Biyyoota jajjaboo buufata waraanaa isaanii Gaanfa Afrikaatti hundeeffatan

Buufata humna galaanaa Chaayinaa Jibuutiitti
Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaan maadhee waraanaa Jibutiitti kan hundeessite bara 2017 ture.

Gaanfi Afrikaa Itoophiyaa, Ertiraa, Jibutii, Sudaan, Sudaan Kibbaafi Somaaliyaan kan yeroo tokko tokkoo Keeniyaas hammatu, sarara daldala galaanaarraa guddicha addunyaa kanaa qaba.

Gaanfa Afrikaa bakka murteessaa akka ta'u kan taasise Galaanni Diimaa ammoo, Baha Giddugaleessaafi Galoo Galaanaa Galf irraa boba’aa, Eshiyaa irraa ammoo oomishaalee indastirii gara Awurooppaafi Ameerikaatti ittiin darba waan ta'efi.

Sababa kanaaf jecha biyyoonni jajjaboon addunyaa biyyoota naannawa Gaanfa Afrikaatti argaman waliin michoomuun to’annoofi dhiibbaasaanii cimsuu barbaadu.

Biyyoonni hedduunis Galaana Diimaafi Galoo Galaana Eden irratti kan argamu ulaa Baab-el-Maandab irratti humna waraanaa isaanii bobbaasuu fedhii qabu.

Biyyoonni kaan ammoo naannichatti maadhee waraanaa hundeeessuun loltoota qubachiisaniiru.

Kanarraa ka’uunis naannichi dirree qabsoo biyyoonni jajjaboofi kanneen faayidaa isaanii eegsifachuu barbaadanii ta'un tureera.

Waggoota muraasa darban biyyoonni Gaanfa Afrikaa akkasumas biyyoonni Lixaa, soreeyyooti biyyoota Arabaa, Tarkii, Raashiyaafi Chaayinaan naannicharratti kallattiiwwan adda addaatiin dhiibbaa uumudhaaf kan danda'ameef hunda gochaa turan.

Biyyoonni akka Chaayinaafi Ameerikaan jiran ammoo ambaasaddaroota kophaatti dhimma naannicharratti hojjatan muudaniiru.

Ji’oota darban keessa Ministiroonni Dhimma Alaa Ameerikaafi Chaayinaa yeroo garaa garaatti Gaanfa Afrikaa dabalatee biyyoota Afriikaa keessatti irra deddeebiin daawwannaa taasisaniiru.

Biyyoota buufata waraanaa biyya alaatti hundeessan keessaa biyyoonni kanneen Gaanfa Afrikaatti buufata waraanaa hin qabne lakkoofsaan muraasa qofaadha.

Buufataaleen waraanaa kunneenis buufataale doonii humna galaanaa, humna qilleensaa fi giddugaleessa leenjii waraana of keessatti hammata.

Ofii biyya kam fa'itu Gaanfa Afrikaatti buufata waraanaa hundeeffatan?

Buufataalee waraanaa Jibuutitti hundeeffaman

Ameerikaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaan erga bara 2011tti haleellaan shororkeessitootaa irra qaqqabeen booda gaheen Gaanfa Afriikaa keessatti qabdu ol ka'eera.

Bara 2001tti Jibutiin Camp Lemonnier Ameerikaatti kireessite.

Kaayyoo buufata waraanaa dhaabbataa gochuuf qabaniin heektaara 39 irraa gara heektaara 202tti akka guddatu taasifame.

Bara 2012'tti Ministeerri Ittisa Ameerikaa buufata waraanaa kana misoomsuuf doolaara biliyoona 14 ramaduuf karoorse.

Yeroo sanatti bulchiinsi Pirezidant Baaraak Obaamaa, liizii waggoota 30'f turuf waliigaltee taasisuun alattis baasiin isaa kan waggaa doolara miliyoona 63 akka ta'u ibsamee ture.

Buufanni waraana Jibutiitti argamu kun loltoota Ameerikaa fi biyyoota wal ta'an kaanii 2,000tti dhiyaatan qabateera.

Bara 2017 loltoonni 4,000 yeroodhaaf Jibutiitti qubsiifamanii akka turan ibsameera.

