Hidhi Haaromsaa madda anniisaa qofa miti, madda muuxannoo fi beekumsaas ta'eera- MM Abiy

Itoophiyaan bara kana marsaa afraffaaf Hidha Haaromsaa Guddicha bishaaniin guutuu ibsiteetti.

Jalqabarraa eegaltee ijaarsa pirojektichaan kan hin gammadne Masiriin tarkaanfii Itoophiyaa kanaan guddoo mufachuu ibsiteetti.

Ebla 2011 erga eegalee pirojektii kana dhiibbaan keessaafi alaa isa mudatu adda citee hin beeku. Dhiibbaa Masiriifi Sudaan irraa dhufu caalaa kan isa miidhe garuu rakkoo hojimaata isaa keessatti isa mudateedha.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad wayita gara aangootti dhufan tarkaanfii ijoon fudhatan keessaa tokko hojii ijaarsa pirojektii kanaa karaa qabsiisuudha.

Ergasii ijaarsi pirojektii kanaa haala akkamii keessa akka jiru gabaasi bal'aan hin baane.

Hidhi haadhoon (main dam) sadarkaa irra ga'e

Hoogganaan pirejektichaa Injinar Kiflee Horroo, Ministira Muummee Abiyii fi bulchitoota naannolee biyyattii dabalatee qondaltota mootummaa ayyaana bara haaraa Itoophiyaa iddoo pirojektichaatti kabajaniif haala pirojektii kun irra jiru ibsaniiru.

Ijaarsi pirojektii kanaa elektiroo makaanikaaliifi hojii siivilii jedhamee kan hojjetamuudha. Hojiin siivilii hidha bishaan ittisu ijaaruudhaan walqabata, hojiin elektiroo makaanikaalii ammoo hojii sibiilaafi yuunitiiwwan dhaabuun walqabata.

''Ijaarsi pirojektichaa waliigalatti dhibbeentaa 93 irra ga’eera. Gama hojii siiviliin ammoo dhibbeentaa 98 xumurreerra,'' jedhan Injinar Kifleen.

Ijaarsi hidha guddichaa dhibbeentaan 98 xumurame kutaalee bitaa, mirgaa fi giddugaleessaa qaba.

''Kan bitaa fi mirgaa hojjaa meetira 635 hanga 645 qaba, kana xumuruuf meetira 10 yookiin sagaltu hafa. Kan gidduuf ammoo meetira 20tu nu hafa,'' jedhu Injinar Kiflee Horroo.

''Kanas waggaa tokko keessatti ni xumurra, kan nu hafu riqicha kutaa bitaafi mirgaa walquunnamsiisu ijaaruu qofa.''

Utubaa hidha haaromsaa-Hidha kooraa (saddle dam)

Hojii ijaarsa hidha haaromsaa keessatti hidha qixxee laga Abbaayyaatti ijaaramaa jiruun cinaatti hidhi guddaan ijaaramaa jiru- Hidha kooraa (Saddle Dam) kan jedhamuudha.

Hidhi kun meeshaa farda irra taa'uuf gargaaru- kooraa fakkeeffamee waan hojjetameef Hidha Kooraa jedhame.

Hidhi haaromsaa bishaan akka qabatuuf hidhi kooraa kun murteessaadha.

Hidhi kooraa kun yeroo ammaa guutummatti xumuramee bishaan qabateera.

Hidhi kun qixa galaanaan yoo ilaalamu meetira 600, lafarraa ka’ee ammoo hojjaa meetira 50 qaba. Dheerinni isaa ammo kiilomeetira shanii fi meetira 200.

''Bara darbe qixa galaanaarraa hanga meetira 600tu guutame, barana meetira 50 ol ijaaramee xumurameera,'' jedhan Injinar Kifleen.

Hidhi kooraa kun dhagaadhaan guutame, gaarri naannoo sana jiru diigamee dhagaa jabaa keessaa baasuun ittiin ijaarame.

Dhagaa meetir kiyuubii miiliyoona 15.3 fi bishaan akka keessa hin seenneef ammoo dirra fuulduraa irra konkiriitiidhaan kan maragameedha.

''Pirojektii humna ibsaa Gibee sadaffaa sabalatee pirojektoota humna ibsaa biyya keenyaa irratti bishaan akka cabsee gara alaa hin baaneef asfaaltiidhaan maragna.

Sababni isaa alfaaltiin carraan inni aduudhaan miidhamuuf qabu olaanaa waan ta’eef, rakkoo kana hambisuuf kan asfaaltii ture gara konkiriitii jijjiirre.

Konkiriitii meetir kiyuubii kuma 200 ta’uun dirrasaa maragne,'' jedhan hoogganaan kun.

''Kan hidha haaromsaa kunis jalqaba wayita dizaayiniinsaa ba’u asfaaltiidhaan ture, garuu ciminasaa mirkaneessuuf amma konkiriitiidhaan maragneerra.''

Hidha kooraa kana daandii guddaa kiilomeetira shan dheeratuu fi daandiiwwan keessoo hidha kanaa sakatta’uuf gargaaran hedduutu jiru.

Haala Kanaan holqa nam-tolcheetu uumame jechuu dandeenya kan jedhan Injinar Kifleen '' Holqa jiran kunneen keessa deemuun yoo rakkoon mudate adda baasuun danda’ama,'' jedhan.

Meeshaaleen ittiin to’annu 1,300 ta’an keessoo hidha kanaa dhaabamaniiru.

