Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walta’iinsi yaa’a laga Abbayaa hojii eegale Itoophiyaaf maal buusa?
Biyyoonni yaa’a Abaayaa waliigaltee walta’iinsaa fi itti fayyadamaa qopheessuu kan eegalan waggoota 27 dura ture. Adeemsi waliigaltee wixineessuu, mariifi mirkaneessuu waggoota heddu lakkoofsise kun torbee darbe gaafa Dilbataa, ALItti Onkoloolessa 3, 2017 hojii eegalee jira.
Waliigalteen walta’iinsa yaa’a laga Abbayaa hojiitti seenuu fuula X isaanii irratti kan barreessan MM Itoophiyaa Abiy Ahimad, guyyaa itti waliigaltichi hojii eegale biyyoota yaa’a laga Abbayaa biratti akka “guyyaa seena qabeessatti” yaadatama jedhanii ture.
Marii waggootaaf gaggeeffameen booda ALItti Caamsaa 2002 waliigaltee Yugaandaa, Inteebetti walii mallatteessuuf dhiyaate, hanga Guraandhala 2003tti Itoophiyaa dabalatee biyyoonni jaha mallatteessanii ture. Biyyoonni kun: DR Koongoofi waliigalticharratti taajjabduu taatee kan dhiyaatte Ertiraan hin mallatteessine turan.
Masriifi Sudaan ammoo marichumarrattuu hin argamne.
Biyyoonni waliigalticha fudhatanis, mana maree biyyasaaniitin mirkaneessanii seera godhanii tumuuf waggoota isaanitti fudhateera.
Waliigalteen kun hojiitti akka hiikamuuf Itoophiyaan tattaaffii dippilomaasii guddaa gochaa turuu BBC'tti himan Ministiira Bishaaniifi Anniisaa Itoophiyaa kan ta’an Dr. Habtaamuu Ittafaa.
Keessumaa biyyoonni lama waggaa tokko keessatti waliigalticha akka mirkaneessan gochuun “sirriitti irratti hojjatamee” ta’uu kan eeran Dr. Habtaamun, imbaasiin Itoophiyaa Juubaa jiru hojii guddaa hojjachuu himu.
Qabiyyeen waliigaltee walta’iinsichaa maalidha?
Waliigalteen walta’iinsaa yaa’a laga Abbayaa, biyyoota yaa’a lagichaa 11 keessaa sanada biyyoonni 9 waggootaf irratti wal-mariyataa turaniidha.
Biyyoota marii gaggeessaa turan keessaa biyyoota yaa’a gadii jedhamuun kan beekaman Masiriifi Sudaan tokkoodha. Itoophiyaa, Keeniyaa, Ruwaandaa, Tanzaaniyaa, DR Koongofi Burundiinis kanneen hirmaataniidha.
Waliigaltee walta’iinsichaa adda dureen kan gaggeessu “Inisheetiivii Yaa’a Naayil” waligaltichi hojiitti hiikamuu ibsa baase keessatti, waliigaltichi biyyoota yaa’a laga Abbayaa gidduutti qajeeltowwan “walta’iinsa, itti fayyadama haqa qabeessafi walkabajuu” kan seera tumu akka ta’e ibse.
Kanaan dura Inisheetiivii Yaa’a Naayil daayirektara ta’uun gaggeessanii kan turan Obbo Faqii Mohaammad yaada kana ni deeggaru.
Yeroo ammaa gorsaa misooma qabeenya bishaanii, laggeen daangaa qaxxaamuranii dippilomaasii bishaanii kan ta’an Obbo Faqiin, “Waliigaltichi biyyoonni yaa’a Abbayaa waabummaanifi tokkummaan daangaa isaanii eegamee, bishaan laga Naayil waliin itti fayyadamuu, eeguu, kunuunsufi isaanirrattis akka hojiirra ooluf waliigaltee fedhii isaanin walii galaniidha” jedhu.
Waliigalteen walta’iinsa yaa’a Abbayaa keeyyata 45 kan qabu yoo ta’u qajeeltowwan ijoo sadi akka qabu kaasu Faqiin. “Itti fayyadama bishaanii haqa qabeessa, fayyadamtoota biroorraa miidhaa geessisuu dhiisuufi tumsa fedhiirratti hundaa’e kanneen jedhan qajeeltowwan sadan waliigaltee kanaati.
