Iraan shamarree yunivarsiitii keessatti qullaa mul'achuun hidhamte akka gaddhiistu gaafatamte

Madda suuraa, Telegram
Quuqamtoonni mirga namoomaa, Iraan dubartii yunivarsiitii keessatti uffatashee baafachuun erga qullaa dhaabbatteen booda hidhamte akka gadhiistuuf gaafatan.
Dubartiin kun mormii seera hijaaba uffachuu dirqisiisuu mormuun ture kan gocha qullaa mul'achuu kana raawwatte.
Viidiyoon guyyaa Sabmata darbe miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa ture, dubartiin uffata jalaa (qabdu harmaafi paantii qofa) uffattee gulantaa barandaarra teessee, booda ammoo Yunivarsiitii Islaamummaa Azaad Tehraan keessatti damee Saayinsiifi Qorannoo keessa tasgabbiidhaan daandii miilaarra yoo deemtu agarsiisa.
Viidiyoo lammaffaarratti ammoo dubartiin kun uffatashee jalaa (paantiishee) yoo baaftu mul'atti. Yeroo muraasaan booda ammoo namoonni tikaa garuu uffata idilee uffatan humnaan toa'atanii dhiibanii konkolaataa keessa yoo galchan mul'atu.
Yuunivarsiitiin Azaad, dubartiittiin kun ''dhibee sammuutiin'' kan qabamte waan taateef gara ''hospitaala sammuutti'' geeffamuuf jedhe ibse.
Lammiileen Iraan hedduun miidiyaa hawaasaarratti himannaa yunivarsitii kana gaaffii keessa galchuun, gochashee qaama sochii “Dubartii, Jireenya, Bilisummaa” jedhufi qaama kan dubartoonni hedduun seera rifeensasaanii akka haguuggataniifi uffata dheeraafi bal'aa akka uffatan gaafatu mormanii kan agarsiisuudha jedhu.
Mormii guutuu biyyattii waggaa lama dura dubartii Kurd Maahsaa Amiin, hijaaba “sirritti” hin uffanne jedhamuun erga hidhamtee booda to’annaa poolisii jala osoo jirtuu duuteen booda hokkara uumameen namoonni 500 ol ajjeefamuun isaanii gabaafameera.
Chaanaalli Telegiraamii Amirkabir Newsletter, kan akka “miidiyaa sochii barattoota Iraanitti” of ibsuufi taatee kana jalqaba maxxanse, dubartiin kun haguuggii mataa uffachuu dhabuusheetiin ergamtoota nageenyaa waliin wal dhabdee waan turteef, isaan booda uffannaashee guutummaan gara baafachuu dhaqxe jechuun gabaase..
Mataan dubartii kanaatis wayita to'annoo jala oolfamteetti balballi ykn qarqarri karra konkolaataa tikaa kan haguuggii malee rukkutee akka dhiigu taasisuufi bakka adda hin baaneetti akka geeffamte ibseera.

Madda suuraa, Telegram
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni ijaan arge tokko BBC Parshiyaatti akka himetti, dubartiin kun Yunivarsiitii Azaad keessatti daree isaanii seentee barattoota viidiyoo waraabuu eegaltee turte. Barsiisaan gochaashee kana mormiinaan iyyaa baatee deemte jedhan.
Akka namoonni ijaan argan jedhanitti, dubartiin kun barattoota: “Ani isin oolchuufan dhufe” jettee turte.
Gama biraatiin ammoo miidiyaaleen Iraan viidiyoo nama fuullisaa dhokfameefi kan abbaa warraa dubartii kanaa duraanii ta’uusaa himuudhaan viidiyoonshee ijoollee isheetiif jecha akka miidiyaa hawaasaarratti akka hin qoodamne ummata gaafate gadhiisan.
BBC Persian garuu dubbii nama kanaa mirkaneessuu hin dandeenye.
''Hijaaba dirqamaa yeroon mormu, humnoonni nageenyaa erga na qabanii booda, maatiinkoo dhukkuba sammuu akkan qabu na labsuuf dhiibbaan narra ga'e,'' jetti falmtuun mirga dubartootaa Kaanaadaa jiraattu Azaam Jaangraav, kan yeroo mormii 2018tti sababii haguuggii mataashee buufteef hidhaa waggaa sadii itti murtoofnaan Iraanii baqatte.
“Maatiinkoo hin raawwanne, garuu maatiin dhiibbaa jala jiran hedduun namoota jaallatan oolchuuf karaa hundarra gaarii ta’e jedhanii yaadan ni raawwatu. Rippabilikni Islaamaa dubartoota fayyaa sammuusaanii gaaffii keessa galchuun maqaa balleessuuf akkasitti yaaduu,'' jetti.
Amanastii Intarnaashinaal Iraan “barattuu yunivarsiitii dirqamaan hidhamte kun hatattamaafi haal-duree tokko malee gadhiifamu qabdi” jedheera.
''Hanga gadhiifamtutti, aanga'oonni dararaafi haala hamaa biroorraa ishee eeguu qabu.
Akkasumas, maatiifi abukaatoo akka argattu mirkaneessuu qabu. Himannaan yeroo hidhamtu reebichaafi miidhaa saalaa isheerratti raawwatame qorannoo walabaafi loogii malee barbaada. Warri itti gaafatamummaa fudhatan itti gaafatamuu qabu,'' jechuun dabalee ibseera.
Gabaasaan Addaa Iraan irratti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN), Maayii Saatoo, viidiyicha fuula X irratti maxxansuun, “deebii aanga'oota dabalatee taatee kana itti dhiyeenyaan hordofa” jechuun barreessiteetti.
Lammiin Iraaniifi badhaafamtuun Noobeelii Nagaa Iraan keessatti hidhamtee jirtu Naarges Mohaammad dhimmichirratti akka malee yaaddoo qabaachuu ibsa kennite.
''Dubartoonni gatii mormii ni kaffalu, nuti humnaaf hin jilbeenfannu,'' jetteetti.
''Barattuun yunivarsiiticha keessatti mormii dhageessifte kun haa gadhiifamtu. Akka gadhiifamtuufi rakkinni dubartootarra gahu akka dhaabbatuun gaafadha.”












