'Balfa keessaa na kaasan, gammachuun akkasii anaaf ''isa jalqabaatis, isa dhumaatis'

Waggoota 30 oliif konkolaachisaa fe'umsaa gurguddaan ture. Tasuma ijikoo jaamee ergan manatti galee ammoo waggaa 18 taheera. Miillikoo na dhukkuba, maatiis, fira na gargaarus hin qabu. Godoo lagarratti ijaaramte keessan qofaakoo waggaa 18 jiraadhe.''

Kun jiraataa magaala Finfinnee Obbo Taaddasaa Faantee Gabreeti. Tibbana namoota mana jireenyaa tola-ooltummaan magaalaa Finfinnee keessatti ijaaramee kennameef keessaa isaan tokko.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee tola-ooltota qindeessuun hojii yeroo ganna kanaa hojjeteen manneetii jireenyaa ji'a Waxabajjii hanga ammaa ijaaramanii xumuraman 860 namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenneera.

Itti-Gaafatamtuu Biiroo Komunikeeshinii Magaalaa Finfinnee Aadde Innaatalem Mallasaa BBCtti akka himanitti, manneetiin yeroo gannaa kana hojjetaman 860 yeroo phaagumee kana keessaa dabarfamanii kennamaniiru jedhan.

Hojii tola-ooltummaa yeroo gannaa qofaan osoo hin taane yeroo bonaa hojii hojjetameenis manneetiin 6,000 ol harka qalleeyyiif akka kennaman BBCtti himaniiru.

Magaalaa Finfinneetti hojii tola-ooltummaa kanaan gidduugalli nyaachisaa [soorataa] 20ffaa tibbana kutaa bulchiinsa Gullaleetti akka eebbifamu himan.

Kana dura gidduugalli 19 magaalichatti banamuun namoota harka qalleeyyiif nyaata dhiyeessaa akka ture kan himan Aadde Innaatalem tokkoon tokkoo isaanii guyyaatti namoota 1,500 hanga 2,000 tahaniif nyaata madaalawaa dhiyeessu jedhan.

Dabalataan magaalaa Finfinnee bakka Xoor Haayilooch jedhamutti tibbana namootni sadii Ministera Fayyaa waliin tahuun tajaajila yaaliifi qorannoo dhukkuboota hin daddarbinee namoota kuma 45 oliif taasisaniiru jedhan.

Hojiin tola-ooltummaa qabeenya guddaa qabaachuu irratti qofa hin hundaa'u kan jedhan Aadde Innaatalem, ''kan nuuf kenname tokko itti fayyadamuuf, tokko isa dadhabe ittiin kaasuuf'' jedhan.

Hojii tola-ooltummaa tibbanaan fayyadamaa kan tahan Obbo Taaddasaan ''gammachuun natti dhagahame bara jireenyakootti isa jalqabaatis, isa dhumaatis,'' jedhan.

''Manni keessa jiraachaa turre baaxiin isaa qorqoorroo, keenyaan isaa qorqoorroodha. Madaabaraan haguugnee keessa jiraachaa turre.

''Manichi lagarratti ijaarame. Ilbiisonni na rakkisu. Yeroo gannaa foolii badaa qaba. Waggoota 18 tahaniif rakkoo hamaa keessan ture. Asmii na dhuukuba, ijikoo hin argu.

''Miillikoos na dhukkuba. Mataakoo keessas ixii ykn xannacha jira ture. Hospitaala Xiqur Anbasaa keessa waggaa tokkoof ciisee yaalameen naaf baasan,'' jechuun hammam jireenyi itti hammaatee akka ture ibsan.

Iji isaanii erga jaamee waggoota 19 caaluu kan himan Obbo Taaddasaan, maatii isaan gargaaru homaa akka hin qabne dubbatu.

''Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dhufanii na ilaalanii, mana akka nuuf ijaaran waadaa nuuf galanii ture.

Amma kutaa bulchiinsa Lidataa aanaa 09 keessatti mana ijaaranii naaf kennaniiru. Baay’een gammade.''

Itti dabaluun waggoota hamma kanaa dubartii ollaa isaanii tokkotu waan argame nyaataaf akka isaaniif kennaa turan dubbatan. Amma walumaan manni akka kennameef BBCtti himaniru.

''Isheenis akkuma koo ni rakkatti. Amma akkumakoo manni kennameeraaf.

Kana dura erga ijikoo bade naannoo mana amantaa deemee kadhadheen waan argadheen waan nyaatamus bitadhee gala ture. Erga miillikoo na dhukkubee ammoo bahee kadhachuus hin dandeenye. Qofaakooti….''

Obbo Taaddasaan yeroo fayyaa turan Sudaan keessatti waggoota 18 tahaniif konkolaachisaa konkolaataa fe’umsaa gurguddaa turan.

Achiin booda gara Itoophiyaatti deebi’aniis waggoota 13 tahaniif sarara Finfinnee Jibuutiirra konkolaataa fe’umsaa gurguddaa konkolaachisaa turuu himan.

Bara 1996 tasuma ijikoo na dhukkubee jaame….ergasii dhukkubsataan jira jedhan.

