Viizaa 'Kaardii Warqee' Tiraamp: Maaliidha, addunyaarratti attamiin hojjata?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp sagantaa viizaa "Kaardii Warqee" kan doolaara miiliyoona 5 baasu, lammiilee biyya alaa dureeyyii ta'aniif kan hayyama jireenya dhaabbataa fi booda ammoo karaa ittiin lamummaan kennamuuf karoorsuu isaanii beeksisan.
"Sooreyyii fi milkaa'oo ta'uu danda'u, akkasumas maallaqa guddaa baasuu, gibira guddaa kaffalu, namoota hedduudhaafis carraa hojii uumuu danda'au. Garmalee milkaa'ina qaba jennee yaadna," jechuun ture Doonaald Tiraamp Kibxata darbe Waajjira isaaniitti kan dubbatan.
Ministirri Daldalaa Ameerikaa Hawaard Luutnik akka jedhanitti, ''Kaardii Warqee'' yaadame kun sagantaa viizaa invastarootaa EB-5 amma jiru kan invastaroota biyya alaatiif viizaa kennu kan bakka bu'udha.
Karoorri Tiraamp maalidhaa?
Doonaald Tiraamp viizaa haaraa kanaaf ulaagaalee carraa hojii uumuu tokkollee hin kaasne: ''Namoota maallaqa qaban ta'a,'' jedhan malee.
Baayyinni viizaa EB-5n kan murtaa'e yoo ta'u, Tiraamp garuu hanqina qabu hirriisuudhaaf mootummaan federaalaa ''Kaardii Warqee'' miiliyoona 10 gurguruu danda'a jechuun yaada dhiyeessan. "Guddaa ta'uu danda'a, tarii ajaa'iba ta'a" jedhaniiru.
"Namootaaf, keessattuu kanneen qabeenyaa qabaniif ykn namoota dandeettii guddaa qabaniif karaa ittiin lamummaa aragatan, kan ittiin namoonni qabeenya qaban namoota dandeettii qabaniif ittiin kaffalanidha. Dhaabbileen namoota akka biyya keessaa seenaniifi biyyattii keessa yeroo dheeraa akka turaniif kaffaltii ni kaffalu," jedhan.
Lammiileen Raashiyaa dureeyyii ta'an ulaagaa guutuu danda'uu isaanii gaazexeessitoonni wayita gaafatamanittis, Tiraamp akkas jechuun deebisaniiru: "Eeyyee, ta'uu danda'a. Sooreessoonni Raashiyaa muraasa kanneen namoota baay'ee gaarii ta'an nan beeka."
Haata'u malee, Luutnik kanneen viizaa kanaaf iyyatan hundi ''lammiilee addunyaa ajaa'ibaa, kan sadarkaa addunyaatti beekaman'' ta'uusaanii mirkaneessuuf qorannoo gadi fageenya qabu akka godhan ibseera.
Kana malees, namoonni viizaa warqee argatan kunneen lamummaa argachuudhaaf hangamiif turuu akka qaban irratti ifa miti. Kaneen Giriin Kaardii qaban, kanneen fayyadamotoota sagantaa EB-5 ammaa dabalee, osoo lamummaa hin argatiin dura akka jiraataan seera qabeessaatti waggaa shaniif US keessa jiraachuu qabu.
Lammii US ta'udhaaf kongirasiitu mirkanneessaa, haata'u malee Tiraamp ''Kaardii Warqeen'' kongrasiidhaan mirkaneeffamuu hin barbaachisu jedhan.
Karoora haaraa kanarratti gadi fageenyi isaa torban lama keessatti akka ibsanuus dabaluun himan.
Maaliif sagantaa EB-5n bakka buusuun barbaachise?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Aab Luutnick jedhanitti, "sagantaan EB-5... waanuma hin taanedha, fakkeessaa fi han sobaan guutame ture. Iniis karaa ittiin kaardii magariisn gatii xiqqaa kan ittiin argamu ture. Kanaaf pirezidaantichi sagantaa EB-5 akkanaa qoosaa ta'e qabaachuurra sagantaa EB-5 dhaabuudhaaf jirra jedhan".
Kongireessiin Ameerikaa invastimantii biyya alaa hawwachuuf jecha sagantaa EB-5 kana bara 1990tti hundeesse. Namoonni dhuunfaa daldala yoo xiqqaate carraa hojii 10 uumu irratti tilmaamaan doolaara miliyoona tokko invast gochuun ulaagaa guutuu akka danda'an ni taasisa.
Sagantaa kana jalatti invastaroonni invastimantii isaaniif jecha battalumatti kaardii magariisa, kan ittiin gara lamummaa argachu isaan geessuu argatu turan.
Faallaa kanaatiin, iyyattoonni kaardii magariisaa irra caalaansaanii hayyama jiraataa dhaabbataa argachuudhaaf ji'oota hedduu hanga waggoota hedduu ta'u eeggachuun isaan mudata.
Sagantaan EB-5n waggaatti viizaa kuma 10 kan daangeffame yoo ta'u, 3,000 invastaroota naannoo hoji dhabdummaa olaanaa qabaniif kan qabame ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksiseera.
Kaayyoon isaas "invastaroota biyya alaatiin carraa hojii uumuu fi invastimantii kaappitaalaatiin dinagdee Ameerikaa kakaasuuf" akka ta'e Tajaajilli Lamummaa fi Immigireeshinii Ameerikaa kan ibse.
