Itoophiyaan Hidha Abbayyaa bishaan guutuunshee Masrii mufachiise

Itoophiyaan hidha Abbayyaa ijaaraa jirtu bishaan guutuushee erga ibsitee booda Masriin mufii ibsite.

Hidha Abbayyaa marsaa xumuraaf guutamuu Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad guyyaa Dilbataa beeksisani.

Itoophiyaan hidha kana bara 2011 ijaaruu jalqabuun biyyoota yaa’a gadii keessumaa Masriifi Sudaan waliin ishee wal dhabsiiseera.

Masriin bishaan ishee barbaachisuuf hunda jechuuf karaa danda’amuun Abbayyaarraa fayyadamti.

Ministirri Dhimma Alaa Masrii Itoophiyaan fedhii biyyoota yaa’a gadii xiyyeeffannoo hin kennituuf jedhe.

Itoophiyaan garuu hidhi dolaara biiliyoona 4.2 eegalte fedha bishaanii Masrii duraa hin hanqisu jetti.

''Bishaan guutuun marsaa afraffaafi xumuraa haala milkaa’aa ta’een xumuramuu yoon ibsu gammachuu guddaani,’’ jedhan Dilbata ganama toora X kan dura Tiwiitara jedhamuun ergaa dabarsaniin.

Pirojektiin hidha Abbayyaa ‘’keessaafi alaan’’ danqaan isa mudatuu MM Abiy kan ibsan yoo ta’u, ''kana hunda irra-aanne’’ jedhan.

Hidhi Abbayyaa Guraandhala bara 2022 eegalee annisaa elektirikii maddisiisuu eegaleera.

Itoophiyaan hidha Haaromsa Guddichi Itoophiyaa annisaa elektirikii biyyattii dachaan guddisuun misooma giddusuuf akka gumaatu amanti.

Yeroo ammaa ummata biyyattii miiliyoona 127 ta’an keessaa walakkaa ol tajaajila ibsaa hin qaban.

Hidhi annisaa elektirikii 6,000 MW akka maddisiisu eegamu kuni daangaa Sudaanirraa 30km fagaate argama.

Masriifi Sudaan akkaataan hidhi kuni itti hoogganamuurratti qajeelfamni waloo irratti waliigalame bahuu qaba jedhu.

Kunis, annisaa dabalataa kan feetu Itoophiyaan hanqina bishaan qaban nuduraa xiqqeessiti jedhanii yaadda’u.

Mariin hidha Abbayyaa bara 2021 adda citee ture Hagayya keessa deebi’ee eegaleera.

Walitti bu’iinsa keessa kan jirtu Sudaan Ministirri Muummee Abiy Ahimad Itoophiyaan hidha Abbayyaa bishaan guutuu erga ibsan booda waan dubbatte hin qabdu.

Ibsa Fesbuukii gubbaarratti baasen Ministirri Dhimma Alaa Masrii Itoophiyaan ''qofaatti’’ bishaan guutuun qajeelfamoota waliigaltee biyyoonni sadan bara 2015 irratti waliigalan cabsa jedhe.

Murtee Itoophiyaas, ''seeraan ala’’ jechuun ibse.

''Qajeelfamni waliigaltee hidha bishaan guutuu dura akkaataa hidhi guutamuufi hordoffiin taasifamuurratti biyyoonni sadan waliigalteerra gahuu qabu jedha,’’ jedheera ibsichi.

Hidha laga dheeraa addunyaa, Abbayyarratti, Itoophiyaan ijaarte waggoota sadan darban osoo Masriin mormituu guutaa turte.

Waggaa kanammoo marsaa afraffaafi xumuraaf bishaan guutamuu Ministirri Muummee Abiy ibsan.