Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa Baatuu: Haleellaa haaloo ba'umsaa guyyaa ayyaanaa gaddatti jijjiire
Haleellaa haaloo ba'umsa magaalaa giddugala Itoophiyaatti argamtutti raawwateen daa'imman irratti miidhaan gahuu poolisiin BBC'tti hime.
Akka poolisiin himetti haleellaan kuni waldhabdee hiriyyoota lamaan gidduu eegaleen jalqabe. Yeroo ammaas qorannoon itti fufuu ibsameera.
Waldhabdee ALI Fulbaana 1, 2015 magaalaa Baatuutti uumameen daa’imni ganna 3 yoo ajjeefamtu, hangafa isheerra ammoo miidhaan cimaan qaqqabuu, qondaalli poolisii BBC'tti himaniiru.
Yakki ajjeechaa suukaneessaa daa’imman tapha ayyaanaa taphataa turan irratti guyyaa Bara Haaraa Itoophiyaatti dhaqqabe magaalaa Baatuu, ganda Battallee jedhamuttidha.
Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Baatuutti Daayireektara I/Aanaa Qorannoo Yakkaa kan ta'an Inspeektar Shallamaa Misgaanaa jedhanitti, yakki ganama sa'aatii 4’tti dhaqqabe.
Gochaan ajjeechaa kun kan raawwate shakkamaa dhuunfaa hirriyaa abbaa ijoollee miidhaan irra gahee kan tahan Obbo Mohaammad Abduramaan ta'u poolisiin ibseera.
“Magaalaa keenya keessatti gadda guddaa uume. Yeroonsaa guyyaa ayyaanaa ganama reefu namni baga geessan waliin jedhu ture. Garuu hawaasni magaalattii gammachuun osoo hin taane, gaaddaan oole guyyicha.
‘‘Siriiyyuu jiraattonni miira keessa galuun buqqa’ee gara qajeelcha poolisii dhufuun shakkamaa baasnee tarkaanfiirratti fudhanna jechaa turan.
''Haaloo seeratu baasa jenneetuma namoota tasgabbeessinee gara deebisne,” jechuun haala ture ibsan Ittaanaan Inspeektaraa Shallamaa.
Dhimma kana irratti BBC’n abbaa daa’immanii, qorataa yakkaa fi ogeessa seeraa waliin turtii taasiseera.
Yakki suukaneessaan kun akkamiin raawwate?
Darajjee Zalaalam abbaa mucaan jalaa ajjeefamteeti. Innis ijoollee sadii kan qabu yoo ta’u, hojii kophee qulqulleessuu hojjataa magaalaa Baatuu keessatti maatiisaa jiraachisa.
Ijoollee sadan keessa tokko jalaa yoo ajjeefamtu, tokko irra ammoo miidhaan qaamaa cimaan gahuufi hospitaalatti yaalamaa jiraachuu gadda cimaan BBC’tti hime.
Obbo Darajjeen: “Sababii ani ‘ani hin beekneen’ hiriyoota lama wal lolaa turan araarsuuf hiriyaa koo biroo waliin gidduu seennee addaan dhoowwine. Fedhiin shakkamaa garuu akkan isarra goree isaaf lolu waan tureef, ‘na gante’ naan jedhee figichaan sokke,’’ jedha.
Isaan booda biyyi nagaadha jedhee gara manasaatti yoo deebii’uu, ijoolleensaa lamaan balbala irraa qaammee (ababaayyehush) jechuun taphachaa akka turan yaadata.
‘‘Isheen hangafti ganna 5 yoo taatu, kan isheetti aantu ammoo ganna sadii. Ani mana seenee uffata jijjiirrachaa osoon jiruu mucaankoo isheen hangafti ‘Abbaabbii, Abbaabbii’ jechaa fiigdee mana seente,’’ jedha.
‘‘Innaan gara balbalaatti gadi bahuuf jedhu namni ani dura nama walloleen addaan dhoowwetu meencaa baatee mucaakoo ari’aa duuba fiiga,’’ jechuun maal akka raawwate hima Obbo Darajjeen.
‘‘Anis naheen balbala manichaa itti cufe. Sana booda meencaadhaan balbalakoo kukkute. Balbalicha banee yoon gadi bahu fiigee baqatee sokke. Mucaan hangafti rukutamuu isheeyyuu hin barren ture yeroo sana.
''Ishee qixusuun ammoo balbaluma duratti kuftee dhiigaa ture. Anis naasuudhaanan iyye. Achumaanan of wallaale.’’
Sana boodas hawaasni magaalichaa daa’imman kaasuun mana yaalaatti geessuufi isheen xinnoon achumatti lubbuun darbu himu.
