Namtichi kiriiptookaransii doolaara miiliyoona 600 ol hate abbichaaf deebiise

Madda suuraa, Getty Images
Namtichi maallaqa kiriiptookaransii doolaara miliyoona 600 ol baasu karaa intarneetiin hate irra jirreessa maallaqichaa abbaaf deebiise.
Dhaabbanni Poly Network jedhamu tokko Kamisa kaleessaa toora tiwitara irratti akka mirkaneesseetti, kiriipitookaransiin Ether jedhamu doolaara miiliyoona 268 ta'u deebiifamuu hime.
Akkasumas sa'aatii 24 keessatti namtichi saamtuun kun maallaqa doolaara miliyoona 342 ta'u deebisuun dhagahame.
Namtichi karaa kompitaraatiin yakka odeeffannoo hatuu raawwatu kunis dhaabbata Poly Network jedhamu maaliif akka saameefi, beenyaa isaan isaaf kafaluuf waadaa galan ibseera.
Yoo kiriiptookaransii saame hunda deebiseef dhaabbatichi doolaara miliyoona 600 akka kanfaluuf waadaa galuufi himee, inni garuu akka itti walii galle hime.
Dhaabbatichi guyyaa Kamisaa kiriiptookaransii irra jireessa deebiifatuulleen, ammalleen maallaqni hanga tokko akka hafu ifa taasiseera.
''Namtichi saamicha kana raawwate ammas maallaqa doolaara miliyoona 33.4 ta'u harkaa qaba. Kanaaf ammoo sababiin jijjirraan kiriiptookaransii Tether jedhamu dabalusaati'' jechuun himu xinxaltoonni kiriiptokaransii Landaniitti argaman BBCtti wayita himaniitti.
Namtichi hanna raawwateera jedhame kunis maallaqa harkasaatti argamu deebisee kan kennu ta'ee ykn dhaabbatichi saamtu kanaaf beenyaa kanfale hanga yoonaatti hin baramne.
Dhaabbanni Poly Network jedhamu maallaqni olaanaan kuusaa isaa keessaa hatamuu ifa kan taasise Kibxata darbe ture.
Hannichaan boodas dhaabbatichi saamtoonni akka isa argataniifi maallaqa saaman akka deebisaniif akeekkachiisuun barreeffama toora tiwiitara isaa irratti guyyaa Kamisaa barreessee ture.
Saamtuun eenyummaansaa hin baramne dhaabbaticha jalaa maallaqicha kan fudhate bashannanuuf jecha ta'uufi Poly Network eegumsa qabeenyaasaatiif akka cimsu gochuuf ta'u dubbateera.
Eenyummaan nama hanna kana raawwatee baramu baatulleen dhaabbatichi garuu 'Mr White Hat' jechuun waamaan.
Saamtoonni (haakaroonni) karaa kompitaraa 'White Hat' jedhaman yeroo baay'ee kompitara keessa seenuun dhaabbileen akka eegumsa nageenyaasaanii cimsaniif kan yaadachiisaniidha.
Haata'u malee namoonni nageenya saayibarii irra hojjatan, dhaabbatichi nama hanna kana raawwateef beenyaa doolaara miliyoona walakkaa kennuuf akkasumas akka seera duratti hin himannee waadaa galuun hanna walfakkaatu jajjabeessa jechuun yaaddoo qaban ibsaa jiru.













