Itoophiyaa fi Masrii kan walitti diinomse Abbayya, Itoophiyaa hanga Meediteraaniyaanitti maal keessa darba?

Laga Mormor, Bishaan Abbayyaa, Abbaay, Naayil… laga maqaa hedduun waamamu. Gaarreen Itoophiyaa fi Yugaandaarraa ka’uun fageenya kiilomeetira 6,800 ol ta’u imalee galaana Meediteraaniyaanitti kan galu lagi kun, Afrikaa keessatti dheerinaan tokkoffaadha.

Yuuniversitii Finfinneetti barnoota Seeraan digirii sadaffaasaanii hojjetaa kan jiran gargaaraan Pirofeesaraa Jeetuu Iddoosaa dhimma lageen daangaa qaxxaamuranii irratti hojjetu.

''Uummanni Itoophiyaa laga kana maqaa garaagaraan kan waamuuf akka dhalasaatti waan ilaaluuf,'' jedhan.

''Lagni kun laggeen Itoophiyaan qabdu keessaa dheerinaanis qabiyyeedhaanis isa guddaadha, mataadha. Kanaaf abbbaadhas. Kanarraa ka'uun aannoo Amaaraatti Abbaay akka jedhame quban qaba. Naannoo sana barsiisaan ture waan ta'eef namootas gaggaafadheera. Oromoo bira yoo dhufnu ammoo Mormor, Abbayyaa jedhuun.''

Lagi kun irra jireessaan daangaa Oromiyaa fi Amaaraa keessa waan imaluuf kanaaf maqaa gamaa gamanaatiin waamama jedhan.

Lagi kun addunyaarratti laga dheerinaan dorgomaa hin qabne jedhamee beekama ture, garuu qorannoowwan lageen daangaa qaxxaamuran irratti gaggeeffaman babal’achaa wayita dhufan lagi Amazoon caaluu akka hin hafne tilmaamameera.

Saayintistoonni dheerina laga Amazoon irratti walii hin galle. Hanga ammaatti qorannoo jiruun lagi kun kiilomeetira 6,400 dheerata.

Lagni guddaan addunyaa, Naayil, burqaawwan lama gaarreen Itoophiyaa fi Yugaandaa keessatti argaman irraa ka’uun dhangala’ee gabbataa deema.

Kan Itoophiyaarraa keessaa maddu Abbaay (Mormor) yookiin ammoo Blue Nile (Naayil gurraacha) jedhamee beekama, kan Yugaandaa keessaa maddu ammoo White Nile (Naayil Adii) jedhama, lameen Sudaan- kaaba magaalaa Kaartuumitti walga’uun gara Masrii deemu.

Biyyoonni yaa’a laga kanaan hidhata qaban biyyoota madda laga kanaa ta’an Itoophiyaa fi Yugaandaa dabalatee biyyoota 11.

Biyyoonni kaan Burundii, Rippaablika Dimokiraatawaa Koongoo, Masrii, Sudaan, Ertiraa, Keeniyaa, Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa fi Taanzaaniyaadha.

Dhibbeetaa 85 Itoophiyaarraa

Lageen White Nile (Naayil Adii) fi Blue Nile (Naayil Gurraacha) jedhaman walitti dabalamuun laga Naayil guddicha ta'anis ''garuu dhibbeentaa 85 ol kan ta’e laga Blue Nile jedhamu, laga Abbayyaa Itoophiyaarraa deemuudha,'' jedhan gargaaraan Pirofeesaraa Jeetuu Iddoosaa.

Kaaba Itoophiyaan ammoo daangaa tigraay fi Ertiraa qabatee lagi gara Naayil yaa’u jira. Lagi kun Sudaanitti dhaqee Naayilitti dabalama.

'''Laga Abbayyaa malee lageen akka Takazee, Atbaaraa fi Soobaat jedhaman kaaba Itoophiyaarraan kan Naayilitti dabalamanis jiru,'' jedhan gargaaraan Pirofeesaraa Jeetuu Iddoosaa.