Waliigaltichi, biyyoonni yaa’a lafa Abbayaa ta’an bishaan kana dangaa isaanii keessatti bifa haqa qabeessa ta’een itti fayyadamuu akka danda’an kan ibsu yoo ta’u, tokkoon tokkoon biyyoota yaa’a kanaa qabeenya bishanii keessaa “gahee haqa qabeessa ta’e” akka qabaatanis ni ibsa.
Haata’u garuu, biyyoonni kun daangaasaanii keessatti bishaan laga Abbayaa yeroo fayyadaman kaan irratti dhiibbaa guddaa akka hin geessifne gochuu akka qabanis eera waliigalteen kun.
Dirqamni biraa biyyoota kanatti kenname ammoo dhimma qabeenya bishaanifi tarkaanifi fudhatan irratti odeeffannoo waliif qooduu akka qabaniidha.
Biyyoonni qabeenya bishaanicharratti pirojektii hojjachuuf gaafa karorsan biyyoota yaa’a lagichaas hirmaachisuu akka qaban irraa eegama.
Kunis biyyoonni laga Abbayaarratti pirojektii hojjachuuf gaafa karoorsaniifi pirojekticha yeroo hojiirra oolchan, ijaarsa gaggeeffamuun biyyoota dhiibban irra gahu bifa sirrii ta’een hirmaachisuu akka qaban eera.
Biyyoonni bishaan Abbaayaa irratti waan hojjatanis ta’ee qabeenya bishaanichaa ilaalchisee odeeffannoon biyyoota biraa kan qaqqabu karaa qaama waligaltichaan hundeeffamuu, Komishinii Yaa’a Laga Naayiliini.”
Waliigaltichi hojiirra ooluu hordofee komishiniin hundaa’u kun qageeltowwan waliigalticha keessatti ibsaman, mirgaoota, dirqamootafi hojiirra oolmaa kan mijeessudha.
Hojiirra oolmaa waliigaltichaa irratti biyyoota gidduutti waldhabdeen yoo mudate karaadhuma komishinii kanaa furama.
Komishinichi caasaa isaa keessatti konfiransii gaggeessitoota biyyaa, kaawunsii ministeerotaa, koreewwan gorsituu lama kan of keessaa qabu ta’a. Kan gaggeeffamu ammoo barreessaa olaanadhaani. Konfirensiin gaggeessitoota biyyoota yaa’a laga Abbayaa of keessaa qabu ammoo “qaama olaanaa imaammata baasudha”.
Caaseefama komishinichaa keessatti gaheewwan heddu kaawunsilii ministeerotaaf kenname. Akkaataa waliigaltichaatti, murteewwan kaawunsiliin dabarsu biyyoota yaa'a Naayil ta'an irratti kan hojiirra oolan ta'a.
Qajeeltowwan waliigaltichi kaa'eefi Itoophiyaa
Ministiira Bishaanifi Anniisaa kan ta'an Dr. Haptaamuun akka jedhanitti, kaayyon waliigaltichaa itti fayyadama bishaan laga Abbayyaa kanaan dura haqa qabeessa hin turre jijjiirudha.
"Mirga bishaan kara haqa qabeessafi wal-qixa fayyadamuu mirkaneessuu bifa danda'uun seera baasanii itti fufsiisun waan barbaachisuuf kana gochuun danda'eera," jedhan.
Waliigalteen kun itti fayyadama bishaanii kanaan dura Masiriifi Sudaan olaantummaan to'atanii turan kan jijjiire ta'uus kaasu.
Obbo Faqii Mohaammadis yaada wal-fakkaataa qabu. Walii galteen haaran kun walii galtee kanaan dura Masiriifi Sudaan gidduu tureefi biyyoota yaa'a bishaanichaa ta'an irratti dhiibbaa fidu kan haqe akka ta'es kaasu Obbo Faqiin.
Walii galteen laga Naayil irratti Masiriifi Sudaan waliin qaban kan bara gitta bittaafi isa booda tureedha.
