Riyaal Maadiirid Imbaappee fi Haalaandi barbaada jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Riyaal Maadirid yeroo jijjiirraa gannaa dhufu kanatti maallaqa guddaa baasuun taphattoota urjii lameen Kiiliyaan Imbaappee fi Erlingi Haalaandi mallattesisuu barbaada.
Imbaappee ganna 24 kan tahe kilaba PSG waliin kontiraata isaa haaressuu waan dideef wal dhabdee keessa galee ture.
Maan Siitiin ammoo taphataa isaanii galchii Piriimer Liigii bara dorgommii tokkoo cabsee fi waancaa sadii bara tokkotti akka injifatan isaan gargaare Haalaandiif kontiraata yeroo dheeraa dhiyeessaniiru.
Arsenaal karra eegaa Deevid Raayaa kan ergisaan Bireentifoordi irraa fudhate ji'a Amajjii kanatti dhaabbiin mallattesisuu barbaada. [Faabrisiyoo Roomaanoo]
Bara kana jalqabbiin isaa kan gadi bu'e Maan Yuunaayitid, sarara ittisaa isaa cimsuu barbaada.
KIlaba biyya Faransaay Niis irraa Jiin Kileer Toodiboo fi Ispoortiingi Liisban irraa ammoo Gonkaaloo Inaasiyoo mallattesisuu barbaada. Isaan kunneen kilebicha gadhiisa jedhamee kan eegamu Raafaa'el Vaaraan bakka bu'u jedhamee eegama.
Dabalataan Kaazemiiroon amma ganna 31 kan tahe ji'a Amajjii kanatti Maan Yuunaayitidii bahuu mala jedhamaa jira. Barruun odeeffannoo kubba miilaa gabaasuun beekamu 'Teamtalk' Yuunaayitid haaromsa waan barbaaduuf taphattoota hedduu gaggeessuu danda'a jedhe.
Paawondii miliyoona 60'n Riyaal Maadirid irraa Yuunaayitid kan gale Kaazemiiroon, gara kileboota Sawud Arabiyaa deemuu mala jedhama.
Maanchister Siitii v Liiverpuul
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphni Piriimer Liigii sababa taphoota internaashinaalaaf adda citee ture deebi'eera.
Taphni jabaan torban kanarra eegamu ammoo Maanchsietr Siitii fi Liiverpuul gidduutti kan gaggeeffamudha.
Taphni kun Sanbata irra kan gaggeeffamu taha. Maan Siitiin yeroo darbe Cheelsii waliin galchii afur qixa xumuruun qabxii yoo gatu, Liiverpuul bara kana fooyya'insa guddaa agarsiiseera.
Kileboota sadarkaa 1-5 jiran qabxii sadii qofatu adda baasa. Maan Siitiin qabxii 28'n yoo dursu, Liiverpuul qabxii 27'n itti aana.
Taphni biraan eegamu Chelsii fi Niwkastil gidduutti kan gaggeeffamudha.
Kilebootni lameenuu miidhama taphattootaan qoramaa turan.
Niwkaastil jalaa Siiven Bootman, Harvii Barnes, Koolum Wiilsan, Jaakob Marfii, Daan Barnii fi Maat Taarget miidhamaniiru.
Cheelsiin booda kana bayyaannachaa jira. Kiristoofer Inkuunkuu fi Roomiyoo Laaviyaan shaakala jalqabaniiru.
Niwkaastil taphoota Shampiyoonsi Liigiis itti aansee waan qabuuf taphattoota isaarra dhiibbaan jiraachuu mala.
Arsenaal kilaba gahumsa gaarii agarsiisaa jiru Bireentifoordi waliin taphata.
Maanchister Yuunaayitid Everteen waliin morkata. Everteen sababa ragaa sobaa bu'aa kilebichi waggoota sadii keessatti argate dhiyeesseef qabxiin kudhan akka irraa hi'atu murtaa'eera.
Everteen bara darbe torbanoota xumuraa irratti Piriimer Liigii keessatti hafuu isaa mirkaneeffate. Bara kanas qabxii kudhan adabamuun sadarkaa 19ffaati gadi bu'eera.
Maan Yuunaayitid miidhama taphattootaa, abbaa qabeenyummaa kilebichaa fi rakkoo naamusa keessoo taphattootaan qoramaa jira.















