Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hawwiin koo aangoo gadhiisee gaazexeessaa ta'uudha'- Pool Kaagaamee
Pireezidantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen turtii waggaa 23n booda soorama ba'uun baallii dabarsuuf qophii ta'uu ibsan.
Pireezidantichi bakka gitisaa kan Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo jiranitti magaalaa guddoo biyyattii Kigaaliitti kana dubbatan.
Qondaalli siyaasaa gameessi Afrikaa keessatti maqaa guddaa qaban kunis adeemsa baallii dabarsuurratti paartiin isaanii bal'inaan mari'achuu himan.
Soorama ba'uun isaanii ''waan hin oolle'' ta'uus eeran. Aab Kaagaameen akka jedhanitti, fedhiin isaanii nama isaan bakka bu'u filachuu qofa miti.
Namoota baallii harkaa fuudhaniif haala mijataa uumuurratti akka fuulleffatan ibsan.
''Paartii kiyya waliin dhimma kanarratti erga bara 2010 eegallee mari'ataa jirra. Garuu haalonni, qormaati biyyattiin qabduufi seenaan Ruwaandaa waan qajeelchinu aka qabnu nutti mul'isa,'' jedhan.
Haala qabatamaa biyyattii fi seenaa keessa darban ilaacha keessa galchuun, dhimmi soorama ba'uu isaanii bal'inaan irratti akka mari'atamus ibsan.
''Dulluma keessallee taatu gaaf tokko gaazexeessaa ta'ee akkan hojjennu nan amana. Sanarratti fuulleffadheen jira,'' jedhan Aab Kaagaameen.
Pireezidanti Pool Kaagaameen yaada kana kan dubbatan, paartiinsaanii-Rwandan Patriotic Front (RPF-Inkotanyi) jedhamu, yeroo jalqabaaf dubartii dursituu itti aantuu gochuun erga filatee guyyoota muraasa boda.
Bara 1998 irraa eegalanii paarticha dursaa kan jiran Aab Kaagaameen, ammas dursaa ta'uun itti fufan.
Aab Kaagaameen waa'ee soorama ba'uu wayita dubbatan kun kan jalqabaa miti.
Bara 2022 keessas aangoo mootummaa gadhiisanii akka lammii kamiittuu jiraachuuf rakkoo akka hin qabne ibsanii turan.
Aab Kaagaameen bara 2000 irraa eegalanii Pireezidaantii Ruwaandaa ta'anii bulchaa jiru.
Bara 2015 filannoo riifarandamiitiin daangaan aanoo pireezidantummaa marsaa lama qofaaf murtaa'ee ture kaafameera.
Pireezidantichi filannoo pireezidantummaa bara 2024 irratti hirmaachuuf akka jiran bara darbe TV Fireench irratti dubbatanii turan.