''Kanaaf Itoophiyaan kallattii lamaan laga kanaaf gumaachiti. Inni guddaan garuu isa naannoo Amaaraa keessaa ka’ee Xaanaa qaxxaamuree daangaa Oromiyaa fi Amaaraa gidduu imalee kallattii Beenishaanguliin gara Sudaan imaluudha,'' jedhan.

Lageen kunneen ammoo wayita Sudaanitti Naayilitti dabalaman walitti qabamuun maqaa Atbaaraa jedhamuun beekamu.

Ogeessi kun akka jedhanitti qaama bishaanii (river basin) Itoophiyaan qabdu 12 keessaa dhibbeentaa 44 kan ta’u qaama bishaanii Abbayyaati.

Lageen bishaan kana gabbisan hedduunsaanii Oromiyaarraati kan maddan. Lageen gurguddoon akka Dhidheessaa, Daabbus, Fincaawaa, Mugar, Gudar gara laga kanaatti yaa’u.

''Lagi Abbayyaa naannoo Amaaraa keessaa maddus, lageen naannoo Oromiyaa keessaa itti yaa’an garuu qabiyyeensaanii guddaadha. Dhibbeentaa 60-70 kan ta’u lageen naannoo Oromiyaarraa yaa’antu haguugu. Naannoo Amaaraa irraa lageen akka Magac fi Ribbi jedhamantu Abbaayitti yaa’u. Qabiyyeen lageen sanaa garuu baayyee xiqqoodha,'' jedhan Obbo Jeetuun.

Kan Itoophiyaarraa ka'u maddasaarraa ka'ee haroo guddicha Xaanaa kutee erga keessa darbee booda lageen itti yaa'aniin gabbatee gara Sudaan imala.

Naayil adiin (White Nile) ammoo maddasaarraa erga ka'ee booda haroo Viktooriyaa qaxxamuree darbuun Sudaan Kibbaarraan gara Kaartuum imala.

Bishaan qulqulluun daangaa qaxxaamuree fageenya dheeraa imalu kun haala kanaan walga'uun qabiyyeensaa akka gabbatu waan taasiseef seenaa jiruu fi jireenya biyyoota keessa darbuu keessatti qooda olaanaa qaba.

Garaagarummaa Naayil Adii (White Nile) fi Abbayyaa

Lagni Abbayyaa kan Itoophiyaarraa deemu bishaan bonaa fi ganna yaa’uudha, yaa’asaa keessaa yeroo hundaa bishaan dhabamee hin beeku.

Kan Haroo Viktooriyaa, Yugaandaa ammaa, irraa deemu garuu lolaa rooba gannaan uumamurratti hundaa’a.

Roobi gannaa heddumminaan wayita roobu lolaan sulula keessa guutu yaa’a isaa gara kaabaatti qajeelfachuun gara Sudaan imala.

Kana jechuun lagni kun akka isa Itoophiyaarraa deemuu yeroo hunda yaa’a isaa keessatti bishaan walfakkaataa hin qabatu jechuudha.

Lagni Abbayyaa (Mormor) bishaan qulqulluu dhala namaaf michuu ta’e yoo ta’u, dhugaatiifis ta’e qonnaaf biyyoota keessaa darbuuf utubaadha.

Keessattuu erga Lageen Itoophiyaa fi Yugaandaarraa ka’an Kaaba Kaartuumitti walitti ida’amanii booda faayidaan inni kennu jireenya lammiilee yaa’a kanarra jiraataniif akkaan murteessaadha.

Lagni kun waggaa waggaan yeroo yaa’a (booyii) isaa cabsee bakkee keessaa dhangala’u qaba.

Keessattuu wayita gannaafaa biyyee gabbataa biyyoota yaa’a gadiirraa guuree waan yaa’uuf wayita guutee dhangala’u biyyee qonnaaf barbaachisu kana dacheerra uwwisa.

Haala kanaan bishaan kun bakkee keessa dhangala’aa kan ture Kibba Masrii iddoo amma Aswaan jedhamuun beekamutti ture. Yeroo ammaa fulaa kana hidha guddaatu jira.