Walii galteen jalqabaa bara 1929tti kan gaggeeffame yoo ta'u, Masirii, Sudaanifi isaan lamaan bitaa kan turte Ingiliz gidduutti kan taasifameedha.
Akkaataa waliigaltee sanaatin bishaan laga Naayil keessaa kiyuubik meetirii biliyeena 48 gahee Masirii yoo ta'u, kiyuubik meetirii biliyeena 4 ammoo Sudaanif kenname.
Sudaan gita bittaa jalaa erga baatee booda biyyoonni lamaan bara 1959 marsaa lammataaf kan waliigaltee walii mallatteessan yoo ta'e, akkaataa waliigaltee yeroo sanaan bishaan laga Naayil irraa Masiriin gahee kiyuubik meetirii biliyeena 55.5 yoo fudhattu, Sudaan ammoo gaheeshee kiyuubik meetirii biliyeena 18.5 argatte.
Waliigalteen biyyoonni lamaan si'a lachuu waliif mallatteessanii turan Itoophiyaa dabalatee biyyoota yaa'a lagichaa ta'an harka duwwaa kan hambise ture.
Obbo Faqiin akka jedhanitti, Masiriin kan falmaa jirtu waliigalteen bara 1929 fi 1959 akka kabajamuudha. Itoophiyaan waliigaltee kana kan fudhattu ta'uu baattus, hawaasi idiladdunyaa waliigaltee baroota sanaa qabatee dhiibbaa gochaa akka jirus kaasu.
Itoophiyaan bishaan laga Naayiliif harka 85 osoo gumaachituu waliigalteewwan hin fudhanneen qormaanni guddaan ishee mudataa akka tures dubbatu.
Dr. Haptaamun gamasaanin, "Waliigalteen ammaa kuni biyyoonni irratti waliigallee kan goonedha. Kanaaf kanneen misooma nu waliin hojjatan seera biyyoota lama qofa fayyadu maqaa dhahuurra seera yoo xiqqaate seera mirga biyyoota jahaa kabachiisuu danda'u...ni ilaalu jennee amanna" jedhu.
Itoophiyaan kanaan booda waliigaltee haaraa kanaaf kan bitamtu yoo ta'u, kana sirriitti hubachiisuu dandeenyan dhiibban hawaasa addunyaa irraa dhufus ni hir'ata, deeggarsa liqaas argachuu ni dandeessu jedhu Obbo Faqiin.
Waliigalteen wal-ta'iinsa yaa'a laga Naayil Itoophiyaaf gammachuu yoo ta'u, Masiriifi Sudaan mormaniiru. Waliigaltichi biyya isaanii irratti hojiirra akka hin oolle ibsan.
Ministiironni Masiriifi Sudaan waliin mariyachuun ibsa baasaniin "sanadi wixinee" waliigalteen barbaachisaan osoo hin godhamin qajeelfamaafi adeemsawwan idiladdunyaa osoo hin hordofin taasifame jechuun, komishiniin hundeeffamus fudhatama kan hin qabneefi biyyoota yaa'a Naayil hunda bakka kan buunedhe jechuun iba baasan.
Keewwata Masriifi Sudaan gidduutti wal-dhibdee uume
Waliigalteen wal-ta’insaa yaa’a Naayil Sudaaniifi Masrii dabalatee biyyoota adeemsicharratti hirmaatan sagal gidduu marii adeemsifame sanda qabate akka tahe Inisheetiviin Naayil Beeziin ibsa gaafa Dilbtaa kenneen beeksiseera. Keewwata tokkoo ala hundumarratti waliigalteerra ga’amuu ibsichi eereera.
Keewwatni muraa 14 biyyooti lameen irratti walii hin galle nageenya bishaanii kan ilaalltu dha. Keewwatni muraa jalqabaa keewwata kanaa biyyoti hundi ‘’nageenya bishaanii mirkaneessuufi itti fufsiisuuf, ‘’ waliin akka hojjetan kan ibsu yoo tahu biyyoota hundaan waliigalteerra gahameera.
