Maqaan taphataa Peelee hiika "dorgomaa kan hin qabne" jedhu qabatee galmee jechootatti dabalame

Maqaan taphaataa beekamaa lammii Biraazil seenaa kubbaa miilaa keessatti yeroo hunda yaadatamu Peelee hiika jechoota keessatti dabalame.

Jechi ‘Pele’ jedhu hiika ‘’adda’’ ykn ‘’ gita kan hin qabne’’ jedhu qabaata.

Afaan Poorchugaaliin kitaabni galmee jechoota barreeffame Misheelis jedhufi Biraazil keessatti baayyee jaalatamu maxxansa isaa oonlaayinitti Peelee akka maq-ibsa haaraa tokkootti hiika jechootatti dabale.

Peeleen kabaja kana akka argatu duula dhaabbanni maqaasaatiin mogga’e Peelee Faawundeshiin jedhamu mallattoo namoota 125,000 sassaabuun gaggeesseen galmee jechootaatti dabalame.

Taphataan seenaa kubbaa miilaa keessatti hedduu yaadatamu Peeleen umrii ganna 82tti Muddee 2022 du’aan boqote.

Peeleen taphataa Waancaa Addunyaa si’a sadii injifate fi seenaa keessatti taphata hunda caalu jedhamuun beekama.

Bara kubbaa miilaa taphataa ture kilaba biyyasaatii Saantoos, garee biyyaleessa Biraazil fi Niwuyork Kosmoosiif goolii 1,281 lakkoofsise.

Peeleen dhibee kaansaariin du’uu hordofee kilabniisaa durii Saantosi fi miidiyaan ispoortii SporTV jedhamu fi dhaabbanii Peelee maqaan isaa hiika jechootatti dabalamee akka beekamu waamicha dhiyeessaa turan.

Dhaabbanni galmee hiika jechoota kana duuba jiru Meeshelis maxxansa isaa afaan Porchugaal keessatti baasuuf akka jiru ibse.

Barreeffamni hiika jechootatti dabalame "pe.lé" jechuun afaan Porchugaaliin nama madaalli hin qabne ykn gatii ykn olaantummaa madaalli hin qabne ykn nama akka Peeleetti gita hin qabne, maqaa masoo Idisan Arantes do Naskimento(1940-2022), atileetii jabaa yeroo kamiyyuu yaadatamu: adda, gita ykn madaalli kan hin qabne"' jedha.

Faawundeeshiniin Peelee akkas jedhe: ‘‘Peeleen nama waanta hojjaturratti namoota hundarra caalu galmee hiika jechootaarratti maqaan isaa baraa baraan akka yaadamu taasifame."