Bishaan kibbaa gara kaabaatti yaa'u- Naayil

Lagi kun gara kaabaatti yaa’uun addunyaa ajaayibsiiseera. Inumaa lafa gammoojjii ho’aa, Gammoojjii Sahaaraatti imala. Sudaan irraa eegalee hanga Masrii ga'utti gammoojjii keessa yaa'us gogee hin beeku.

''Lageen sadeen- Abbayyaa, Naayil adii fi Atbaaraan walitti dabalamuu dura biyyoota 11tu laga kana qooddatu. Sudaan booda garuu Masriin alatti biyyi laga kana fayyadamu hin jiru. Kallattiimaan gara Masrii deema. Masirii keessa erga darbee ammoo gara Galaana Meediteraaniyaaniitti dhangala’a,'' jedhan gargaaraan Pirofeesaraa Jeetuu Iddoosaa.

Lammiileen Masrii naannawa lagni kun guutee bakkee keessa dambali’u jiraachaa turan bishaan kana to’atanii itti fayyadamaa turan. Qaroomni Masriis kanarraa eegale.

Lammiileen Masrii warri durii bishaan kana qabanii to’achuun itti fayyadamuuf maloota hedduutti dhimma ba’aa turan.

Laga akka fedhetti humnasaa abdatee bakkee keessa dambal’u kanatti ujummoo gochuun jallisaa, eela qopheessuun kuusaa, yeroo garii ammoo hidhaa fi ittisaa faayidaa jallisii fi misooma kaaniif oolchaa turan.

Tooftaa fi tarsimoon uummanni Masrii ittiin laga guddaa kana to’achuun jallisiif itti fayyadamaa turan jireenya dhala namaaf haala mijataa uume, qaroomina addunyaafis bu’uura kaa’e.

Nuubiyaa fi Naayil

Waa’een qarooma namoota jireenyisaanii yaa’a laga kanaarratti hundaa’ee wayita dubbatamu maqaa Masriitu irra-jireessaan eerama.

Garuu uummanni quubsumni isaa kibba Masrii ta’ee fi warri Masrii uummata 'Kuush' jedhaniin ga’ee guddaa ba’ateera.

Ummanni Nuubiyaa jedhamu kun lafa bal’aa kibba Masrii fi Kaaba Sudaan qooddaturra waggoota hedduuf jiraataniiru.

Hariiroon uummata Kuush fi Masrii gidduu ture akkaan walxaxaadha, hariiroon isaanii guddina siyaasaa fi diinagdee waliin jijjiiramaa deeme.

Godambaa uummata Nuubiyaa Masrii, Aswaanitti argamutti daarektara kan ta’an Osaamaa Abdel Meguwiid waa’ee uummata Nuubiyaa fi qaroomina yaa’a laga Naayil akkanaan ibsan.

''Nuubiyaan iddoo qaroominni Afrikaa fi Meediteraaniyaanii itti wal-quunnamu ture. Hariiroon Masrii fi Nuubiyaa gara kaabaa gidduu yeroo gara yerootti garaagara ture. Yoo mootummaan Masrii cimee waan naannawa sana jiru hunda to’achuu danda’e Nuubiyaanis aangoo Masrii jala galuusaati. Yoo mootummaan Masrii dadhabe garuu Kaabi Nuubiyaa ofiin of bulcha.''

''Bishaan kun dur akka rakkootti ilaalamaa ture''

Bara duriirraa eegalee waa’een laga Naayil seenaa Masirii waliin ka’a. Lagi kun madda qaroomina Masriiti jedhama.

Qabiyyeen bishaan kanaa garri caalu Itoophiyaarraa kan deemu erga ta’ee haga seenaa Masrii waliin ka’u seenaa Itoophiyaa waliinis maaliif hin kaane?

Gargaaraan Pirofeesaraa Jeetuu Iddoosaa akkas jedhu: ''Seenaa dur duriirraa kaanee wayita ilaallu jireenyi dhala namaa lageen waliin kan walitti hidhatuudha. Ammoo dur bishaan ofumasaa rakkoodha. Lolaa uumee rakkoo ta’a malee akka yeroo ammaa hidhanii anniisaa maddisiisuun hin turre. Rakkoon jijjiirama qilleensaa osoo hin uumamin dura namni bishaanirratti xiyyeeffatu hagas mara hin turre.''