Mucaan hangaa lubbuun ooltus miidhaa cimaan irra gahuun amma hospitaala Baatuutti yaalamaa jiraachu kan dubbatan Obbo Darajjeen, mootumaan haqa akka kennuuf gaafata.
Hojii kophee qulqulleessuun maatii kan jiraachisu Obbo Darajjeen, mucaasaanii miidhaan irra gahuun yaalamaa jirtu lubbuun oolchuuf ummanni akka tumsa akka taasisaniif gaafateera.
Qorannoon yakkaa maal irratti argama?
Obbo Darajjeen shakkamaa waliin “walbeeka malee hiriyummaa jabaa hin qabu,” haa jedhu malee, Ittaanaan Inspeektaraa Shallamaa Misgaanaa garuu Darajjee fi shakkamaan waliif hirriyaa dhugaa turan jedhu.
Inspeektaraa Shallamaa shakkamaan Obboo Mohaammad Abduramaan gaafa Fulbaana 1, 2015 hiriyaa isaa Darajjee Zalaalam waliin dhugaa akka ture kaasuun, boodarra garuu waldhabuu isaanii dubbatu. Waldhabdeen sunis waan salphaa akka ture kaasu.
“Jalqaba shakkamaan miidhaatu narra gahe jedhee waajjira keenyatti gabaase ture. Miidhaan irra gahellee hangana ulfaataa hinturre. ‘Fuulakoo irra na kabale, na arrabsa’ jedhe. Nutis mana yaalaa deemee akka yaalamuuf waraqaa kennineefi boodarra hordofnee akka seeraan gaafannu itti himne.’’
‘‘Shakkamaan Obbo Mohaammad garuu gara manasaatti deebi’uun meeshaa meencaa jedhamu fudhatee kallattiidhumaan gara mana jireenyaa hiriyaasaa Obbo Darajjee Zalaalam kan magaalicha keessa Ganda Battallee, bakka Awuraa Godaanaa jedhamutti argamu dhaqe. Darajjeenis isa argee naasuudhaan balbala mana isaa cufate,’’ jechuun akkaataa yakkichi itti raawwatme ibsu.
Itti dabaluunis shakkamaan aariidhaan balbala meencaadhaan cicciruufi booda osoo mooraa keessaa bahaa jiruu daa’imman Darajjee hangafaa fi qixisuu argee haleellaa suukanneessaa irratti raawwateen lubbuun daa’ima ganna 3 yoo darbu, kan ganna 5 irraan ammoo miidhaa qaamaa cimaa geessisuu kaasu.
‘‘Daa’ima lubbuun darbites meencaadhaan bakka baay’ee kukkutuun battalumatti yoo ajjeesu, daa’imni lammaffaan ammoo miidhaa cimaa irra gaheen amma hospitaala Baatuutti yaalamaa jirti” jedhan qondaalli poolisii kun.
Shakkamaanis erga yeekkicha raawwateen booda uummata jalaa baqachuun qajeelcha poolisiitti harka kennachuufi, jiraattonni magaalitti aariidhaan buqqaa’uun bahuun tarkaanfii irratti fudhachuuf gara qajeelcha poolisiitti akka turan dubbatan.
“Nutis battaluma sanatti garee hundeessuun gara qorannootti seennee, ragaa namaallee xumurree jirra; ragaan mucaa duutee illee hospitaalli Baatuu nuuf kennee jira.
''Kana daa’imni miidhaa cimaan irra gahe wallaansa yeroo dheeraatu barbaachisa waan ta’eef, dafnee bu’aa mana yaalaa hin arganne” jedhan qondaalli poolisichaa.
Shakkamaanis ammaan tana mana sirreessaa jiruu kaasuun, akkuma ragaa hunda guutattaniin booda himannaa irratti banuuf akka hojjataa jiran himan inspeektarichi.
Gochi suukaneessaafi gaddisiisaan akkasii kanaan dura magaalicha keessatti kan hin baramne ta’uus ni dubbatu qondaalli poolisii kun.
Waldhabdee salphaa obsaan dabarsuun danda’amuu kanarraa ka’uun yakka suukaneessaa daa’imman homaa hin beeknerratti raawwatame kana balaalleffachuun, gochi akkasii lammaffaa akka hin uumamne hawaasni qaama nageenyaa waliin akka tumsan, abbootiin amantaafi abbootiin Gadaas hawaasa akka barsiisaniif dhaamaniiru.
Yakki akkasii kun ija seeraatiin akkamiin ilaalama?
Obbo Marshaa Biyyansaa, Waajjira Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaatti abbaa alangaati.
