Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baha Giddu Galeessaatti waraana dhaabuuf maaltu ta'uu qaba?
Bara darbe ji'a Onkoloolessaa keessa Hamaas daangaa Israa'el cabsee seenun haleellaa osoo hin gaggeessin torbee lama dura, Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa US Jaak Sulivaan akkas jedhanii ture: "Naannon Baha Giddu Galeessaa waggoota digdamman darban keessatti yeroo kam caala tasgabbaa'adha.
Isaan kana jedhanii torbee lama booda Hamaas ibidda waggaa tokkoo oliif Baha Giddu Galeessatti boba'aa jiru qabsiise.
Israa'el weeraree namoota heddu ajjeese, kaan butee fudhatee Gaazatti gale. Israa'el haaloo bahuuf waraana Gaazatti bobbaastee ammayyuu lolatti jiru. Lola kanaan lammiileen Filisxeem 42,000 ta'an du'aniiru.
Waggaa tokko booda Israa'el fuulashee gara Libaanositti deebistee jirti. Hezbollaa irratti duula waraanaa banuun Hasan Nasrallaa dabalatee qondaalota olaanoo garichaa heddu ajjeestetti.
Waraanni Baha Giddu Galeessatti Israa'elifii Hamaas gidduutti eegale qaamolee heddu hirmaachisee jira. Hidhattoota Huutii, Hezbollaa, milishoota Shiyaa Iraaqiifi Sooriyaa keessa jiran, boodarra ammoo Iraantu itti dabalame.
Waraanni kun akka hin babal'anneef biyyoonni akka USfi UK fa'aa dhiibbaa dippilomaasii gochuun alatti humna galaanaa isaanii gara Galaana Meditiraaniyaatti geessun dhiibbaa gochuu yaalaa turan.
Iraan marsaa lama misaa'elaafi diroonin Israa'el irratti haleellaa gaggeessitee jirti; marsaa jalqabaarratti Israa'el deebii cimaa akka hin kennine US dhiibbaa cimaa goote. Marsaa lammataa irratti Iraan misaa'ela 200 ta'uun yeroo Israa'el haleeltu, Israa'el deebistee haleellaa gaggeessuf mirga akka qabduufi akka deeggartu US beeksifte.
Amma Israa'el haleellaa akkamii gaggeessiti kan jedhutu eegamaa jira. Ministiirri Ittisaa Israa'el Yaa'ov Gaalant Onkoloolessa 9 haasaa taasisaniin, "Iraan halellaa isheen yaaddee hin beeknetu ishee eeggata, inumaayyuu maaltu akka ishee haleele hin beektu" jechuun dubbatan.
Waraanni kun akka hin babal'anneef dhiibbaa nan taasisa jechuun qondaalonni Ameerikaa si'a heddu gara Israa'eliifi Baha Giddu Galeessatti deddeebi'anis waan milkoofte hin fakkaattu.
Inni abidda Baha Giddu Galeessaa qabsiise amma waa'ensaa dagatameera. Yaadi namaa dhimma Hamaasifi Gaazaa irraa ka'ee Hezbollaafi Iraan irra ta'eera.
Dhimmi lammiilee Israa'el butamanii harka Hamaas jiraniis akkasuma.
"Nuyi qarqaratti dhiibamneerra," jedha kan ilmisaa Hamaasiin jalaa butame Yihudaa Koohen. "Waraana gatii hin qabne kan diinoota keenya hunda tuttuqee nutti kaase kanaaf itti gaafatamaan Netaaniyaahudha," jechuunis komata.
Lammiilee Israa'el hunda miti kan yaada kana qabu. Jalqaba yeroo Hamaas haleellaa Israa'el irratti raawwatu, kufaatii tikaa biyyattii mudateef bulchiinsi Netaaniyaahuu baay'ee qeeqame.
Ji'oota muraasa garuu fudhatamni Beenyaamin Netaaniyaahuu qabu dabaleera. Keessumaa Libaanos keessatti raadiyoon qunnamtii Hezbollaan itti fayyadamu dhodhohuu, qondaalonni Hezbollaa heddu ajjeefamuufi Hezbollaarratti duula waraanaa labsuun hamilee lammiilee biyyattii bayyanachiisera.
Humni tikaa haleellaa Hamaas dursee dhaabuu hin dandeenye jedhamee komatamaa ture, ajjeechaa qondaalota Hamaasii fi Hezbollaa irratti raawwatame booda heddu jajamaa jira.
Haa ta'u garuu kun garamitti geessa? Furmaanni waraan maaf dhabame? Abiddi waraanaa kun yoo maal ta'e dhaabbata? Israa'el haleellaa waraanaa gaggeessituun nagaa fiduu dandeessii?
US ammayyuu abdii akka hin kutanne himti. Garuummoo filannoon pirezidaantummaa gaggeeffamuuf ji'i tokko yeroo hafuutti waraanni Baha Giddu Galeessatti babal'ataa jira.
Gama biraan ammoo haleellaa misaa'elaa Iraan Israa'el irratti gaggeessiteef Israa'el deebii akkamii laatti kan jedhus yaaddoo biraati.
Israa'el buufata gabbisa nikularaa ykn boba'aa Iraan haleeluu dandeessi kan jedhan jiru. Israa'el tarkaanfii akkasii akka fudhattu US hin barbaaddu. Sababni ammoo waraanni babal'atee Ameerikaa keessatti hirmaachisuu danda'a kan jedhuudha. Gabaan boba'aas addunyaarratti garmalee dabaluu danda'a kan jedhu sodaa biraati.
Beeniyaamiin Netaaniyaahuu Hezbollaa irratti milkaa'ina taaktikaalaa erga afrgatanii fuulasaanii gara Iraanitti deebisuun waan hin oolledha.
Torbaniin dura ergaa gabaabaa uummata Iraanif dabarsaniin "mootummaan abbaa irree" jijjiramee uummanni Iraan bilisa yeroon itti ta'u fagoo akka hin taane dhaaman.
Humonnoonni Iraanin deeggaraman Hezbollaafi Hamaas dadhabuurraa kan ka'e Iraan qophaashee Israa'el dhabamsiisuu ykn dadhabsiisuun itti ulfaata.
Israa'elis Baha Giddu Galeessatti biyya humna waraanaa jabaa qabdu taatus, deeggarsa Ameerikaa malee yaaddoo Iraan irraa itti dhufe dhabamsiisuu hin dandeessu.
Iraan keessatti mootummaan akka jijjiiramu gochuun ajandaa Joo Baayidanis ta'ee isaan bakka buuti kan jedhamtee eegamtu Kamaalaa Haaris irra hin jiru.
Doonald Tiraamp bara 2019 yeroo Iraan diroonii basaasaa US rukuttee kuffistu Iraan haleeluf dhaadatanii turanis boodarra Iraan haleeluu ni dhiisan.
Naannon Baha Giddu Galeessaa bifa kanaan raafama jedhee namuu hin eegne.
Gaazatti waraanni akkuma eegaleen, miidiyaa dabalatee namuu Gaazan akkamitti deebitee akka ijaaramtuufi waraanni erga xumuramee booda eenyu akka bulchu fa'aa dubbataa turan.
Kan mudate garuu faallaa sanaati- waraanni Israa'eliifi Hamaas gidduutti eegale amma gara Hezboollaafi Israa'elitti guddateera.
Israa'el Hamaasiifi Hezbollaa dadhabsiisera jettee gaafa amante, filannoon Ameerikaas erga xumuramee booda, Iraanifi Israa'el dippilomaasiif balbalasaabuu banuu malu.
Ammaaf garuu, sun hundi fagoodha.