Amma garuu baayyinni uummataa, rakkoon jijjiirama qilleensaa, babal’inni warshaalee, guddinni teeknooloojii fedhiin bishaanii dhala namaa akka dabalu godheera.

''Duraan biyyoonni lagi Naayil keessa darbu qonnisaanii bokkaarratti kan hundaa’e ture. Laga hidhuun ammoo hin turre. Kanaaf bishaan kanaaf xiyyeeffannaa kennaa hin turre. Amma qonnis gara jallisiitti luucca’aa dhufuun, bishaan hidhanii anniisaa maddisiisuun dabalaa dhufuun lagi kun akka xiyyeeffanaa argatu godheera,'' jedhan.

Kanarraa kan ka’e bishaan kanaan dura gammoojjii Sudaan fi Masrii keessa dhangala’ee akka rakkootti ilaalamaa ture amma faayidaaf barbaadameera.

Kan duraan balaa lolaa uumee sodaatamaa ture har’a teeknooloojiin babal’atee bishaan hidhanii to’achuun dhufeera.

''Qabeenya uumamaa haala dhala namaaf ta’uun mijeessuun dhufeera. Kanaaf bishaan duratti akka sodaatti ilaalamaa ture amma barbaachisummaansaa dabalaa wayita dhufu biyyoonni fedhii agarsiisuu eegalan''.

Kana keessatti Masrii wanti adda godhu teessuma lafasheeti. Bakki isaan jiran gammoojjiidha.

''Bishaan roobaa ga’aa ta’e biyya argachaa turte miti. Naannawa sahaaraa roobni waan hin jirreef. Kanaaf isaan Naayiliin akka kennaa waaqaatti ilaaluunsaanii haala qabatamaa biyyasaaniirraa ka’uudhaani,'' jedhan gargaaraan Pirofeesaraa Jeetuu Iddoosaa.

''Itoophiyaammoo yoo fudhanne rooba uumamaaniyyuu facaasnee waliin hin geenye. Baayyinni uummataas akkas hin turre. Kanaaf dhiibbaan bishaanirra ture salphaadha. Kanaaf itti fayyadamni bishaan dhawaataan dabalaa dhufa. Yeroo kana ammoo warri Masrii Naayil fayyadamuun akka mirgasaanii qofa ta’eetti warra kaan dhorkuu jalqaban.''

Bulchiinsa kolonii fi Naayil

Seenaa laga Naayil keessatti bulchiinsi koloniis ga’ee guddaa qaba. Sudaan fi Masriin kolonii Ingilizii turan. Kanaaf Biriteen dhimma laga kanaarratti dura bu’ummaan falmaa turte jedhan gargaaraan Pirofeesaraa Jeetuu Iddoosaa.

''Fakeenyaaf Naayil Sudaan ce’ee hanga Masrii seenutti gammoojjii gidduu sana jiru irratti bal’inaan jirbii oomishuutu ture. Kanaaf lagi kun utubaadha. Kanaaf Biriteen mirga itti fayyadama bishaanii naannawa kanatti jiru qaaccessaa turte.''

Yeroo bulchiinsi kolonii biyyoonni Afrikaa dandeettii teeknooloojii itti fayyadama bishaanii qabaachuun yaa hafuutii waa’ee biyyasaaniirrattiyyuu murteessuu hin danda’an ture.

''Kanaaf carraa kana fayyadamuun Biriteen biyyoonni koloniishee jala turan (Sudaan fi Masriin) laga kana akka dhuunfatan haala aanjessaa turte. Biyyoonni kaan dandeettiin murteessummaasaanii gadi aanaa ture,'' jedhan.

Masiriinis humna Biriteen kenniteef kana fayyadamuun inumaa osoo biyyoota yaa’a Naayil kaan hin mariisisin dhimmoota garaagaraaf akka feetetti bishaan kana fayyadamaa turte.