Waraana lafoo, miseensoota humna galaanaa fi humna qilleensaa qabachusaatiin alattis, Ameerikaaf basaasaafi dirooniiwwan ardittii keessaa qabduuf jidduugala ta'un tajaajila.

Chaayinaa

Biyyoota Afrikaa waliin hariiroo daldalaa cimaa kan qabdu Chaayinaan bara 2008 Galoo Galaana Eden irratti saamicha galaanaarratti duula bante.

Chaayinaan waggoota kurnan ittaanu keessatti loltoota 26,000 naannichatti bobbaaste.

Waraanni Chaayinaa bara 2009-2013 deeggarsa loojistikii buufata waraana Jibutiirraa argata ture.

Chaayinaan maadhee waraanaa Jibutiitti kan hundeessite bara 2017 ture.

Maadheen waraana kun deeggarsa loojistikii kennuurra darbee Chaayinaan saamicha galaanarraa qolachuu, naga-eegumsaafi duula biyyattiin gaggeessitu cimse.

Chaayinaan lammilee ishee iddoowwan walitti bu’insi jiru keessaa baasuurra kan darbe qabeenya biyyoota biroo keessaa qabdu eeguuf maadhee waraanaa kanatti gargaaramti.

Maadheen waraanaa Chaayinaa Jibuttitti argamu buufata doonii Doraalehi gara Kibbatti argama.

Maadheen waraanaa kun lafa heektara 36 irratti kan argamu yoo ta’u, kontiraata liizii waggoota 10’f turu Chaayinaan Jibutii waliin mallatteessite.

Chaayinaa waggaatti doolara miliyoona 20 akka kaffaltu ragaaleen kan agarsiisan.

Faransaay

Faransaay buufanni waraana biyya alaati qabdu guddichi Jibutiitti kan argamu ennaa tahu, xumura bara 1970 eegaltee biyya koloneeffatte kana keessatti maadhee waraana ijaarratte.

Firaans loltoota naannoo magaalota Jibutii garaa garaa keessa qubsiisuun maddiitti, Baha Afrikaa, Garba guddaa Indiyaa, ykn Baha-giddugaleessaatti akka bobba’aniif qopheessiteetti.

Waliigaltee Jibutiifi Faransaayi bu’uureffachuun waraanni Faransaayii daangaa lafaafi qilleensaa Jibutii eeguuf dirqama qaba.

Maadheen waraana Faraansaay loltoota Jarmaniifi Ispeen dabalatee loltoota biyyoota Awurooppaa saamicha galaanarratti duulan simata.

Waraanni biyyattii loltoota biyyoota Afrikaa biroo waliin shaakala waraana gaggeessa.

Waraanni kun naannoo Gaanfa Afrikaatti qooda qaburratti paarlaamaan biyyattii gaaffii kaasullee, ergamni waraanaa biyyattiin naannichatti gaggeessitu hin geeddaramne.

Buufata waraanaa Faransaayii Jibuuti qabdu keessatti biyyoota waraana isaanii bobbaafatan keessaa tokko Jarmanidha.

Jarman Baha Afrikaatti loltoota kan bobbaafte bara faranjootaa 2001 eegaleeti.

Jarman duula Gamtaan Awurooppaa gaggeessu keessatti loltoota ishee muraasa hammachiiftetti.

Ispeenillee loltoota 50 maadhee waraana Faransaayi Jibutii qabdutti bobbaaste.

Ispeen bara 2008 irraa eegaltee Gamtaa Awurooppaa jalatti dooniwwanii fi xiyyaarota basaasaafi waraana bobbaaste.

Sababii Jibuutii teessuma murteessaa irratti argamtuuf biyyoonni hedduu ni barbaadu

Tarkii

Tarkiin humni galaanarra saamicha galaanarraatti akka duulu danda’u bara 2009 seera baaste.

Tarkiin gara booda duula farra saamicha galaanarraa idil-addunyaa handaara Somaaliyaatti gaggeeffamutti dabalamte.

Bara sanarraa eegaltee Tarkiin humna galaanarraa gara Galaana Diimaa, Galoo Galaana Eden fi Galaana handaara biyyoota Arabaatti argamanitti irra deddeebiin bobbaafte.

Biyyattiin magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqadishootti buufata waraana ijaarrattetti.

