Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tola ooltummaa: Dhaabbata laaboraatorii Finfinneetti baatii Qaammee keessa bilisaan tajaajilu
Wiituun Qorannoo Fayyaa Wuddaasee waggoota 12 dura ture kan hojii eegale. Bara kana dabalatee waggaa waggaan guyyoota Qaammee hunda tajaajila qorannoo fayyaa bilisaan kennaa jira.
Waggoota kanneen keessatti Wiirtuun kun qorannoo fayyaa nama tokkotti birrii 2,500 hanga 5,000 gaafatan namoota kuma 46 ta'aniif bilisaan kennuu isaa abbaan qabeenyaa Wiirtuu kanaa Daawwit Hayiluu ni ibsu.
Namoota tajaajila bilisaa argatan kanneen keessaa kuma 16 kan ta'an erga Wiirtuun kun hundeeffamee kaasee hanga bara darbeetti guyyoota Qaammee keessa kan tajaajilicha argatan.
Warri tajaajila bilisaa argatan namoota akkamiiti?
"Tajaajilli bilisaa kun namoota tajaajila nuti kenninu kan isaan barbaachisu ta'ee warra dandeettii hin qabneefidha.
''Hin danda'u garuu tajaajillichi na barbaachisa namoota jedhan hundaaf kan kennamudha," jedhan Daarektaraafi abbaan qabeenyaa Wuddaasee kun.
"Nuti kana kan ittiin adda baafannu [akka kanfaluu hin dandeenye] gaafachuudhaan. 'Kanfaluu hin danda'u' jennaan ni amanna," jechuun ibsan.
Wiirtuun qorannoo fayyaa kun tajaajila kan kennu ajaja wallaansaa warra isaan barbaachisuufi ajaja malees kanneen kennamaniif yoo ta'u, qorannoo fayyaa bilisaas haaluma walfakkaatuun kan kennamudha.
Qorannoon fayyaa bilisaa keessattuu qorannoon ajaja hakiimaa hin gaafanne baatii Qaammee keessa guyyoota jiran shanan ykn ja'an keessa karaa toora bilbilaa 9888 galmaa'uun qorannoon fayyaa isaanii Qaammeen boodallee itti fufee kennamaaf jedhan.
"Nuti akkaataa galmeetiin akka barbaachisummaa isaatiifi ariifachiisummaa isaatiin ilaallee tajaajilla. Fakkeenyaaf, bara darbe hanga Muddeetti deemneerra [Namoota Qaammee keessa galmaa'an tajaajiluun jechuudha].
''Qaammee keessa yaa galmaa'aniyyu malee, hojiin isaa Qaammee 5 dhaabbata jechuu miti. Warra Finfinneen ala dhufaniif dursa kennuudhaan qorannoo ariitiin ykn balaawwan mudataniin booda barbaachisaniif dursa kennuun hojjenna," jechuun ibsan.
Wiirtuun kun kan hojii jalqabe maashina Siitii Iskaanii tokko qofaan akka ta'e kan yaadatan abbaan qabeenyaa kun, yeroo sanarraa jalqabee namoota dandeetii hin qabneefi qorannoon fayyaa ammoo isaan barbaachisuuf tajaajila kennaa turuu himan.
Wuddaasee Siitii Iskaan, MRI, Altiraasaawond, Raajiifi tajaajilawwan biroo dameewwan Finfinnee keessa jiran ja'an keessatti kennaa akka jiru kan himu Daawwit, dameewwan hunda keessatti tajaajila qorannoo fayyaa hunda namoota dandeettii hin qabneef bilisaan akka dhiyeessu dubbatan.
Qorannoowwan fayyaa kunneen 'gatiin isaanii qaala'oo' akka ta'e kan ibsan Obbo Daawwit, "Nama dandeettii hin qabne yaa turuu namni hojjetaan mootummaa wayyaa qaba jedhamuyyuu itti ulfaata. Tokko tokko balaa tasaan kan qaqqabefi tasa kan kaffalamuu qabu ta'uu danda'a.
''Kanaaf, qaammee keessa tarii waggaa guutuu yeroo nuti tajaajila bilisaa kenninutti dhufuu warra hin dandeenye, wanta kana barbaadanii ammoo mana isaanii kan jiran kan itti waamnu ykn tajaajila kana argachuudhaaf jedhanii gara hospitaalota mootummaa gara garaa deemuun namoota dabaree eeggachaa jiran yaamuun yeroo isaaniif itti hojjennudha," jedhan.
"Dhaabbanni dirqama hawaasummaa isaa bahatee kasaare hin jiru"
Wiirtuun kun 'Fulbaanaa hanga Fulbaanaatti' tajaajila bilisaa ni kenna kan jedhu Daawwit, "Qaammee Fayyaatiif" yaada jedhuun tajaajila bilisaa kennu waliin walumaagalatti namoota kuma 46 ol ta'aniif tajaajila bilisaa akka kennu dubbatu.