''Amma sirni koloniis darbee biyyoonnis mirgasaanii [laga Naayil irratti] gaafachuu jalqabnaan atakaaroon uumame.''

Masiriin yoo feete hidha gurguddaa kanneen akka Aswaan, yoo barbaadde jallisii fi misoomawwan kaan laga kanarratti hojjetti.

Hamma barbaachisuu ol fayyadamti. Kaan ammoo qooddatanii akka fayyadaman hin feetu jedhan ogeessi seeraa dhimma bishaanii kun.

Waraana bishaanii

Laga Naayiliin walqabatee dhimmi ijoon ka’u waa’ee biyyoo gabbataa lagi kun baatee deemuuti.

Keessattuu warri Masirii eenyullee laga kanatti bu’ee biyyee gabbataa kana akka jalaa hir’isu akka hin feene dhaadatu.

''Lagi Naayil biyyoo haree Sudaan fi Masriitti geessa kan jedhu gama Itoophiyaatii ni dhagahama. Bishaan yeroo yaa’u biyyoo haree deemuun waan hin oolle. Kun garuu Masriif faayidaas miidhaas qaba. Oomisha qonnaaf isaan fayyaduu danda’a. Garuu isaan hidha bishaanii gurguddaas laga kanarratti hojjetu. Biyyeen ammoo hidha yoo guutu rakkoo uuma,'' jedhan gargaaraan Pirofeesaraa Jeetuu Iddoosaa.

Kanaafidha Itoophiyaan kan isheen bishaan qulqulluu biyyoota yaa’a gadiif erguuf hidhi Abbayyaa murteessaadha kan jettuuf.

''Faayidaa hidha Abbayyaa keessaa tokko bishaan biyyoo haree deemuun akka hidha Masirii fi Sudaan hin guutne gochuudha jetti Itoophiyaan.''

Ammas taanaan Masriin bishaan kun olaantummaasheetiin akka hoogganamu feeti. Akkaataa Masriin dhimma laga Abbayyaa (Naayil) irratti ejjennooshee mul’isaa turtee fi ammas mul’isaa jirtu waraana bishaanirratti ka’uuf waan nama sodaachisuudha.

Gama kaaniin biyyi bu’uurri ishee laga kana ta’e Sudaan ejjennoo madaalawaa qabdi. Laga kanarraa dantaa guddaa qabaattus garuu olaantummaan dursuu hanga irratti nama loluuf qophaa’uutti yaada hin qabdu.

''Masriin kennaa Naayil, Naayilis kennaa Masriiti,'' jedhu warri Fara’oon. Laga Naayil ni waaqeffatu.

Kanaafuu namni biraa dhimma laga kanaa keessa ni gala jedhanii hin yaadan, akka galus hin fedhan.

Keessattuu biyya laga Naayiliif dhibbeentaa 85 gumaachitu Itoophiyaa waliin atakaaroon qaban bu’uurrisaa laga kana.

Masiriin bishaan kun akkasumas lageen isa gabbisan akka tuqaman hin feetu.

Biyyoonni yaa’a laga kanaa ta’an ammoo akkuma fedhiin misoomaa isaanii dabalaa deemuun faayidaa laga kanarraa argachuu qabanis mirkaneeffachuu itti fufan.

Keessattuu yeroo ammaa kan dubbii ta’e hidha guddicha Itoophiyaan laga kanarratti ijaaraa jirtuudha.

Ogeeyyiin wantoota waraana addunyaa kaasisu jedhanii sodaatan keessaa tokko dhimma lageen daangaa qaxxaamuranii ta’uu ibsu.

Gama kanaan fakkeenya kan ta'u atakaaroo Naayil irratti uumamaa jiru.

Dhimmi Naayil yoo waliigalteen xumurame waraanni lagarratti akka hin kaane fakkeenya guddaa ta’a, yoo waliigalteen hin furamin tures waraana lagarraa kaasuun fakkeenya ta’a jechuun yaadasaanii ibsaniiru ogeeyyiin damee kanaa.