Haarii Maagweer dhiifama qondaalli Gaanaa itti qoosuu isaaniif gaafatan fudhachuu ibse

Madda suuraa, Reuters
Miseensi Parlaamaa Gaanaa taphataa kilaba Manchestar Yunaayitid Haarii Maaguweer fakkeenya fudhatee itti qoosuusaaf dhiifama gaafate.
Ayizaak Adoongoo bara darbe parlaamaa Gaanaa keessatti osoo dhimma bajataarratti falmii gaggeessanii taphataa sarara ittisaa Manchestar Yunaayitidiif taphatu Haarii Maaguweer fakkeenya fudhachuun dubbate.
Akkuma Haarii Maagweer galchii kilabasaatti lakkoofsisu, ittaanaa Pirezidaantii Gaanaa kan ta'an Mahaammadu Baawumiyaa diinagdee biyyattiirratti lakkoofsisa jechuun dubbatee ture.
Haarii Maagweer yeroo heddu kilabasaa Yunaayitid irratti lakkoofsisuu isaarraa kan ka'e qeeqamaa ture.
Miseensi parlaamaa Gaanaa kun amma Haarii Maaguweer gahuumsa isaa fooyyesseera jechuun "taphataa jijjiirama guddaa argisiise" jechuun jaje.
Taphataan sarara ittisaa Maan Yuunaayitid Paawondii miliyoona 80'n kilabicha gale dhiifama qondaala siyaasaa Gaanaa kana fudhachuu ibse.
Maagwer fuula X [Tiwiiter] irratti ''dhiifama kee fudhadheera...dhiyootti Ooldi Tiraafoorditti wal argina'' jedhe.
Mahaammadu Baawumiyaa yeroo sana paarlaamaa keessatti Maagwer ''taphattoota sarara ittisaaf yaaddoo taheera'' jedhee ture.
Mahaammaduun ogeessa diinagdeefi gaggeessaa koree bulchiinsa diinagdee Gaanaa yoo ta'an biyyattii keessatti rakkoo diinagdee mudate furuu hin dandeenye jechuuni parlaamaa keessatti Haarii Maaguweeritti kan fakkeeffamanii ture.
Gaggeessaa Kubbaa Miilaa Ingiland kan ta'an Gaariz Saawuzgeet miseensi parlaamaa Gaanaa Haarii Maaguweeritti qoosun sirrii akka hin taane mormanii ture.
Taphataan kun garichaaf bu'uura akka ta'e ibsuun qoosaa itti qoosame balaaleffatanii ture.
Haati Haarii Maaguweeris "ilmi koo nama itti qoosan miti" jechuun itti qoosamuusaatti baay'ee gadduu ibsitee turte.
Haa ta'u garuu, Haarii Maaguweer keessumaa tapha Pirimerliigii bara kanaa keessatti sarara ittisaa Maanchestar Yunaayitidiif oolmaa guddaa oolaa jira jedhamuun jajamaa jira.
Miseensi Parlaamaa Gaanaa isa fakkeenya fudhachuun aangawaa Gaanatti qoosanii turanis gahuumsa Maaguweer fooyya'e kana arguuni dhiifama kan gaafatan.