Yakkoonni gara jabinaan daa’immanrratti raawwataman akka biyyaatti dabalaa jiraachuu kaasuun, gama seeraatiin keessumaa qajeeltoo seeraa yakkamtoota [gocha akkasii] irratti murtee dabarsuuf oolan osoo hin fooyya’iin turuun ulaa uumeera jedhu ogeessi seeraan.
Dhimma ajjeechaa garaa jabinaa dhiheenya magaalaa Finfinneetti daa’immana lamarratti kan Fulbaana 1, 2015 magaalaa Baatuutti raawwate akka fakkeenyaatti kaasuun, “haalli amma qabatamaan mul’atuu, komii hawaasarraa ka’uu fi gabaasa yeroo yeroon dhiyaaturratti hundaa’uun yakki daa’imman irratti raawwatamu dabalaa dhufuun ni hubatama,” jechuun dubbatu.
Akka ogeessi seeraa kunis Seera Yakkaa biyyattii bara 1996 eeruun, yakkoonni ajjeechaa ija seera yakkaa Itoophiyaatiin gosa saditti qoodamu jedhan.
‘‘Isaanis yakka ajjeechaa cimaa keewwata 539 jalatti ilaalamu, yakka ajjeechaa idilee keewwata 541 jalatti ilaalamuufi yakka ajjeechaa daguu kan keewwata 543 jalatti ilaalamudha.
''Isaan kanarra darbee akka arfaffaatti ammoo mirga of irraa ittisuurra darbee ajjeechaan raawatamus keewwata 541 jalatti ilaalama’’ jedhan.
Haaluma kanaanis ajjeechaa fi yaalii ajjeechaa daa’imman obbolaa Magaalaa Baatuutti raawwatame kun yakka ajjeechaa cimaafi yaalii ajjeechaa cimaa jalatti akka ilaalamuu malu himan oggeessii seeraa Marshaan.
Sababiifi meeshaa ajjeechaan kun itti raawwatamee fi eenyummaa miidhamaa madaallii keessa galchuun barbaachisaa ta’uu kan kaasan ogeessi seeraa kun, yakkoonni haaloo bahumsaaf jecha meeshaa qara qabuu daa’imman of irraa ittisuu hin dandeenye irratti raawwatame yakka ajjeechaa cimaa jalatti ilaalama.
Yakkoonni akkasiis bu’uuraan murtoo du’aafi hidhaa umurii guutuu akka adabsiisan dabaluun dubbatu ogeessichi.
Yakkawwan daa’imman irratti raawwataman ittisuuf qaawwi seeraa jiraa?
Kaayyoonni seeraa “adabbii barsiisaa ta’e kennuu yoo ta’u, kunis yakkamaafi hawaasni biroollee yakka akkasii akka hin raawwanne adabbii barsiisuu danda’udha” jedhu oggeessi seeraa Marshaan.
Qajeeltoon raawwii adabbii seeraa bara 2006 bahe qaawwa garaa garaa akka agarsiisaa jiru kan kaasu, ogeessichi “keessuma gulantaan adabbii hir’isuun yakkoota akka kanaatiif kaayyoo barsiisuu jedhu humna dhoowweera” jechuun himu.
Itti dabaluudhaan “qajeeltoon raawwii adabbii seeraa bara 2006 mirga miidhamaa caala yakkamaaf kan tumsu fakkaachuu irraan kan ka’e, namoonni yakka cimaa raawwatanii gulantaa adabbii qajeeltoo seera adabbiitiin kaa’ameen adabbi gadaanaafi barsiisaa hin taane kennamuu isaa irraa kan ka’een irradeebiin yakka gara jabinaa akkasii raawwachuun yeroo lammataaf murtoon seeraarratti darban jiru,” jedhu.
Kun ammoo adabbiin sun barsiisaa ta’uu dhabuu akka mul’isu kan kaasan ogeessi seeraa kun, qaawwi seeraa gama kanaan mul’atu haala qabatamaa jiru ilaalcha keessa galchuun akka fooyya’uu qabu dubbatu.
Sirni kenniinsa adabbii kan yeroo waliin deemu akka ta’uuf irra deebi’amee ilaalamuu akka qabuufi fooyya’uu akka qabu ibsaniiru.
Manneen murtiillee dhaddacha dhimmoonni akkasiirratti dhiyaatan yakkoota idileerraa addatti xiyyeeffannoon ilaaluu akka feesisuu fi hawaasnillee yakkoota akkasii akka saaxilamaniif hirmaannaafi tumsa cimaa qaamota seeraaf kennuu akka qabu gorsu ogeessi seeraa kun.