Kana keessaa ammoo namoonni kuma 16 ol ta'an ji'oota Qaammee 11 darban keessatti kan tajaajilamanidha.
Akka daarektarri Wiirtuu kanaa kun jedhanitti kaayyoon tajaajila bilisaa akkasii kana kennuu 'qajeelummaa dadabarsuuf," yaaduun jedhan.
"Namoonni wanta nuti hojjennu ilaalanii anis maal gochuun danda'a jechuun akka yaadaniif qajeelummaan dabarsaa jirra. Wanta qajeelummaatiin goonudha.
''Qajeelummaan ni daddarba. Kaayyoon hawaasa tajaajiluudha; kaayyoon keenya tajaajilli fayyaa akka babal'atu taasisuus yoo ta'u, bu'aan garuu tajaajila sana waliin ni dhufa jennee amanna.
''Kana gochuu keenyaanis hin kasaarre. Dhaabbanni dirqama hawaasummaa isaa bahatee kasaare ammoo hin jiru - hanga sirnaan bahatametti."
Ka'umsa kanaan Wiirtuun kun hojii tola-ooltummaa irratti hirmaatu babal'isuurra akka jiru eeree jira.
Wiirtuun kun amma erga hundeeffamee waggaa 12ffaa isaa qabachuu isaa yaadachuun, "guyyoota 12 ramaduun hojiiwwan tola-ooltummaa 12 yaa hojjennu jechuun guyyoota 12 [Hagayya 24 irraa kaasee] hojii tola-ooltummaa hojjechuutti jirra," jechuun himu abbaan qabeenyichaa.
Kunis, manneen namoota dadhaboo ta'an afur haaromsuu, dhiiga arjoomuu, kennaa asbeezaa [qallabaa] fi lammileen daandiirra jiraatan kuma 1 ol ta'an nyaachisuu dabalatee gargaarsawwan biroo kan dabalatu akka ta'e ibsan.
Akka dhaabbataatti itti-gaafatamummaa hawaasaa bahachuun akka dhimma ijoo dhaabaatti kan kaa'ame ta'uu eeru hogganaan kuni.
Tajaajila bilisaa kennamutti dabalatee karaa dameewwan wiirtuu kanaa kutaaleen bulchiinsaa jiraattonni waraqaa eenyummaa isaanii agarsiisuun qofa tajaajila hundarraa harka dhibba keessaa 20ni akka hir'ifamuuf dubbachuun kun ammoo "Naannawaa kabajuudha" jechun ibsan.
"Miyaa tola-ooltummaa waan dhamdhamneef, yoom nuuf dhufa jechuun dharraatiin eeganna. Caalaa hojjechuuf itti kan deemnudha," jechuun himu Obbo Daawwit.
Maal buufatan?
Gama biraatiin, "Itti-gaafatamummaa hawaasummaa bahachuun dhaabbataa dirqama fedhiin bahatamuu qabu," jechuun kan ibsan abbaan qabeenyaa kun kana gochuun ammoo bu'aawwan argachuu isaanii himu.
"Nuti bu'aawwan akka dhaabaatti arganne hojjetoonni keenya kaka'umsa ol-aanaa akka qabaatan taasiseera. Maqaan gaarii, gurra ergachuuf ta'a. Maqaan gariin kun ammoo gara maallaqaatti kan jijjiiramuuf bu'aa mataa isaa danda'edha.
''Kanaaf, tola-ooltummaan anaaf buufachuudha; tola-ooltummaan argachuudha; kennuun kasaaruu miti. Guddina ol-aanaa waggaa waggaan argamsiisaa jirruuf gahee gudaa kan taphate yaada kennuu keenyadha," jechuun bu'aa gaarummaa ibsu.
Wiirtuun kun gamoo tajaajila addaa kennuu isa dandeessisu ijaaraa jira. Kun ammoo tajaajila Wiirtichaa baayyee kan jijjiiruufi imala qorannoo fayyaatiif gara biyya alaatti taasifamu hir'isuuf akka gargaaru himan.
Kanaaf, wiirtuun kun sadarkaa kanaa yeroo guddatu hojiin tola-ooltummaa kun kana waliin akka guddatu eeraniiru.
"Sadarkaa kanatti yaa turuutii Siitii Iskaanii tokko qofaa qabaannee osoo baasii maashinaa kaffallee osoo hin xumuriiniyyu osoo liqaan hedduu nurra jiruuyyu hojjenneerra.
''Amma ammoo humna jabinaan ni taasifna," kan jedhan Daarektarri kun, "qajeelummaan umurii hin gaafatu, qajeelummaan ammoo maallaqa kennuu qofaa miti, namni yeroo qabu yeroo isaa, namni beekumsa qabu ammoo beekumsa isaa kan itti kennudha.
''Biyyi keenya haala amma keessa jirtuun nama hojii qajeelummaa hojjetan hedduu yeroo itti barbaaddurra jirra," jedhan.