Putiin loltoota dabalataa 300,000 Yukireenitti bobbaasuuf waamicha dhiheessan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin loltoota isaanii kumaatamaan lakkaa'aman waraana Yukireen irratti bobbaasan. Kun kan ta'e erga warri Yukireen waraanaan injifatanii lafa hedduu qabachuu ibsuu eegalaniiti.
Pireezidantiin Yukireen waamichi Putiin kun karoora inni Yukireen dhiiga dhangalaasuuf qabu kan mul'iseedha jedhan.
Waamichi loltoota dabalataa Putiin dhiheessan, loltoota eeggattummaan jiran 300,000 kan dabalatuudha.
Eeggattoonni kunneen kan Raashiyaan qopheeffattee qabdu keessaa akkaan muraasa.
Raashiyaan namoota yeroo rakkoof leenjifte miiliyoona 25 qabdi. Biyyattii keessatti lammiin hunduu tajaajila loltummaa kennuuf dirqama waan qabuuf leenji'ee taa'a.
Kanneen waamichi dhihaateef kunneen muuxannoo loltummaa hagam akka qaban ifa miti.
Aab Putiin ibsa karaa TV biyyattii dabarsaniin, ''warri lixaa maqaa meeshaa waraanaa nukilaraa jedhuun Raashiyaa maqaa baasaa jiru,'' jedhan.
Biyyi isaanii meeshaa ittiin diina ofirraa qolattuu fi daangaashee eeggattu ga'aa qabaachuus himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhiheenya kana humnoonni Yukireen waraanaan irra aanuun lafa jalaa qabame heddu Raashiyaa harkaa baafachuu himataa jiru.
Raashiyaanis duubatti deebi'uu hin haalle, garuu itti deebitee haleeluun waan hin oolle ta'uu himteetti.
Raashiyaan meeshaalee waraanaa nukilaraa dhukaasuuf qopheessite kuma ja'atti siqu akka qabduu fi kanneen keessaa ammoo 1,500 kan ta'an hojiin ala ta'uu jaarmiyaan Ameerikaa tokko ibse.
Kanneen hafan garuu fageenya dheeraa fi gabaabaa irratti dhukaafamuuf kan qophaa'anii jiraniidha jedha dhaabbati Ameerikaa kun.
Biyyoonni addunyaa- keessattuu warri lixaa sosochiin waraanaa fi waamichi Putiin dhiyeessan kun Raashiyaan sodaa keessa galuu ibsa jedhaa jiru.
Pireezidantiin US Joo Baayidan waraanni nukilaraa hin mo'amu, hin xumuramu waan ta'eef eegalamuu hin abu jechuun akeekkachiisan.
Biyyoonni addunyaa hundinuu meeshaalee nukilaraa hidhachuurraa walaba ta'uu akka deeggaran, kanas karaa dippiloomaasii akka dhiibbaa uuman Baayidan gaafataniiru.
Haalli amma jiru akkaan nama jeeqan kan jedhan Baayidan, kunis Raashiyaan yaada meeshaalee waraanaa nukilaraa irraa walaba ta'uu jedhutti bishaan naquurraa ta'uu dubbatan.
Raashiyaan haala miira itti gaafatamummaa hin qabneen sodaachisa meeshaa waraanaa nukilaraa eegalteetti jedhan.
Ministirri Muummee Daach Mark Rutte, waamichaa fi filannoo rifarandamii Putiin qabatanii as ba'aniin qoosan.
''Namichi sodaachuu agarsiisa,'' jedhan.
Chaansilarri Jarman Olaf Scholz gamasaaniin murteen Putiin kun mallattoo abdii kutannaati jedhan.