Maadheen waraanaa kun Tarkiin maadhee isa guddaa biyyaan alatti ijaarrate yoo ta’u, doolara Ameerikaa miliyoona 50 itti baastetti.

Buufanni waraanaa kun loltoota biyyattii 200 simachuu danda’a.

Tarkiin waraana Somaaliyaaf leenjiis ni kenniti.

Kana malees, Tarkiin kontiraata liizii ganna 99’f Sudaan waliin mallatteessuun odola Sawaakin iddoo hawwata turistii gochuuf murteessitetti.

Waliigalteen kun Ankaaraan buufata humna waraanaa galaanarra akka ijaartu akka gargaaru Sudaan ibsiteetti.

Waliigaltee kana miidyaaleen biyyoota Masrii fi biyyoota naannoo Galoo Galaanaatti argamanii ija gaariin hin ilaalle.

Keessattuu Tarkiin waliigateen Sudaan waliin mallatteeffame tajaajila waraanaa oolchuu akka dabalatu biyyoonni lamaan adda addatti erga beeksisanii booda mufii uume.

Yunaayitiid Arab Emireetis (UAE)

Yuunayitiid Arab Emireetis - UAE Baha Afrikaatti sochii Iraan daangessuuf biyyoota naannichaa waliin hariiroo dinagdeefi waraana cimsaa jirti.

UAE'n Jibutiitti maadhee waraana ijaarrachuuf karoorsitee kan turte yoo ta’u, hariiroon biyyoota lamaanii qorrurraa kan ka’e otoo hin milkaa’in hafe.

UAEn booda maadhee waraana Ertiraa buufata Asabitti ijaaruuf murteessitetti.

Yuunayitiid Arab Emireetis maadhee waraanichaa ijaarte xumuruun yeroo waraana Yaman keessatti hirmaanna ishee cimsatte.

Maadheen waraana kun qoqqobbii meeshaalee waraana Asmaraarra kaa’ame darbuun ijaarame jedhamuun qeeqni irratti dhiyaataa ture.

Kana malees waraana Somaaliyaa leenjisuu maqaa jedhuun, Moqdishootti maadhee waraanaa ijaarratte.

Gara booda biyyoonni lamaan waliigaltee dhabnaan maadhee waraana ijaarte gadhiistee baate.

UAE kutaa Somaaliyaa biyya walabaa ta’uu labsatte Somaalilaand, Barbaraatti buufata xiyyaara waraanaa ijaaruuf waliigalteetti.

Ijaarsi buufata doonii waraanaa fi buufanni xiyyaaraa waggoota 25’f turu kun eegalamee ture.

Biyyattiin maadhee waraanaa km2 42 bal’atu ijaaruuf doolaara Ameerikaa miliyoona 90 baasti jedhame.

Yunaayitiid Kiingidam (UK)

UK humnoota waraana Ameerikaa Gaanfa Afrikaatti argamu waliin hariiroo uumuun loltoota lakkoofsaan muraasa maadhee waraana Camp Lemonnier Jibutiitti argamutti bobbaafte.

Buufata doonii Yamaniirra gara ulaa Baab-el Maandabitti daldalli gaggeeffamu, haleellaa qaqqabuu maluun akka hin gufannee qolachuuf UK’n humna addaa naannichatti bobbaafte.

Raashiyaa

Raashiyaan A.L.A bara 2008 duula farra saamicha galaarraa bante. Gara booda duula yeroof turu gaggeessite.

Dooniwwan waraanaa Raashiyaa naannichatti irra deddeebin bobbaafamaniiru.

Raashiyaan buufata doonii Jibutii fi buufataalee doonii birootti gargaaramaa turte.

Raashiyaan Galaana Diimaafi Galoo Galaana Edenitti humna cimsachuu akka barbaadutu ibsama.

Sudaan ammoo humna itti cimsachuuf bakka filatamudha.

Jibutiin Raashiyaaf maadhee waraana erga eeyyamtee booda biyyoonni alaa iddoo irratti wadhaban akka hin taane yaadda’uun gara boodaa diduun gabaafame.

Sudaani fi Raashiyaan irra deddeebiin erga mariyatanii booda dhimma maadhee waraana ijaaramurratti waliigalutu gabaafame.

Bara 2008 ammoo Ertiraa waliin buufata doonii lojistikii ijaaruuf waliigalamuun himamee ture.

