Leenjisaan Arsenaal Arteettaan himatame, hogganaan kilabichaa badhaafame

Arteettaan yaada tapha Niwkastil booda kenneen himatame

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteettaan yaada kilabni isaanii Niwkaastil waliin taphatee 1 fi 0'n mo'ame booda kennaniin himataman.

Waldaan Kubba Miilaa Ingiliz leenjisicha irratti himata kan bane yaada Arteettaan murteessaa taphichaa ilaalchisuun kennan hordofeeti.

Arteettaan gargaaraa murteessaa Viidiyoo [VAR] galchiin Niwkaastil akka kennamu murteessan ''waan nama qaanessu'' jechuun qeeqan.

Galchii Antoonii Goordon Arsenaal irratti lakkoofsise si'a sadii ilaalamuun murtee wal fakkaataan darbe.

Arteettaan hanga Kibxata dhufuutti himata irratti dhiyaateef deebii kennuu danda'a.

"Yaada inni kenne arrabsoo of keessaa qaba. Taphicha gara dubbiitti kan geessu ture, amala hin barbaachifne qaba'' jechuun waldichi himate.

Arsenaal ibs abaaseen yaada leenjisaa isaa Arteettaa deeggaree ture. Booda Arteettaan kilaba isaaf dhaabbachuu fi falmuun ''hojiikoti'' jechuun dubbate.

Kilbni isaa Arsenaalis murteen murteesitootaan fudhatame ''fudhatama hin qabu'' jedhe. Taphattoota, leenjistootaa fi deeggartootaaf murtee gaarii ''kanaa oliitu mala ture'' jedhe.

VAR galchii Goordon irratti kallattii sadiin ilaaleera. Kubbi baatee jirti yoo tahe, yoo balleessaan taphataa Arsenaal irratti hojjetameera tahe, fi yoo taphaan ala [offside] taheera tahe jedhamuun ilaalamee galchiin sun kenname.

Murteewan VAR Piriimer Liigii keessaa kan xiinxalanii fi hogganaa waldaa murteesitootaa kan tahan Howaardi Weeb, murtee murteessan taphichaa Istuwaarti Atweel fudhatan deeggaraniiru.

Dabalataan adeemsa murtichi itti fudhatames sirrii tahuu deeggaran.

Gama biraan daarikterri Arsenaal Edu Gaspar daariktera kilaba kubba miilaa cimaa Awurooppaa tahuun badhaafame.

Edun badhaasa 'Golden Boy 2023' kennamerratti badhaasicha mo'ate.

Edun leenjisaa kilabichaa Arteettaa waliin kilabicha bakka kufee kaasuuf hojii guddaa hojjeteera.

Badhaasa Golden Boy 2023 taphataan Riyaal Maadirid Juud Beelingihaam mo'ateera.

Gama biraan Everteen bu'aa waggoota sadii keessatti argatee fi kasaaraa irra gahe dhoksuun qabxin kudhan akka irraa hir'ifamu murtaa'e.

Everteen bara 2021-22 keessa kasaaraa irra gahe dhoksuun ture qaama walabaan qoratamee kan saaxilame.

Kilabichi bara dorgommii darbe tapha guyyaa dhumaan ture Piriimer Liigii keessatti hafuu isaa kan mirkaneeffate.

Bara kanas jalqabbii gaarii hin agarsiifne. Amma garuu qabxii qaburraa kudhan yoo hir'ifamu qabxii afurin sadarkaa 19ffaa irra taa'a.

Himata wal fakkaataan seera faayinaansii ilaallatu Maanchister Siitii irrattis dhiyaachaa ture