Finfinneen Irreecha dabalatee wal tajjiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf qophiitti jirti

Magaalaan Finfinnee sagantaa Irreechaa nagaan akka kabajamuuf qophii gochaa jirti.

Dabalataan ammoo wal gahiin kantiibota magaalota Afrikaa bor magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu keessuummeessuuf qophiitti jirti.

Walgahiin kun ‘African Mayoral Leadership Initiative’ jedhamuun beekama.

Sagantaan kun kantiibaan magaalota Afrikaa mul'ataafi karoora misoomaa magaala isaaniif qaban akka galmaan gahaniif deeggarsa adda addaa kenna.

Magaalaan Finfinnees sagantaa kana irraa fayyadamtuu yoo taatu, magaalaan teessoo Gamtaa Afrikaa taate kun Afrikaa irraa magaalaa hawwattu tahuuf hojjechaa akka jirtu himama.

Amajji bara 2023 yeroo jalqabaaf Afrikaa Kibbaa magaalaa Keeppi Taawoniitti kan jalqabe yoo tahu, Finfinneen yeroo jalqabaaf wal gahicha gaggeesiti.

Kora kana irratti kantiibotni magaalota gurguddoo biyyoota Afrikaa, kantiibotni magaalota naannolee Itoophiyaa keessaa afurii fi keesummootni dhaabbilee idil-adunyaa irraa argamu jedhamee eegama.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee magaalota gurguddoo adunyaa daawwachuun kantiibot amagaalotaa isaanii wlaiin hojjechuuf waliigaltee uumaa turan.

Borus wal gahicha irratti haasaa baninsaa akka taasisanii fi simannaa taasisan eegama.

Odeeffannoon waajjira kantiibaa magaalaa Finfinnee irraa arganne akka agarsiisutti saganticha irraa kantiibotni magaalotaa deeggarsa teeknikaa, muuxannoo ogeessotaa fi biro hojii isaanii ammayyeesuuf gargaaran argatu.

Kantiiboleen argaman muuxannoo walirraa qooddachuu qofa osoo hin taane, galma misoomaa qabatan bira gahuun deeggarsa isaan barbaachisu argatu.

Dhaabbilee deeggarsa kennan akka Big Win, Africa Center for Cities’ jedhamnii fi kaanis argamu jedhameee egama.

Magaalaan Finfinnee dhiyeenya bu’uuraalee misoomaa gurguddoo diriirsuu fi magaalicha ammayyeessuu irratti hojii bal’aa hojjechaa jirti.

Magaalittiin kana dura magaalaa paarkii bashannanaa hin qabne yoo taatu amma paarkiiwan mimmiidhagoo magaalicha bareechan hojjetamaa jiru.

Wal gahiin gaggeesitootaa fi dhaabbilee deeggarsaa wlaiin godhamu magaalaa Finfinnee magaalaa guddisa daa’immaniif mijataa gochuu irratti kan xiyyeeffatanidha.

Kana kan deeggarus gidduugalli haaraan akka hundeeffamu ibsameera. Sagantaan guddisa ijoollee magaalittii sadarkaa waajjira kantiibaatti hundeessun hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Namootni 2500 tahan haala guddisa ijoollee irratti leeji’uun maatii fi namoota ijoollee guddisaniif gorsa akka kennaniif magaalittii keessatti ramadamaniiru.

Dabalataan magaalittiin daa’imman 9500 tahaniif nyaata madaalamaa dhiyeessaa jirti.

Akkasumas guddina sammuu fi qaama daa’immaniif akka oolutti bakkeewan bashannana daa’immanii 150 tahan hojjetamuu odeeffannoon arganne addeessa.

Buufataalee fayyaa magaalittii fi hospitaalota federaalaa keessattis haala kununsaa fi guddisa daa’immanii irratti leenjii gahaan kennamuu ibsan.

Sagantaan guddisa daa’immanii kun leegaasii kantiibaa magaala Finfinnee Aadde aanecha Abeebee keessaa tokko akka tahe himama.

Dabalataan magaalaa Finfinnee hawwattuu fi magaalaa guddoo Afrikaa gochuuf hojjetamaa akka jiru odeeffannoon waajjira kantiibaa irraa arganne ni hima.

Magaalaa Finfinnee keessatti gidduugalli ssorataa namoota harka qalleeyyii 20 tola ooltotaan banamuun namoota kuma 40tti siiqan sooraa jira.

Harka qalleeyyii deeggarsa hin qabne kumaatamaafis manni jireenyaa tola ooltaan ijaarame kennameera.