Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ga’eessa Booranaa hojiin tola-ooltummaa gaa'ila isaa diige
Leeyikun Adam jedhama. Ga’eessa ganna 38 yoo ta’u dhalatee kan guddate Boorana Yaabellootti.
Waggoota 17’f hojii tola ooltummaa hojjechaa ture. Ammalleen ittuma jira. Leeyikuun bu’aa bahii waggoota 17 keessa dhufee fi hojiilee hojjete akkasumas mul’ata isaa gara fuuladuraa irratti BBC Afaan Oromootti dubbate.
Boorana Magaala Yaabellootti maatii galii gadi aanaa qaban irraa waan dhalateef, ijoollumaasaa maatiisaa gargaarudhaan akka dabarse hima. Harmeen isaa buddeen tolchanii gurguru.
Leeyikun ammoo buddeena harmeensaa tolchan kana fuudhee magaala keessa naannessee gurguraa barumsa isaas barataa turuu dubbata.
Bara 1989 yeroo kutaa 6ffaa barataa ture mudannoon isa qunname garuu kallattii jireenyasaa akka jijjiiree fi hojii amma itti jiru kanaaf bu’uura akka ta’e hima.
“Guyyaa tokko akkuma barame buddeen magaala Yaabelloo kana keessa deemee gurguraa ooleen maallaqa itti gurguraa oole gate. Birriin najalaa badee jennaan manatti galuu sodaadheen achumaan gara Diillaatti bade. Achitti karaarra fi barandaa bulaa ture” jedha.
Boodarra maatiin isaa barbaadanii achitti erga argataniin duuba gara manaatti deebisan. Kutaa 6ffaa booda garuu barumsatti hin deebine. Gargaaraa konkolaachisaa, achiis konkolaachisaa ta’e.
“Yeroon Diillaatti barandaa bulaa ture sana rakkoo namoota karaarra jiraatanii kana sirrittan arge. Ergasii karaan danda’uun namoota karaarra jiraatan gargaaruun qaba jedheen murteesse. Konkolaachisummaarraa birriin argadhuun bara 1997 irraa eegaluun namoota kana walitti qabee gargaaruun jalqabe” jedha Leeyikun.
Imala gara biyya Chaayinaa…
Bara 2010 ministirri muummee Dr. Abiy Ahimad dargaggoota guutuu biyyaa irraa masaraa mootummaatti walitti qabuun dhimma hojii tola ooltummaa irratti kallattii kennanii turan.
Dargaggoota 1,000 guyyaa sana masaraa mootummaatti kora sanarratti hirmaatan keessaa Leeyikun tokko ture.
“Dargaggootni guyyaa sana achitti argaman hundi kanneen yunvarsiitii irraa bahani. Namni kutaa jaha qofa baratee kora sanarratti hirmaate ana qofa. Waltajjii sanarratti harka baaseen ministira muummeetti kana hime.
Waraqaalee ragaa 57 hojii tola ooltummaa hojjechuun argadhes qabadheen achitti agarsiise,” jedha Leeyikun.
Ministira Muummee Dr. Abiy kana yeroo dhagahan akka isa jajanii fi muuxannoo fudhachuuf gara biyya Chaayinaa akka deemu achumatti waadaa galuufis hima.
“Ati nama fakkeenyaa taate waan taateef asumaan biyya Chaayinaa deemtee daawwatta naan jedhan yerosuma Paaspoortiis akka dafee naaf bahu haala naaf mijeessanii biyya chaayinaa deemee aadaa hojii isaanii daawwadhee beekamtiis argadhee deebi’e” jedha.
Hojii tola ooltummaaf jecha maatiinkoo diigame…
Leeyikun ogummaan ittiin ofjiraachisu hojii konkolaachisummaa ta’ulleen waggoota 17 darban gara caalu kan dabarse hojii tola ooltummaa kana hojjechuun akka ta’e hima.
Daa’imman karaarra jiraatan walitti qabee kan gargaarus, hojii qulqullina magaalaa kan hojjetus maallaquma hojii konkolaachisummaa kanarraa argatuuni.
“Fuudhee ilmaan lama horeen ture. Garuu namootatu haadha manaa kiyyatti oduu hin taane odeessa. ‘Inni silaa ijoollee ormaa gargaara, ofiimmoo mana kiraa keessa jiraattu, inni jireenya maatii dhiisee kosii magaala keessaa haraa oola’ jedhuun jaartii kiyyaan.”
“Dhiibbaan kuni gaafa dabalaa deemu haati warraa kiyya filannoo lama naaf kennite. Yookan anaa filadhu yookan hojii itti jirtu kana filadhu kan jedhu. Booda kanumarratti walii galuu dhabnee adda baane. Amma jiruun kiyyas haati warraa kiyyas tola ooltummaadha” jedha Leeyikun.
Harmee kiyyafillee waa godheefii hin jiru. Harmeen kiyya dura yeroo ani ijoollee ture buddeen gurgurti, ammalleen buddeenuma gurgurti jechuun hima.
Waraqaalee ragaa 92…
Waggoota 17 hojii tola ooltummaa hojjete kana keessatti bu’aan inni argate Waraqaalee Ragaa bakka adda addaatii argate 92 qofa akka ta’e hima.
“Hojii kana kanin hojjedhu gammachuu waan naaf kennuufi. Tola ooltummaan kennaa kiyya. Ammoo waan hawaasa kiyya gargaaru baayyeen hojjedhe. Kuni nagammachiisa. Karaa qarqaarsaa garuu wanni ani argadhe waraqaa ragaa callaa. Amma 92 gaheera. Ammoo waraqaa duwwaan maal godha” jechuun gaafata.
Hojii tola ooltumma kana yeroo hojjetu eebbi argatu waan hunda caalaatti akka isa gammaachiisus hima.
“Akka ani yaadutti eebbi namaa anaaf NGO nama qarqaartu caalti. Wanni nagargaare eebba hawaasa kiyyaati” jedha.
Leeyikun tibba kana waraqaalee ragaa hanga ammaa argate 92 lafarra diriirsee suura waajjin ka’uun ‘waraqaaa callaan maal godha waan danda’amuun haa wal tumsinu’ jechuun gaafate.
Magaala Yaabellootti hojii tola ooltummaa kana jalqabulleen yeroo adda addaatti magaalota godina Booranaa keessa jiran cufaarra naanna’uun hojii qulqullina magaalaa hojjechuu hima.
“Yeroo koronaavaayirasiin dhufe sana motora qabadheen bishaanii fi saamunaa fe’adhee Yaabelloo hanga Finfinnee uummata harka dhiqachiisaa ture. kanaafis beekamtii argadheera. Magaala Yaabelloo ammoo qulqulinashee irratti yeroo hunda hojjenna” jedha.
Magaalaa Yaabellootti lafa kosiin itti gatamu qulleessuunis maqaa isaatiin paarkii hundeeffateera.
“Bakki amma paarkii Leeyikun jedhamee waamamu kuni dura lafa kosiin itti gatamu. Isa qulqulleesinee, ogeessa daagaa koonsoo irraa fideen daagaa hojjachiise. Biqiltuu irra dhaabne. Lafti kuni gara hektaara shanii taha. Amma magariisomaa jira” jedha Leeyikun.
Gara fuula duraattis hojii tola ooltummaa kana hojjechuu akka itti fufuu fi akkuma Shaalaqaa jaataanii Alii faa waan dhalootaaf ta’u kaa’anii darban anis waan boru dhaloota fayyadu kaa’ee darbuun fedha jechuun hima.