Mesiin badhaasa taphataa cimaa waggaa kanaa FIFA injifate

Taphataan sarara fuulduraa Paaris Seent - Jarmanii fi Arjentiinaa Liyoonel Mesii taphataa cimaa bara 2022 jedhamuun badhaasa FIFA injifate.
Taphataa beekamaan ganna 35 kan ta'e Mesiin, taphataa sarara fuulduraa lammii Faransaayi Kiliyaan Imbappee fi Kaarim Benzemaa injifachuun badhaasa kana argate.
Mesiin dursaa garee kubbaa miilaa Arjantiinaa ta’uun Waancaa Addunyaa Qataar qopheessite irratti biyyasaa injifannoon gaheera.
Taphoota 49 irratti galchii 27 kilabiisaa fi Arjentinaaf bara 2021-22 gidduutti lakkoofsiseera.
Taphattuun Barseloonaa Aleksiyaa Puteyaas dubartii taphattuu kubbaa miilaa jabduu bara kana jedhamteetti.
Badhaasicha yeroo lammataaf kan injifate Mesiin:’’Waan ajaa’ibaati. Badhaasicha injifadhee bakka kanatti argamuun koo anaaf kabaja guddaadha,’’ jedhe.
Itti dabaluun ‘’taphattoonni garee kootii otoo nan tumsinee ani bakka kana hin gahu ture jedhe’’ Mesiin.
‘’Abjuun guyyaa tokko akkan galmaan gahu abdachaa ture milkaa'era. Namoota muraasa qofatu kana galmaan gaha, kana galmaan gahuu kiyyatti ani carra-qabeessa’’ jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sagantaa magaalaa guddoo Faransaayii Paarisitti qophaa’e kanarratti leenjisaan garee kubbaa miilaa Arjentinaa si’a sadaffaaf Waancaa Addunyaaf qaqqabsiisan Li’oonel Iskaloniin ammoo leenjisaa cimaa bara kanaa jedhaman.
Iskaloniin leenjisaa Maanchistar Siiti, Pep Gaadiyoolaa, si'a afuriif [walumaagala kan kilabichi milkaa'e si'a jaha] waancaa Pirimeeyer Liigii akka injifatu kan gargaaran akkasumas Riyaal Maadiriid Chaampiyeensi Liigii akka injifatu kan taasisan Kaarloo Ancholootii injifachuun badhaasa kanaaf gahan.
Leenjistuun garee kubbaa miilaa Ingilaand Serinaa Weyigmaan ammoo gareen isaanii bara darbe shaampiyoonaa Awurooppaa ta’uusaatiif leenjistuu jabduu garee kubbaa miilaa injifatan.
Karra eegaan Aston Viilaa fi Arjentinaa Emiliyaanoo Maartineez, karra eegaa hunda caala cimaa yoo jedhamu, gama dubartootaan karra eegduu cimtuun garee kubbaa miilaa Ingilaand irraa Meerii Erpis ta’uun ibsame.
Taphataan ganna 30 Maartinez rukuttaa peenalitii afur baraaruu dabalatee, biyyisaa Waancaa Addunyaarratti Faraansaay akka injifattu qooda guddoo gumaache.
Taphataan miillisaa irraa murame Maarkin Oliksiyi garee Waartaa Poznaan irraa goolii miidhagaa galche jedhamuun badhaasa waggaa FIFA injifate.
Badhaasi kuni badhaasa Baalon d'Or irraa addadha.












