Awustiraaliyaa hanga Ameerikaatti: Kabaja Ayyaana Dhaloota Yasuus Kiristoos suuraan

Har'a biyyoonni Lixaa Ayyaana Dhaloota Yasuus Kiristoos kabajaa jiru.

Amantii Kiristaanaa keessatti ayyaanota bakki guddaan kennamuuf keessaa tokko kan ta'e Ayyaanni Dhaloota Kiristoos biyyoota Lixaa biratti haala ho'aa ta'een kabajama.

Namoota hedduu uffata Ayyaana Dhaloota Yasuus Kiristoos uffatanii daandiirra deeman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maadiriid Ispeen: Namoonni kuma hedduun lakkaa'aman uffata Ayyaana Dhaloota Yasuus Kiristoos uffatanii fiigicha kiiloomeetira 4.5 waggaa waggaan gaggeeffamurrati yeroo hirmaataa jiranitti.
Tookiyoo Jappaan: Warri uffata Abbaan Kiriismaasii uffatan daandiiwwaniratti ijoolleef kennaa yeroo kennaa jiranitti.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tookiyoo Jappaan: Warri uffata Abbaan Kiriismaasii uffatan daandiiwwaniratti ijoolleef kennaa yeroo kennaa jiranitti.
Abbaa Kirismaasii saree qabatanii bidiruun imalaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sidinii Awustiraaliyaa: Abbaa Kirismaasii saree qabatanii bidiruun imalaa namoota galaana qarqara dhaabatanii isa eeganiif kennaa qabatanii yeroo deemanitti.
Namoonni Waldaa Kiristaanaa keessatti yeroo sirna waaqeffannaarra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Weest Baank: Dubree Maariyaam yeroo Naaziratii gara Beeteleemitti deemtetti bakka itti haara galfatte jedhamuu kan yaadamu Waldaa Kiristaanaa Viiziteeshin keessatti sirni waaqeffannaa yeroo gaggeeffamutti.
Waldaa Kiristaanaa Leegiyoo Maariyaa Afrikaan Miishin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Keeniyaa: Ollaa magaala Ugunjaatti miseensonni Waldaa Kiristaanaa Leegiyoo Maariyaa Afrikaan Miishin tajaajila jala-bultii guyyaa Ayyaan Dhaloota Yasuus Kiristoos irrattti.
waldaa Kiristaanaa Vaatikaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Vaatikaan: Poop Firaansiis jala-bultii Ayyaana Dhaloota Yasuus Kiristoos irratti yeroo eebbisan.
Miseensonni raayyaa Yukireen

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yukireen: Miseensonni raayyaa Yukireen Ayyaana Dhaloota Kiristoos wayita sirna kabajaarratti hirmaachaa jiran.
Namoota jala bultii ayyaanaa kabajan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atilaantaa Ameerikaa: Jala-bultii Ayyaana Dhaloota yasuus Kiristoosirratti dorgommii NFL irratti deeggartoonni Atilaantaa Faalkansiifi Indiyaanaa poolis Kooltis istaadiyomii keessatti.