Tiraamp suuraa poolisiin mana hidhaatti isa kaaseen $m7.1 sassaabate

Madda suuraa, Reuters
Duulli na filadha Tiraamp suuraa poolisiin mana hidhaatti isa kaaseen $m7.1 sassaabachuu hime.
Kunis mana hidhaa Atilaantaa, Joorjiyaatti suuraa poolisiin Kamisa darbe isa kaase hordofeeti.
Qarshiin baayyeensaa gurgurtaa kubbaayyaa, T-shartii fi meeshaa qabbaneessituu bishaanii suuraa Tiraamp aariin irraa mul’atu qaburraa irraa argame.
Tiraamp bu’aa filannoo bara 2020 geeddaruuf shira xaxaniiru jedhamuun himatamanii mana hidhaa deemuun booda wabiin gadhiifamaniiru.
Yeroo filannoo bara 2024 duula na filadhaa adeemsisaa jiranitti himannaawwan sadii irratti banamaniiru.
Himannaawwan kunneen filannoon waliin dhahameera jechuusaafi haleellaa deeggartoota isaan Waashingitan Kaappitaalitti hokkarri uumamuu waliin wal-qabata.
Tiraamp himannaawwan irratti banaman hundumaa kan haalu yoo tahu,shira siyaasaa dorgommii Rippaabliikaa keessatti dursaa waan jiruufi Joo Baayidaniin morkachuuf waan adeemaa jiruufi jechuun falma.
Xiyyeeffannoo argachuunsaa kuni deeggartootasaa kan kakaase yoo tahu torbee sadii keessatti qofa doolaara miiliyoona 20 tahu walitti qabeera. Kunis himannaa irratti banameen booda kan argame dha.
Jimaata darbe Joorjiyaatti to’atamuun booda doolaara miiliyoona 4.18 walitti qabameera, kunis duula sa’atii 24 keessatti qarshii hamma kanaa walitti qabuun kan jalqabaati.
Kuusaa onlaayinii irraa meeshaalee gurguruufi duula irratti deeggartoota gargaarsa gaafachuu dabalata.
Kamisa darbe Tiraamp ofiisaa miidiyaa hawaasaa X duraan Twitter jedhamuun beekamu irratti bara 2021 booda yeroo jalqabaaf suuraa isaa maxxansuun, ‘’Gidduugaltummaa Filannoo! Tasa harka hin laannu!’’ akkasumas teessoo marsariitii isaa qoodeera.
Tiraamp poolisiif harka kennuun mana hidhaa Fulton County’tti suuraa ka’uun booda doolaara 200,000 kaffaluun wabiin bahanii guyyaatti dhaddachatti dhiyaatan eeggachaa jiru.