Keewwatni irratti walii hin galamne ‘’biyyi yaa’a Naayil kamiyyuu nageenya bishaanii irratti dhibbaa olaanaa, ‘’ gochuu akka hin qabne tuma. Masriin keewwatni muraa kuni kan biraan akka bakka buufamuu yaada dhiyeessiteetti.
Yaadni Masriin dhiyeessite, ‘’biyyooti nagneeya bishaanii biyya yaa’a Naayil biraa irratti dhibbaa sirrii hin taane dhaqqabsiisuu hin qaban, akkasumas fayyadama wayitaa fi mirga tuquu hin qabu,’’ kan jedhu dha. Filmaatni yaadaa kuni ‘’dhiibbaa olaanaa’’ isa jedhu ‘’dhiibbaa sirrii hin taane’’ kan jedhuun bakka haa bu’u kan jedhu dha.
Yaadni filmaataa Masrii ‘’nageenya bishaanii’’ qofa osoo hin taane ‘’mirgaafi fayyadamni amma jiru tuqamuu hin qabu,’’ kan jedhu kan akeeke dha.
Obbo Faqqi filmaata Masrii kana, ‘’ hamma bishaanii amma fayyadamaniifi waliigalteen bara 1959 mirga isaaniif kenne akka kabajamu gaafata,’’ jechuun hubachiisu. Biyyooti lameen keewwata kanarratti waliigaluu waan hin dandeenyeef biyyooti kaan marii itti fufuuf waliigalan jedhu Obbo Faqqi
Waliigalteen kuni hojiirra ooluun ji’a ja’a keessatti keewwata wal-dhibdee uume kanarratti mariin taasifamu akka goolabamu sanadicharra taa’eera. Haa tahu malee biyyooti keewwata muraa kana morman Sudaaniifi Masriin yeroo ammaa miseensa koomishinichaa waan hin taaneef yaada jalqabarra dhiyaatee qaamni mormu jiraata jedhamee akka hin eegamne dubbatu Obbo Faqqiin.
''Biyyooti yaa’a olaanuu duraaniyyuu yaadicha fudhataniiru. ‘Biyyi yaa’a Naayil kamiyyuu wabii bishaanii biyya yaa’ichaa biraa kabajuu qaba,’’ kan jedhu waan fudhataniif waan marii’atan homtuu hin jiraatu. Masriifi Sudaan garuu ‘ni marii’anna’ jedhanii yoo dhufan dhimma kanarratti marii’atanii ji’a jaha keessatti goolabu jedhamee eegama,’’ jedhu.
Inisheetiivin Naayi Beeziin ibsa baaseen keewwatni irratti walii hin galamne koomishinchi dhaabbatee ji’a jaha keessatti murtoo akka argatu eereera. Biyyootni waliigaltee kana hin mallatteessine ''yeroo kamittiyyuu akka makaman banaa akka tahes,’’ ibseera.
Biyyooti miseensaa koomishinichaa, ''murtoo gaheefi faayidaa bishaan Naayil irratti qaban irratti kennamuuf dhibbaa akka godhan,’’ akka isaan dandeessisu ibsaniiru.
Ministirri mummee Abiy waliigaltichi hojiirra ooluu ilaalchisee ergaa dabarsaniin biyyooti waliigaltichatti akka makaman gaafataniiru. Masriifi Sudaan waliigaltichatti akka makamaniif, ''Itoophiyaan biyyoota yaa’a olaanuu biroo waliin hojii gara waliigalteetti fiduu,’’ akka hojjettu Ministarri Bishaaniifi Inarjii Dr Habtaamuu BBCtti himaniiru.
Obbo Faqqi gamasaaniin biyyoti lameen waliigaltee kanatti kan makamuu danda’an ''koomishinicha cimaa’’ yeroo tahu dha jechuun falmu.
''Koominichi jabaatee murtoo gurguddaa kan dabarsu yoo taheef biyyooti yaa’a olaanuu koomishinicha maallaqaan deeggaranii, aangoo jabaa kennanii hojii baayyee akka hojjetu akkasumas akka qindeessu godhaniin, Masriifi Sudaan wal-tajjii murtoon Naayil gurguddaa itti kennamurraa hafuufi fagaachuu hin danda’an gatii taheef ni dhufu,’' jechuun ibsu.