Namoonni fakkii intarneetii irraa buusuu danda’an maaliif doolaara miiliyoonaan lakka’amuun bitu?

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaan warra Lixaa, namooti aartiifi jaalattoonni kiriiptookaransi yeroo dhihoon asitti dhimmi irratti haasa’an NFT dha.
Cancala sirna kiriiptookaransii irratti kan hirkatu ‘NFT’n qalbii namoota baayyee booji’aa jira.
Waggaa tokko dura dhalataan Indiyaa tokko doolaara miliyoona 67 baasee aartii killeyyaa ‘digital art’ bituun ijoo dubbii tahee ture.
Hundeessitoota miidiyaa hawaasaa Tiwiitar keessaa tokko kan tahe Jaak Doorsii ergaan barreefamaa yeroo jalqabaaf Twitter irratti barreesse NFT dhaan doolaara miiliyoona 2.9 gurguramuun namoota baay'ee ajab jechisiiseera.
NFT’n garuu maali?
Gabaajeen ‘NFT’ - gaalee ‘Non fungible token’ jedhu bakka bu’a.
Yaad-rimeen ‘NFT’ hubachuufi akkamiin hojjeta kan jedhu baruuf dhimmoota bu’uuraa sadii dursinee beekuun nurraa eegama.
Inni jalqabaas ‘non-fungible’ isa jedhu yoo tahu, hiikaa gama diinagdeen ilaalamu qaba, inni lammataa immoo yaad-rimee ‘block-chain’ jedhu hubachuu gaafata.
‘Fungible’ jecha jedhu galmeen jechoota Oksifoord, ‘’meeshaa tokko meeshaa wal-fakkaataa biraan bakka buusuu danda’uu,’’ jechuun hiika.
Gabaabumatti ‘fungible’ jechi jedhu waan geeddaraa qabu ykn meeshaa wal-fakkaataan jijjiiramuu kan danda’u akka jechuuti.
Fakkeenyaaf nootii birrii abbaa 10 kan abbaa birrii shanii lamaan geeddaruun ni danda’ama. Kana jechuun birriin abbaa 10 waan isa bakka bu’uu ykn ittiin geeddaramu qabaa jechuudha.
‘Non-fungible’ immoo faallaa kanaan kan geeddaraa hin qabne, kan bakka hin buufamne jechuu dha. Kanaaf immoo fakkeenya kan tahu fakkii Monaalizaa dha.
Fakkiin Li’oonaardoo Daavinchii harkaan kaasee Monaalizaa jedhee maqaa moggaase tokko qofaa dha. Fakkiin Monaalizaa kan biraatiin bakka buufamuu hin danda’u. Kanaaf ‘non-fungible’ dha jechuudha.
Kanaaf ‘non-fungible token’ jechuun kan hin geeddaramne ykn kan bakka hin buufamne jechuudha.
‘Blockchain’
Sirna kompitaroota miiliyoonaan lakkaa’aman walitti-hidhuun ergaa walitti erguu dabalatee sochiiwwan achi keessatti adeemsifaman hunda galmeessee kan qabatudha.
Mootummaanis tahe baankiin gidduu otoo hin galiin odeeffannoo bittaafi gurgurtaa kuufata.
Bittaafi gurgurtaa ‘Blockchain’ galmeessu kompiitaroota miiliyoonaan lakkaa’amaniirra waan taa’uuf haakarootaan haleellaan irra gahuu hin danda’u.
Hojii aartii tokko sirna NFT ‘blockchain’ irratti hundaa’u kanaan yeroo binnu, hojiin aartii kun kana dura eenyuuun, eessatti ykn qarshii hangamiin akka bitame akkasumas kan eenyuu ture kan jedhu beekuu dandeenya.
Namoonni ‘NFT’ dhaaf qarshii miiliyoonaan lakkaa’mu kaffaluuf kan hin sassanne maaliifi?
Suuraan armaan gaditti argitan doolaara miiliyoon 69 bitame.

Madda suuraa, Beeple/Christie's
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fakkii 'kolaaj' ykn suuraawwan hedduun walitti suphamanii tolfame kanaaf qarshiin hanga kanaa irratti haa bahuyyuu malee, namni kamuu ilaaluu danda’a.
Namni waraqaan maxxansee keenyan mana isaarratti fannisus hin dhibu taha.
Namoonni fakkii intarneetii irraa buusuu danda’an maaliif bitu?
Kanaaf akka deebiitti kan keennamu aartii dijitaalaa qofaatti dhuunfachuufi NFT akka filannoo invastimantiitti ilaaluu kan jedhu fa’i dha.
Sirni ‘blockchain’ hojii aartii aslii tahe akka qofaatti dhuunfataniif mirkaneessaaf.
NFT fayyadamuun namni tokko hojii artii eenyu birayyuu hin jirre ykn aslii tahe mala dijitaalaan akka qabaatu godha jechuu dha.
Gaazexeessituun miidiyaa ‘Business Insider,’ Girees Keey waggoota darban keessatti gatiin kiriiptookaransii dabalaa waan dhufeef namoonni NFT irratti maallaqa baasuu investimentii fuulduratti bu’aa isaaniif argamsiisu akka tahetti yaadu jetti.
Girees waan beekuu mallu tokkotu jira jetti. Gatiin NFT tokkoo kan tilmaamamu fedhii bittaa jiruuni jetti.
Hamma namoonni kaffaluuf fedhii agarsiisaniin gatiin hojii aartii dhiyaatee gad bu’uu ykn ol ka’uu mala jechuudha.
‘NFT’n carraa haaraa fidee dhufeera’
Komeediyaaniin maqaa wal-tajjii Toomaas jedhamuun beekamu, Iyyoosiyaas Ayyaalew hojii aartii dijitaalaa ofiisaa NFT dhaan gurgureera.
Toomaas fakkii geessituu tiwiitara armaan gadii keessatti argitan Etiiriyamii 0.1 gurgureera. Kunis gara birrii kuma 9 dha jechuudha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Koomeediyaaniin kuni, "NFT’n haala nuu salphisaa jira..fuulduratti namoonnii hojii aartii irratti bobba’anii jiraniif waan gaarii fidee dhufa," jechuun abdii inni NFT irraa qabu hima.
Komeediyaan Toomaas aartii dijitaalaa fakkii fuullisaaa irra jiruufi ‘Xorphaa Gaangis’ jedhaman kara NFT gabaatti yoo dhiyeessu, "gurguramuus, gurguramuu dhiisuus mala jedheen ture" jedha.
"Gurguramee qarshii gara giphii koo yeroo galu, waan kuni dhuguma, na jechisiise" jechuun yaadasaa ibsa.
Namni intarneetii irraa hojii aartii buusuu otoo danda’uu maaliif bita gaaffii jedhu Toomaasiin gaafannee turre.
Innis, "deebiinsaa gabaabaa dha, intarneetii irraa buustee keenyan kee irratti fannisuu dandeessa garuu kan kee miti. Abbaansaa nama tokko, qarshiin irratti bahes ni beekama," jedha.
Namoonni aartii dijitaalaa kan bitan faayaaf otoo hin taanee gatii qaba jedhanii waan amananiifi akkasumas gara fuulduraatti qarshiin inni baasuu ni dabala jedhanii yeroo amananiidha jedha.
"Gara fuulduraatti fakkiin harkaan kaafamu gatiinsaa gadi-bu’aa, kan dijitaalaa immoo dabalaa adeema, ‘’ jechuunis ibsa.












