Hanqina dhiyeessii xaafii furuuf hojjecha jira jedhe Bul. Magaalaa Finfinnee

Tibbana magaalaa Finfinnee keessatti xaafiin akka malee qaala'uu jiraattotni magaalichaa dubbataa turan.

Miidiyaa hawwaasaa irrattis dhimma ijoo tahuun xaafiin kuntaalli tokko hanga qarshii 10,000 gahuu odeeffamaa ture.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adde Adaanech Abeebee ji'oota lamaan darbaniif xaafii fi midhaan kaan man kuusaa keessaa qabnu kuntaala kuma 79 tahu uummataaf rabsaa turre jedhan.

''Amma ammoo hanqina dhiyeessii nam-tolchee mudate ka'umsa godhachuun yuuniyeenii qonnaan bulaa naannoo Finfinnee jiran waliin tahuun midhaan baay'inaan magaalatti galchaa jirra.''

Midhaan gara magaalichaa akka hin galle gochuun hanqinni nam-tolchee akka mudatu godhameera jedhan Aadde Adaanech.

Keesumaa hojjettoota mootummaa irratti dhiibbaa uumuun, kanarraa bu'aa siyaasaa argachuuf qaamonni socho'an jiru,'' jechuun fuula Feesbuukii isaanii irratti barreessan.

Aadde Adaanech qaama bu'aa siyaasaaf jecha midhaan akka gara magaalittii hin galle jedhan kam akka tahe hin eerre.

Garuu tibbana dubbii 'godaansa gara magaalaa Finfinneetti godhamu' jechuun dubbataniin miidiyaalee hawwaasaa irratti ajandaa tahaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Kibxataa gabaasa raawwii hojii bulchiinsa isaanii miseensota mana maree magaalattiif dhiheessan irratti, magaalaa aangoo qabachuuf imalli gara Finfinnee taasifamu jira jechuun himan.

Itoophiyaan gar tokkoon balaa hongee mudateen rakkoo keessa kan jirtu yoo tahu, gama biraan ammoo qamadii jallisii fi rooba gannaan oomishan biyyoota alaatti erguu jalqabuus himameera.

Itoophiyaa keessatti qaala'insi jireenyaa wagga waggaan dabalaa kan dhufe yoo tahu, mootummaan oomisha biyya keessaan fedhii uummataa guutuuf akka hojjetu hima.

Ogeessonni kana dura BBC'n dubbise akka himanitti rakkoon nageenyaa kutaalee biyyattii adda addaa keessa jiraachuun oomishni akka xiqqatu fedhiin uummataa ammoo akka dabalu taasiseera.

Kutaalee Oromiyaa gara Lixaatti sababa rakkoo nageenyaan uummanni akka durii oomishuuf rakkachuu himamaa ture.

Gara Kibba Oromiyaa, naannoo Somaalee fi naannoo Kibbaa iddoo tokko tokkottis sababa hongee mudateen oomishni akka durii hin turre.

Hanqinni sharafa alaa biyyattii mudate sababa qaala'insa jireenyaa keessaa tokko akka tahe hayyoonni dinagdee waliigalu.

Dabalataan dhiyeenya rakkoo tahaa kan jiru nahqina maallaqa callaa baankota mudataa jirudha.

Kun naannoo Tigiraayii fi naannoo Oromiyaa keessatti akka hammaatu namootni BBC'n dubbise himaniiru.