Hojiin tola-ooltummaa kun waggoota sadii as itti fufinsaan hojjetamaa turuu kan himan Adde Innaatalem, "ammas baa'yee hojjenne jedhamee kan itti boonamu miti, baay'eetu nu hafa," jedhan.

Manneetiin diigamanii ijaaraman ''sadarkaa mana jedhamuu irra hin turre. Sharaa adda addaan, qorqorroofi laastikaan kan haguugaman turan. Manneetiin kunneen yeroo roobaa ni dhimmisu,'' jedhan.

Itti dabaluun, ijaarsa manneetii kanneeniif Birrii miliyoona 947 tahu walitti qabameera jedhan.

''Hojii tola-ooltummaa yeroo bonaa ji’a Fulbaanaa hanga Caamsaatti hojjetameen manneetiin 6,000 ol tahan hojjetamuun dabarfamanii kennamaniiru.

Bulchiinsi magaalaa, lafa dhiyeessuu, adeemsa hojichaa mijeessuun deeggara malee namoota dhuunfaatu 'natu hojjeta' jechuun hojjetee dabarsa.''

Abbaan qabeenyaa bakka bal’aa naaf kennaa, gamoo guddaan ijaara akka namoota baay’ee qabatuuf yoo jedhes bulchiinsi magaalichaa akka mijeessuuf himan.

Hojii tola-ooltummaa kana itti fufsiisuuf komishiniin of danda’e hundaa’uun hojiitti akka jirus himaniiru.

Guyyaatti namoota kuma 40 tola sooruu

Lammiileen Itoophiyaa amma ji'a 13ffaa keessa jiru. Kunis kalaanderii adunyaa irraa adda kan tahe yoo tahu, Fulbaana 12 bara 2023 ayyaana waggaa haaraatu ayyaaneffatama.

Kana sababeeffachuun magaalota adda addaa keessatti hojiin tola-ooltummaa hojjetamaa jira. Namoonni waan qaban irraa namoota harka qalleeyyii deegaru.

Haatahu malee, bulchiinsi magaala Finfinnee tola-ooltotaan gidddugalli nyaachisaa [soorataa] 19 tahu kana dura magaalicha keessatti ijaaramuun guyyaatti yeroo lama nyaata dhiyeessaa turuu hime.

Tibbana kutaa bulchiinsa Gulalleetti gidduugalli tokko banamuun lakkoofsa isaa 20 akka taasisu Aadde Innaatalem BBCtti himaniiru.

Jimaata har'aa kunis ‘’guyyaa nyaachisaa’’ jechuun harka qalleeyyiif nyaanni kennameera. Waan akkanaa yeroo weerara koroonaa sana jalqabe jedhan Aadde Innaatalem.

Haadholiin daandiirra taa’uun waa gurguranii jiraatan manatti galanii ture. Yeroo sana namootni hedduu waan rakkataniif namoonni hojii tola-ooltummaa kanaan bakka nyaachisaa qopheessaa turan. Haala kanaan kan jalqabe amma 20 gaheera jedhan.

Gidduugalli nyaachisaa kutaalee bulchiinsa magaalaattiitti banamanis guyyaatti namoota kuma 40 tahaniif nyaata madaalamaa dhiyeessuu akka danda'an dubbatan.

Gidduugalli nyaataa tokko guyyaatti namoota 1,500 hanga 2,000 tahaniif nyaata madaalamaa qulqullinni isaa eegame dhiyeessaa ture jedhan.

''Kun osoo adda hin citiin guyyaa hunda kan dhiyaataa jirudha. Namootni harka qalleeyyiin gidduugala isaanitti dhiyoo jiru deemuun nyaatanii galu.

''Kanneen fudhadhee galeen maatii koo waliin nyaadha jedhan ammoo fudhatanii galu. kun sireerraa ka’uu warri hin dandeenyes waan jiraniifidha.''

Gidduugalli nyaachisaa akkasii kan jalqabaa kaampaanii Midrokiin naannoo Goojjam Barandaa gara Addis Katamaa geessutti tahuu kan himan Aadde Innaatalem, ergasii kutaalee akka Lidetaa fa’aa keessatti gidduugalli nyaachisaa sadarkaa isaanii eeggatan ijaaramuu dubbatan.

Dabalataan manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti sagantaan nyaata dhiyeesuus akkuma itti fufetti jira.

Barattoonni kuma 750 tahan manneen barnootaa keessatti guyyatti si’a lama nyaata argatu. Uffata danbiifi barruulee isaan barbaachisaniif mootummaan bitee akka dhiyeessuuf Itti-gaafatamtuun kun himaniiru.

Kanaaf, mootummaan Birrii gara Biliyoona sadii tahu baasii akka taasisus himaniiru.

''Nama gargaaruuf lammii tahuun qofa gahaadha. Waanti nuuf kenname tokko akka itti jiraannuuf, tokko akka kenninuuf nuuf kenname akkuma jedhamu jechuukooti.''

Hojiin tola-ooltummaa kun ilaalcha gaariin namoota gidduu akka jiraatu godha. Mootummaa qofaadhaan hojiin kun hundi hin hojjetamu. Hojiin tola-ooltummaa mallattoo hawwaasa qaroomeeti jedhan Aadde Innaatalem Mallasaa.