Akka Injinar Kifleen jedhanitti meeshaaleen kunneen dhimmisuu bishaanii, haala biyyeen irra jiru, sochii ykn kirkira lafaa fi dhaabbii hidhichaa kan to’ataniidha.

''Deeggarsa meeshaalee teeknooloojii kunneeniin nutimmoo tarkaanfii fudhanna.''

Dhimma ijaarsa pirojektii kanaarratti mariin wayita turetti hojii keenyarratti dhiibbaa guddaatu ture jedhan. Iddoon hidhi kooraa irratti ijaarame kun bishaan guutame gara alaatti akka dhangala'uuf ulaa ta'a jechuun akka hanqinaatti dhiyaachuuf akka tures himan.

''Pirojektiin kun miidhaa akka qaqqabsiisu mirkaneessuuf yaadoti hedduun dhiyaachaa turan. Garuu ogeeyyiin biyyoota sadeenii fi idiladdunyaa irraa ba’an dizaayinii piorjektichaa irra deebiin sakatta’uun ulaagaa idiladdunyaa kan guutee fi mudaa tokkollee akka hin qabne mirkaneessan.''

''Ergasii ijaarsi pirojektichaa gufuu tokko malee itti fufeera, gorsa ogeeyyii kunneen irraa argannes akka galteetti fayyadamuun kunoo har’a sadarkaa kanarra geenyeerra,'' jedhan.

Akka Injinar Kifleen jedhanitti bara darbe bishaan hidha kanaaf guutame gara hidha kooraa kana muraasatu ga’aa ture, barana garuu hidhi kun guutummaatti bishaan ittisee qabeera.

''Walakkaasaa naannoo meetira 20 olii ga’ee jira. Bara dhufu bishaan guutummaatti kan guunnu yoo ta’e meetira 20 dabalataan ga’uu danda’a.''

Hanga ammaa bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 42 ta'uu ittifameera, wayita xumuramu bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 74tu ittifama.

Hidhi kooraa (saddle dam) akkamiin hidha haaromsaa guddise?

Waa’ee hidha kooraa kanaa kanaan dura baayyee hin dubbanne kan jedhan Injinar Kiflee Horroo, ''Garuu hidha kanaaf baayyee murteessaadha. Osoo hidhi kooraa kun hin jiraannee hiree hidha kanaa akka ammaa kana hin ta’u,’’ jedhan.

''Silaa olka’iinsi hidha kanaa meetira 90 qofa ta’a ture. Dandeettiin anniisaa maddisiisuu isaa meegaa waattii 1,400 fi waggaatti ammoo Giigaa Waatii 600 qofa ta’a.''

Bishaan qabachuu danda’us naannoo meetir kiyuubii biiliyoona 11 qofa ta’a ture jedhan.

Hidhi koorichaa kun bakka daangaadha jedhamee adda ba'e irratti ijaarame.

Hidhi koorichaa kun ijaaramuun hidhi haaromsaa kun hojjaa meetira 645 akka qabaatu gargaareera.

''Sababa hidha kooraa kanaan bishaan qabachuu dandeenyu meetir kiyuubii biiliyoona 11 irraa biiliyoona 74 ga’eera,'' jedhan Injinar Kifleen.

Anniisaan maddisiisus meegaa waattii 1,400 irraa 5,150, anniisaan waggaatti maddisiisu ammoo Giigaa Waattii 600 irraa gara kuma 15 fi 760 ga’eera.

Yuunitiiwwan anniisaa (power house)

Kan biraan ammoo tarbaayinoota anniisaa dhaabuudha. Pirojektii kanaan yuunitoota lama irraa anniisaa meegaa waatii 700 maddisiisaa jiru.

''Gama hojii elektiroo makaanikaalaan hanga ammaatti yuunitiiwwan lama irraa elektirikii maddisiisaa jirra,'' jedhan Injinar Kifleen.

Bara 2016 keessaa yuunitiiwwan shan dabalataan maddisiisuu eegalla jedhan.

Gama humna namaan muuxannoo argame

Ministirri Muummee Abiy Ahmad iddoo hidha haaromsaatti argamuun bu'aa kallattii garaagaraan ijaaramuu hidha kanaarraa argamu ibsaniiru.

Keessattuu bu'aan gama muuxannoo hojiin argame hunda caalaa biyyattiif abdii ta'uu ibsan.

Hojjettoota pirojektichaa keessaa dhibbeentaan 99 lammiilee Itoophiyaa ta'uu kan ibsan Ministirri Muummee Abiy, hanga waggaa 13 hojii pirojektii kanaa keessa turuun kanneen muuxannoo horatan jiraachuu eeran.

''Waggaa afur, waggaa saddeet hojii qabatamaa hojjechiisaa yuuniversitiin barsiisu kami? Kanaafuu hunda caalaa hojii qabatamaa hojjechaa irraa barachuun beekumsa guddaadha,'' jedhan.

Kanaafuu hojjettoonni kunneen osoo hin bittinnaa'in, Itoophiyaan jaarmiyaa isaan qindeessu tokko qabaattee humna kana ijaarsa garaagaraaf fayyadamuu gulantaa dandeessurra ishee dhaabeera pirojektiin kun jedhan.

''Humna asitti muuxannoo horate kana osoo hin diigin yoo gurmeessinee irruma caalaa cimsine nuufis pirojektoota humna ibsaa haaraa ijaaruuf, darbees biyyoota Afrikaa kaaniif akka tumsinu humna nuuf ta'eera.''

Pirojektiin kun humna ibsaa qofa osoo hin taane humna beekumsafi muuxannoo qabu akka qabaannus nu gargaareera jedhan.