Yeroo ji'oota 12 Fulbaana 30 bara 2022 xumurame keessatti, namoonni gara 8,000 ta'an viizaa invastaraa argachuu isaanii Kitaabni Waggaa Istaatistiksii Immigireeshinii dhiheenya kana Ministeera Nageenya Biyya keessaatiin maxxanfame tokko ni mul'isa.
Kana malees, bara 2021'tti Tajaajilli Qorannoo Kongireesii Ameerikaa viizaan EB-5 viizaa godaantota biroo wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu "balaa sobaa dabalataa akka fidu" adda baaseera.
"Balaawwan akkasii kunneenis maallaqni invastarootaa seeraan argamuu isaa mirkaneessuuf rakkachuu fi viizaan kun bu'aa maallaqaa guddaa argamsiisuu danda'uu wajjin kan walqabatu yoo ta'u, kunis namoonni dhuunfaa invastaroota irraa akka fayyadamanii fi viizaan kun ija gaariidhaan akka ilaalamu kakaasuu danda'a," jedha gabaasni kun.
Biyyoota biroo keessatti sagantaa walfakkaatuu akkamiin hojjata?

Madda suuraa, Getty Images
Sagantaaleen viizaa walfakkaatan addunyaarratti baramaadha.
''Viizaa warqeen'' kan soorreessoonni qabeenyaa saanii invasti gochuudhaan biyya biraa keessa jiraachaa fi hojjachuudhaaf mirga itti argataniidha.
Biyyoonni kaaribiyaan tokko tokkoos sagantaalee ;'paasrootii warqee'' jedhamu qabu. Kanaanis abbootiin qabeenyaa biyya itti iyyataniitti mirgoota filachuu dabalatee, mirgoota lammiileen biyya sanaa argatan hunda argatu.
Dhaabbanni gorsaa UK keessatti argamu Henley & Partners jedhmu tokkoakka gabaasetti, biyyoonni 100 ol ta'an Ameerikaa, Yunaayitid Kingidam, Ispeen, Giriik, Maaltaa, Awustiraaliyaa, Kaanaadaa fi Xaaliyaanii dabalatee, namoota dhuunfaa dureeyyii ta'aniif "viizaa warqee" akka kennan gabaaseera.
Haata'u malee sagantaaleen kunneen qeequumsaa fi qoramaata guddaan mudataa jira.
''Invastimantii biyya alaa kallattii fiduudhaan guddiina diinagdee ni jajjabeessa. Haata'u malee haqa qabeessummaa fiduufi yakkamtoota doolaara biiliyoona karaa seeraan alaatiin argame baqachiisuu barbaadaniifi malaamaltoonni aanga'oota hawwatu'' jechuudhaan ture gabaasni waggaa lamaam dura dhaabbata Walta'iinsa Diinagdee fi Misoomaa baasee kan ibse.
Biyyoota 100 caalan keessatti malaamaltummaa hir'isuudhaan kan hojjatu dhaabbanni addunyaa Tiraanspaaransii Intarnaashinaal jedhamu gamasaatiin, karoorriiwwan viizaa Gamtaa Awurooppaa keessatti hojiirra oolfamaa jiran kunneen kan ''invastimantii dhugaa ykn godaansa irratti xiyyeeffatan osoo hin taane kan malaamaltummaan wal qabataniidha'' jechuun akeekkachiisa.
Qaamooleen Gamtaa Awurooppaa garaa garaas qeequumsa kana yoo kaasan dhagahamu. Waggaa sadiin dura Koreen Dhimmoota Bilisummaan Siiviil, Haqaa fi Biyya keessaa Awurooppaa, paaspoortiin warqeen akka dhorkamuuf sagalee kennee ture.
Yaaddoowwan kanneeniin kan ka'e, UK, Ispeen, Neezarlaand fi Giriikii dabalatee biyyoon Awrooppaa baayyeen baroota dhihoo keessa sagantaalee viizaa warqee isaanii akka haqan taasiseera.
Ispeen viizaan warqee bara 2023tti eegalteefi kan abbootii qabeenyaa doolaara 525,00 baasaniif kennite haqxee jirti.
Ministirri Mummee Ispeen Peedroo Saancheez bara darbe mootummaan isaanii yaadni sagantaa haquuf kun ''manneen jireenyaa mirga ta'uu malee dhimma tilmaama daldalaa qofa akka hin taane mirkaneessuuf'' kan yaadame ta'uu dubbatan.
Qorannoon viizaa warqee Gamtaa Awurooppaa irratti Mana Barumsaa Diinagdee fi Saayinsii Siyaasaa Landan- UK fi Yunivarsiitii Haarvaard UStiin gaggeeffames sababa dinagdee sagantaa kanaa irratti gaaffii kaasuun, invastimantii alaa dhiibbaa dinagdee "tuffatamu" qabu keessaa harka "xiqqaa" qofa bakka bu'uu isaanii xumureera.
Qorannoon Pirojektii Gabaasa Yakkaa fi Malaammaltummaa Qindaa'e, networkii gaazexeessitoota qorannoo addunyaa, gabaasa Onkoloolessa bara 2023 maxxanfame akka agarsiisutti, koloneel Liibiyaa duraanii yakka waraanaatiin himatamee fi daldalaan Tarkiitti murtiin hidhaa itti murtaa'e tokko karaa sagantaa kanaatiin paaspoortii Doominiikaa bitachuu danda'aniiru.