Doonii Ispeen buufata Faransaayi Jibuutti argamutti

Madda suuraa, Getty Images

Indiyaa

Chaayinaan Jibutii keessa humna qubsifachuu hordofee, Indiyaan loltoota ishee irra-deddeebiin naannichatti bobbaaftetti.

Indiyaan maadhee waraanaa Jaappaan Jibutiitti argamutti waliigatee mallatteessun hirmaachuuf marii eegaltee turte.

Indiyaan Ameerikaafi Faransaay waliin maadheewwan waraana Garba guddaa Indiyaarraa qabanitti hirmaachu eegaltetti.

Bara 2018 ammoo Oomaan waliin walgatee mallattessuun karaa buufata doonii Duqim humnoota galaana isheef deeggarsa loojistikii dhiyeessiti.

Kana malees Indiyaan Madagaaskaritti maadhee waraana ijaaruun dooniwwan biyyattii saamtota galaanarraa eeguufi sochii Chaayinaan morkachuuf dhama’aa jirti.

Indiyaan Sisheelsi, Moorishesi fi Sirilaankaatti raadarota dooniwwan baasasan dhaabu beeksisteetti.

Indiyaan Sisheelsi waliin waliigaltee waraanaa ganna 20’f turu mallatteessitetti.

Xaaliyaan

Maadheen waraanaa Xaaliyaanii Jibutii buufata xiyyaaraa Ambulii cinatti argama.

Xaaliyaaniin humna galaanaa ishee naannichatti argamu deeggaruuf maadhee waraanaa bara 2013tti dhaabde.

Maadheen waraana kun loltoota 300 keessummeessu kan danda’u yoo ta’u, miseensota waraana 80 qofa qaba. Xaaliyaaniin waggaatti doolara miliyoona 2.6 kaffalti.

Jaappaan

Jaappaan ALI bara 2009 irraa eegaluun saamtoota galaanarraatti duuluuf dooniiwwan waraanaa fi xiyyaarota ishee gara Galoo Galaana Edenitti bobbaasu eegalte.

Waggoota lama booda Jibutiitti maadhee waraana ijaarratte. Maadheen waraana heektara 12 ta’u kun loltoota 180 qaba. Jaappaan ijaarsa maadhee waraana kanaaf doola Ameerikaa miliyoona 40 baasutu gabaafame.

Naannichatti Chaayinaa humna cimsachaa jiraachu hordofuun Jaappaan maadhee waraana cimsachuuf karoorfatte.

Jaappaan loltoota biyyoota Baha Afrikaaf leenjisti.

Kana malees Indiyaa waliin Jaappaan waliin buufata doonii waliin ittigargaaramuuf murteessaniiru.

Sa’ud Arabiyaa

Walitti bu’iinsa Yaman keessatti adeema jiruun walqabatee Sa’ud Arabiyaan naannichatti qoodni humna waraana naannichatti qabdu dabaleera.

Loltoonni Sa’udii jalqaba Jibutii qubatanii turan.

Bara faranjootaa 2015 hariiroon Yuunitid Arab Emireetifi Jibutii laafuu hordofee waraana ishee iddoo biraa qubsiisuuf karoorsu eegalte.

Sana booda Sa’udiin loltoota ishee Asabifi Jiddaa qubsiifachuuf filatte.

Sa’udiin bara 2016 maadhee waraana hundeessuuf waliigaltee Jibutii waliin mallatteesite.

Walitti bu’iinsa Yamanitti eegalame booda Sa’udiin humna galaanaarra heddu Galoo Galaana Edeniifi Galaana Diimaatti bobbaaste.

Humna galaanarraa waloo

Humna galaanarraa waloo Ameerikaan hogganamu humnoota galaanarra biyyoota 33 of jalatti hammateera.

Humni galaanarraa waloo kan hundaa’ef shororkeessummarratti xiyyeeffachuun saamicha galaanarraa qolachuu, tumsa waloo naannichatti cimsuufi naannoo galaana tasgabbii qabu uumuu bu’uura akka godhatetu himama.

Kana malees, biyyoonni waltumsuun Gaanfa Afrikaatti maadhee waraanaa hundeessuurra darbuun loltoota bobbaasuun saamicha galaanarraafi shororkeessummaa ittisuurratti hojjatu.