu soora qalbiiti.

Haaland erga Maanchistar Siitii seenee reefuu waggaa tokko, sanuu taphoonni hin xumuramin hedduutu jiru.

Adeemsa kanaan taphattoota Piriimiyer Liigii Ingilizii keessatti dandeettiisaaniin seenaa addaa qaban caaluun rikardii addunyaa qabachuu danda'a.

Goolii galchuun gita kan hin qabne- Alaan Shiirar

Alaan Shiirar Piriimiyer Liigii keessatti goolii galchuudhaan hanga yoonaa taphataan rikardiisaa cabse hin jiru.

Humna, dandeettii, hamileen isaa hojjaasaa caalaa guddatanii mul'atu. Inni ofii nama gabaabaa, garuu dhedheeraa meeqa jilbeenfachiisa.

Tapha bareedaa qalbii namaa hawwatu taphachuun goolii bareedaa galchuun beekama.

Nama dandeettii addaa fi abbaa rikardii ta'uunsaa kan mirkanaa'e wayita inni bara 1995 Bilaakbarni Rooversi waancaa gonfachiise.

Duuba Niwukasil Yunaayitid seenuun qomee (huccuu) lakkoofsa sagal qabu uffate, walumaa gala taphoota 404 irratti goolii 206 galchee rikardii qabate, hanga yoonaa harkaa qaba.

'Mooticha'- Diidiyer Diroogbaa

Diidiyer Diroogbaan taphattoota collee sarara gidduu fuulduratti ba'uun taphachuun milkaa'an keessaati.

Dandeettiin inni ittiin beekamu taphoota gurguddaa irratti.

Taphataa gameessi kun kilabasaa Chelsii duubaa kaasee milkeessuun beekama. Bara 2012 wayita Chelsiin waancaa Chaampiyoonsi Liigii nyaatu, tapha xumuraa irratti Baayer Muunik irratti goolii galche.

Diroogbaan waan hin eegamne hojjetee Chelsii fure. Wayita boojuudhaan dirree sanaa ba'an taphataan gameessi Chelsii Firaank Laampaard akkas jedheen: ''Inni goota kiyya. Mooticha. Nama bu'aa buusu.''

Bara 2007 tapha xumuraa waancaa FA Maanchistar Yunaayitid waliin taphatan irratti Chelsiif goolii kan galche Diroogbaadha.

Waggaa sadi booda ammoo Poortismaawuz irratti, isa booda bara 2012tti Liivarpuul irratti goolii galcheera Diroogbaan.

Akkasumas bara 2009 wayita Chelsiin Evartan mo'achuun waan nyaatu goolii walqixa isaan taasisu kan galche Diroogbaa ture.

Tiyeerii Heenirii- gameessicha araarama namaaf hin qabne

Deeggartoonni Arsenaal maqaa Tiyeerii Heenirii guddoo booji'amu. Heenirii goolii galchuurratti araarama hin qabu.

Taphoota 377 irratti goolii 228 galcheera. Taphataan biraan Arsenaaliif goolii hedduu galche Ayan Raayit. Tapahataan kun taphoota 288 taphachuun goolii 185 galcheera.

Goota sodaaf harka hin laanne- Serjiyoo Aguweeroo

Taphataan Piriimiyer Liigii akka Serjiyoo Aguweeroo daqiiqaa 93 fi sekondii 20 irratti Maanchistar Siitiif goolii galchuun Maanchistar Yunaayitid harkaa waancaa baafatee beeku jiraa laata?

Bara 2012 dirreen Itihaad rifaatuu, abdii, waan guddoo eeguu fi sodaachisa guddaa garuu dura dhaabbannaa cimaadhaan fudhatame.

Bara sana Siitiin Aguweeroodhaan durfamu QPR 3 fi 2'n mo'atee boojuun gale.

Kubbaan Aguweeroon gooliitti jijjiire sammuu nama hedduu dhiphise, gaazexessitoonni kutaa ibsi itti kennamu osoo hin hafin.

Garuu Aguweeroon nama hunda fure, kubbaa Maariwoo Baaloteeliin dabarseef miillasaa isa mirgaan hammatee qabe, lammata bitaan tuqee mani eegaa QPR Paadii Keenii mufachiise.

Taphoota Siitiif taphate 275 irratti goolii 184 lakkoofsise

Dandeettii uumaan badhaase- Roobiin Foowlar

Harii Keen goolii 200 galchuun taphataa kana caaleera, Mohammad Saalaa Wayita Maanchistar Yunaayitid goolii 7 fi 0 dhaan mo'atamu Liivarpuuliif goolii lama galchuun taphataa kana caaleera.

Liivarpuul taphattoota collee akka Maakel Oowan, Fernaandoo Toores, Luwiis Suwaarez fa'aan faayamee kilaba tureedha.

Garuu kan akka Roobii Foowlar uumaan dandeettiin badhaase hin jiru.

Roobii Foowlar bara Alaan Shiirar fi Teedii Sheriingihaam waancaawwan Ingilaand 26 nyaateera.

Taphoota 369 Liivarpuuliif taphaterratti goolii 183 lakkoofsiseera.

Nama dadhabee hin beekne- Waayin Roonii

Foowlar dandeettii uumamaa qaba, ogummaan taphaa isaa garuu taphataa gameessi kan biraa Waayin Rooniin dhaalameera.

Rooniin wayita umriisaa waggaa 16tti Evartan seenu ija jabeessa, abbaa dandeettii ajaayibaa ture.

Umriisaa kanaan Arsenaal irratti olaantummaa argate, boodarra bara 2004 tapha Ingilaand fi Poorchugaal taphatan irratti goolii galchuun akkaan mul'achuu eegale.

Taphoota 559 Yunaayitidiif taphaterratti gooliiwwan 253 galcheera.

Saffisaa fi dandeettii walfaana- Andiriwu Kool

Olee Guunaar Soolshaayar nama goolii adamsuun beekamu, garuu dandeettiin Andiriiwu Kool hagas mara hin dubbatamne.

Taphoota 275 Yunaayitidiif taphaterratti goolii 121 galche.

Taphoota 74 irratti goolii 68 galchuun rikardii qaba.